'Humna addaa bifa haaraan ijaaruun hidhannoo hiikkachiisuu waliin wal hin qabatu'

Minister Deetaa Tajaajila Komunikehinii Itoophiyaa

Madda suuraa, EBC

Humna Addaa naannolee bifa haaraan ijaaruun kan barbaachiseef humna ittisaa cimaa akka biyyatti ijaaruun barbaachisaa waan taheef tahuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa humni addaa naannolee bifa haaraan akka ijaaramaniif hojiin jalqabamuu beeksiseera.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa kana kan jedhe ibsa idilee dhimmoota yeroo ilaalchisuun kenneenidha.

Humna addaa naannolee bifa haaraan ijaaruun akkuma odeeffamu naannoolee murtaa'an keessatti qofa osoo hin taane naannolee hunda keessatti yeroo wal fakkaataatti kan gaggeeffamu tahuunis himameera.

Humna addaa bifa haaraan ijaaruun hidhannoo hiikachiisuu waliin wal hin qabatu kan jedhan Deetaan Ministira Tajaajila Komunikeshinii Aadde Salaamaawit Kaasaa, miseensota humna addaa naannoleef filannoon sadii kennamuu himan.

‘’Tokkoffaa miseensotni humna addaa naannoo kamiyyuu keessa jiran raayaa ittisa biyyaatti makamuu danda’u.

Kan lammataa naannooma jiran keessatti humna poolisiitti galuudha. Kan sadaffaa kanneen gara jireenya idilee siiviliitti deebi’uu barbaadaniif mirgi guutuun eegamee hojiirra kan oolu taha.’’

Miseensota humna addaa gara jireneya siiviliitti deebi’uu barbaadaniif kaffaltiin jireenya isaanii ittiin jalqaban kaffalamuuf waliigalamuu Aadde Salaamaawit himan.

Humna addaa naannolee bifa haaraan ijaaruun barbaachisaa tahuu qorannon kan adda bahe kan bubbule tahuu kan himan Aadde Salaamaawit Kaasaa, rakkoon nageenyaa naannolee tokko tokko keessa ture haaromsi kun yeroodhaan akka hin jalqane taasisuu eeran.

Humna waraanaa jabaa walabummaa biyyaa kabachiisu ijaaruun barbaachisaa waan taheef amma haaromsichi eegaluu himuun, barbaachisummaa isaa irrattis mari’atamee waliigalteerra gahamuu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoolee rakkoo nageenyaa qaban keessatti ammoo raayyaan ittisa biyyaa bobba'uun waan hojjetuuf qaawwi uumamu hin jiraatu jedhan.

Dabalataan akkaataa waliigaltee Piriitoriyaatti humnootni TPLF guutummaatti hidhannoo hiikkatu jedhan.

Haatahu malee, hojii humna addaa deebisanii ijaaruu kana kan naannoo Amaaraa ilaalchisee paartileen akka EZEMA fi ABIN ‘yeroo isaa kan eeggate miti’ jechuun ibsa baasnaiiru.

Poolisii Humna Addaa jedhamuun sadarkaa naannootti jalqaba kan ijaarame naannoo Somaaleetti yoo tahu, innis hidhattoota AL-Shabaab qolachuuf yaadamee ture.

Waraana dhiyeenya naannoo Kaaba biyyattiitti ka'e keessattis humna addaa naannoo Tigiraayitu humna waraanaa biyyaa waliin wal waraanaa ture.

Mootummaan Itoophiyaa amma humna waraanaa cimaa walabummaa biyya akabachiisuu danda'uu fi meeshaa ammayyaa'aa hidhate ijaaruuf humna addaa naanolee bifa haaraan gurmeessuu barbaachisaa tahuu himeera.

Waggoota darban keessa hojii xiyyeeffannaa kennuun mootummaan irratti hojjetaa ture keessaa tokko rifoormii humna ittisaadha kan jedhan Deetaan Ministiraa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Aadde Salaam Kaasaa, “Raayyaa Ittisaa Federaalawaa Rippabilika Itoophiyaa meeshaan, tekinooloojiifi humna namaatiin, akkasumas karaa barbaachisoo ta’an hundaan cimsuurratti kan xiyyeeffatan ture,” jechuun ibsan.

Bu’aan rifoormii humna ittisaa keessatti taasifame argamsiise waggoota muraasa darban keessa kan arginedha kan jedhan Aadde Salaam, “Balaa jiraachuufi jiraachuu dhabuu akka biyyaatti nutti dhufee ture qabatamaan dhabbataadhaan duuba deebisuu kan dandeesise ta’uu hunduu akka huabte kaasuun barbachisadha,” jechuun dubbatan.

Daladala seeraan alaa

Ibsi Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa kenne kun dhimmoota ijoo lama—nageenyaafi tasgabbiifi dinagdee ilaalchisuun yoo ta'u, daldalli seeraan alaa biyyaaf balaa tahuu kaaseera.

Lammiileen biyya alaa eeyyama jireenyaa fi hojii Itoophiyaa keessaa hin qabne gara biyyatti galuun alabuuda baasaa fi barbaadaa akka turan himan Aadde Salaammaawit.

‘’Lammiilee biyya alaa 45 fi lammiilee Itoophiyaa sadii naannoo Gambeellaa keessatti seeraan ala osoo albuuda barbaadanii to’annoo jala oolaniiru.’’

Dabalataan akka biyyatti lammiileen biyya alaa albuuda baasaa turan 47 fi dhaabbilee dhuunfaa torba humna nageenyaan to’annoo jala oolfamanii qoratamaa jiraachuu himan.

Oomisha bara 2015 fi 2016’f kan oolu xaa’oo biyyee kuntaala 12.8 bitamee biyya galeera. Kan bara oomishaa darbe hafe ammoo kuntaalli miliyoona 2.2 tahua kka jiru himan Aadde Salaamaawwit.

Itoophiyaan dhiyeenya qamadii jallisiin oomishuun gabaa biyya alaafis dhiyeessuu jalqabuu ibsiteetti.