Itoophiyaan 'muddama mariin furuuf qophii miti' jedhan Pirezidantiin Somaaliyaa

Dubbiin Pirezidantii Somaaliyaa kuni haasaa Ministirri Muummee Itoophiyaa paarlaamaatti taasisan booda dhagahame

Madda suuraa, Villa Somalia/ Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbiin Pirezidantii Somaaliyaa kuni haasaa Ministirri Muummee Itoophiyaa paarlaamaatti taasisan booda dhagahame

Muddama dippilomasii Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru mariin furuuf Itoophiyaan qophii miti jedhan Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud.

Pirezidantichi Sambata Mana Maree Somaaliyaatti haasaa baniinsaa taasisaniin muddama dippilomasii biyyoota lamaa furuuf qophii ta’u ibsani.

Haa ta’u male, mootummaan Finfinnee jiru mariif qophii miti jechuun dubbatan.

Pirezidantichi kan kana jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad torban kana ''mootummaan Somaaliyaa nutti dubbachuurra gandarra naanna’e nuun himachuu filateera,'' jechuun erga dubbatan boodadha.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf bulchiinsa Somaalilaand Somaaliyaan akka qaama ofiitti ilaaltu waliin erga waliigaltee booda muddamni biyyoota lamaan gidduu hammaate.

Jalqaba torban kana jaarsummaa Turkiitiin biyyoonni lamaan baatii jaha keessa yeroo duraaf rakkoo isaan gidduu jiru haasaan furuuf marii taasisaniiru.

Mariin marsaa biraa akka jiraatus ibsameera. Xiinxaltoonni biyyoonni lamaan teessuma tokkorra mariif taa’uunu jijjiirama tokko jechuun ija gaariin akka ilaalan dubbataniiru.

Marii sana booda Pirezidantiin Somaaliyaa Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin seente addaan kutuuf ejjennoo hin mul’isine yookiin ejjennoo hin geddarre jedhani turan.

Eegasii booda Ministirri Muummee Abiy Ahimad ALI Waxabajjii 27, 206 paarlaamaatti dhihaachuun deebii kennan keessatti dhimma Somaaliyaas dubbataniiru.

‘’Nuun himachuuf biyyaa biyyarra adeemuun hin barbaachisu, Finfinnee dhufuun danda’ama. Mari’achuuf qophiidha,’’ jechuun dubbatan.

Pirezidantiin Somaaliyaa garuu muddama biyyoonni lamaan seenan furuuf mootummaan Itoophiyaa nu dubbisu hin yaalle jedhan.

''Itoophiyaan akka biyya ollaatti dhimmoota waqtawaa mariin furuuf nu dubbiftee hin beektu,'' kan jedhan Pirezidant Hasan ''oli gadii deemaa [garuu] jaarsummaa gaafatu,'' jedhan.

Jalqaba torban kana Pirezidantiin Somaaliyaa marii Turkiitti ta’ame Itoophiyaatu gaafate jedhanis turan.

'Mariin osoo hin jalqabin xumurame'

Jalqaba torban kana jaarsummaa Turkiin ministiroonni Itoophiyaafi Somaaliyaan marii erga taasisan booda rakkoo gidduu isaanii jiru mariin furuuf waliigalaniiru.

Haa ta’u malee, mana maree Somaaliyaatti haasaa kan taasisan Pirezidantiin biyyattii Hasan Shek Mohaammud Itoophiyaa qeeqan.

Itoophiyaan ejjennoo isheetti waan cichiteef ‘’mariin osoo hin eegaliin akka xumuramu’’ sababa ta’eera jedhan.

‘’Nuyi marii kana akka hin haqne hubachuun ni barbaachisa. Itoophiyaan yeroo biraatti akka ce’u gaafatteetti,’’ jedhan pirezidantichi.

