Somaaliyaan waliigaltee waraanaa Masrii waliin wal ta'an jedhame raggaasiste

Madda suuraa, Getty Images
Kaabineen mootummaa Somaaliyaa baatii Amajjii keessa waliigaltee waraanaa Masrii waliin wal ta'an jedhame akka hojiirra oolu raggaasise.
Waliigalteen qabiyyeen isaa ifa hin taasifamne kuni kaabinee Somaaliyaa ALI Jimaata Adoolessa 12, 2016 walgaheen ragga’uu Tv'n biyyaalessaa gabaaseera.
Itoophiyaafi bulchiinsi Somaalilaand erga Waliigaltee Wal-Hubannoo walii mallatteessan booda mufii kan ibsan Pirezidantiin Somaaliyaa gara Masrii imaluun waliigaltee waraanaa ni raawwatu jedhamee ture.
Haa ta’u malee, waliigaltee waraanaa mallatteessuun isaanii ifatti hin ibsamiin turee torban kana gaafa Jimaataa walgahii kaabinee MM Somaaliyaa Hamzaa Abdi Baare hooggananiin ragga’un isaa ibsameera.
Waliigalteen waraanaa hojiirra akka oolu ragga’e qaama kamiinuu ammatti ifa hin taasifamne.
Dhimma Hidha Abbayyaa waliin walqabatee Itoophiyaa waliin muddama keessa kan seente Masriin waliigaltee karra galaanaa Itoophiyaan mallatteessite mormuun Somaaliyaa bira akka dhaabbattu kana dura ibsiteetti.
Waliigalteen karra galaanaa Itoophiyaafi bulchiinsi Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin mallatteessan Gaanfa Afrikaatti muddama uumeera.
Akkuma qaamoleen lamaan mallatteessuu ibsaniin guyyoota muraasa keessa Pirezidantiin Somaaliyaa Pirezidantii Masrii Abdul Fattaah al-Sisii waliin bilbilaan mari’atanii turan.
Yeroos ''Masriin ejjennoo cimaa Somaaliyaa akka dhaabbattu'' qabdu ibsu isaanii dubbii himaan Pirezidantii Masrii Ahimad Faami ibsanii turan.
Bilbilaan qofa osoo hin taane, Pirezidantiin Somaaliyaa Masrii akka daawwatan gita isaaniin waamicha isaaniif taasifameera.
Daawwannaa kanaafis Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Shek Mohaammud Ministira Ittisaa isaanii waliin Amajjii keessa gara Kaayiroo qajeelanii turan.
Daawwannaa kanarratti dhimma kamirrattu Masriin birmadummaa Somaaliyaa bira akka dhaabbattu Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaah al-Sisii ibsanii turan.
Yeroo daawwannichaa biyyoonni lamaan hariiroo lamaan isaanii gidduu jiru cimsuufi dhimmoota naannichaarratti wal ta'anii hojjechuuf mari'achuun isaanii ibsamee ture.
Waliigalteen maal fayyada?
Waliigalteen kuni Somaaliyaafi Masriin gama waraanaan akka wal tumsan taasisa.
Akkasumas humna ittisaafi tika Somaaliyaa cimsuuf deeggarsi, leenjiifi odeeffannoo walii qoodun akka jiru ibsameera.
Adeemsi Masrii kuni Itoophiyaarratti dhiibbaa uumuf kan kaayyeffatedha jedhu xiinxaltoonni.
Somaaliyaan waliigalteen waraanaa akka hojiirra oolu raggaasisuun waliigaltee karra galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaand akka hojiirra oolu dhiibbaa uumuu mala jedhu xiinxaltoonni.
Somaaliyaan Turkii waliinis waliigaltee waraanaa mallatteessiteetti.
Waliigalteen Somaaliyaan Turkii waliin taasiftees ifallee ta’u baatu Turkiin humna galaanaashee akka leenjistuufi hidhachiisuuf akkasumas galanaashee eegufi jedhameera.
Turkimmoo qabeenya galaanaa Somaaliyaarraa akka fayyadamtu gabaasonni mul'isuun isaani ni yaadatama.