Dabaluunis, kana dura Keeniyaa, Naayiroobiitti biyyoonni lamaan marii akka ta’an yaaliin taasifame Itoophiyaan waan diddeef osoo hin milkaa’in hafeeras jedhan.

Itoophiyaafi Somaaliyaan marii Turkiitti ta'aniin muddama mariin furuuf waliigaluu Turk ibsiteetti

Madda suuraa, MFA OF TURKEY

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaafi Somaaliyaan marii Turkiitti ta'aniin muddama mariin furuuf waliigaluu Turk ibsiteetti

Haa ta’u malee, ‘’Itoophiyaan mariif qophii ta’u dhabuufi qajeelummaa dhabuun’’ yaalii Turkiin jaarsummaa taa’uf yaalii taasisaa jirturra danqaa hin uumu amantaa jedhu qabna jedhan.

Pirezidantiin Somaaliyaa guyyaa Sambataa paarlaamaa biyyattiitti yoo dubbatan ‘’mootummaan Itoophiyaa kaleessa ollummaa gaariifi qajeeltoo idil-addunyaa cabse.

‘’Har’ammoo ejjennoo isaa seeraan ala ta’etti cicheera,’’ jechuun himan.

Somaaliyaan ‘’muddama kana hin uumne, waliigalteerra akka hin gahamnees danqaa hin keenye,’’ jechuunis dubbatani.

‘’Wanti tokko ifa gochuu barbaadu ummata Itoophiyaarraa miira jibbinsaa hin qabnu. Qormaata amma keessa jiranirraa akka bahan akkasumas milkii, nagaafi tasgabbiin onneerraa hawwaaf.’’

Itoophiyaafi Somaalilaand maal waliigalan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waliigalteen Itoophiyaafi bulchiinsa Somaalilaand Somaaliyaatiin akkaan mufachiise. Waliigaltee kana Somaaliyaan akka ‘weerarattin’ ilaala jechuunis ibsiteetti.

Somaaliyaan ambaasaaddara Itoophiyaa Somaaliyaa jiran biyyaa baasun ala ambaasaaddara ishee Finfinnee jiran ofitti waamteetti.

Waraana Itoophiyaa Gamtaa Afrikaa jala nagaa kabachiisuuf bobba’e akka biyyashee baastullee ibsiteetti.

Waliigaltee hoggantoonni Itoophiyaa fi Somaalilaand mallatteessan sirnaan hawaasaaf ifatti hin ibsamne.

Waliigaltee wal hubannoo wabii seeraa kan hin qabne yoo ta’u, Somaalilaand garuu ulaa galaanaa Itoophiyaan buufata dooniishee daldalaaf akka itti gargaaramtu eeyyamuuf waan qophoofte fakkaata.

Somaalilaand buufata doonii kam Itoophiyaaf akka eeyyamtu garuu ifa miti. Dhimma waraanaatiin kan walqabatus jira.

Somaalilaand ulaa gaalanaa humna galaanarraa Itoophiyaaf kireessuu akka dandeessu ibsite.

Itoophiyaan bal’inaan kana mirkaneessitetti. Kanaaf Somaalilaand Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessaa qooda argatti jedhame.

waliigaltee kana mormuun Somaaliyaatti hiriirri bahameera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, waliigaltee kana mormuun Somaaliyaatti hiriirri bahameera

Bakki dubbiin itti jabaatu Itoophiyaan Somaalilaand akka biyya walabaatti beekamtii ni kennitii? dhimma jedhu.

Waggoota 30 darban keessatti biyyi kamiyyuu kana hin raawwanne.

Gaafa waliigalteen mallatteeffamu Pirezidantiin Somaalilaand Musee Bihi Abdii, waliigaltichi gara fuulduraatti yeroo ta’etti Itoophiyaan Somaalilaand biyya walaba ta’uu isheef beekamtii akka kennitu kutaan waliigaltee akeeku jira jedhan.

Itoophiyaan garuu kana hin mirkaneessine.