Raashiyaan haleellaa haaraan buufatalee raabsaa elektirikii Yukireenirratti qiyyaafatte

Madda suuraa, UKRAINIAN PRESIDENTIAL PRESS SERVICE VIA REUTERS
Raashiyaan ''haleellaa haaraa’’ banteen buufatalee raabsaa tajaajila ibsaa Yukireen irratti qiyyaafachuu Pirezedantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin himan.
Zeleniskiin akka jedhanitti, haleellaawwan kun ‘‘baayyee bal’aa’’ ta'ee kana Raashiyaan kutaalee Dhiha, Kibbaa fi Baha Yuukireenirratti qiyyeefachuun raawwataa jirti.
Heleellaa kanaan abbootiin warraa miliyoona 1.5 ta’an dhaamaa bulan.
Taatullee misaayiloonni fi dirooniwwan Raashiyaa harki caala isaa rukunnee kuffsne jedhan Zeleniskiin.
Haleellaan akkasi garuu waraana Yukireen fuulduratti adeemuu hin dhorku jedhan Zeleniskiin.
‘’Ammatti dandeettii misaayilootaa fi dirooniwwan Raashiyaa guutumaan guututti(%100) rukunnee kuffisuu hin qabnu, adeemsa keessa garuu deggarsa michuuwwan keenyaatiin guutummaatti ofirraa ni qolanna. Kanatti nan amana,’’ jedhan Zeleniskiin Sambata kaleessaa ibsa wayita kennan.

Madda suuraa, Reuters
Amma yoonattii buufataaleen annisaa elektirikii Yukireen sadii keessa harki tokkoti dhiyaatu fi bu’uuraaleen anniisaa maddisiisan biroo torban darbe keessa manca’e.
Kutaaleen haleellaa haaraan irratti qiyyaafate Cherkasiyi, Kibba Kiyiivitti kan argamu fi magaalaa Kimeliniyiskayi jedhamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleelaan xiyyaaraa hordofee ibsaan Odesaa, Kibba Rivini fi Lustsk, kutaa Kaaba-Baha Yukireen keessattis badeera.
Dhaabbanni Yukireen keessatti tajaajila ibsaa kennu’ Ukrenergo’ jedhamu akka ibsetti, haleellaan haaraan kun haleellaa jalqaba ji’a kanaatti raawwatame caala badi qaqqabsiisu hin hafne jedhame sodaatama.
Zeleniskiin, misaayiloota 36 gara keenyatti dhukaafaman keessa harka caalu qolanneerra jedhan.
Kantiibaan ittaanaa magaalaa Liviiv, BBCtti akka himanitti, tarsimoon Raashiyaa otoo boonni[ waqtii cabbiin bu’u] hin gahiin bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an barbaadeessuun , waraana iddoo kaanittis bal’isuuf yaadameti.
Jimaata darbe Yukireen Raashiyaan fanjii hidha laga annisaa maddisiisu fi naannoo Kersoon keessatti argamutti camadde ykn awwaalte jechuun himatte.
Zeleniskiin akka jedhanitti, buufanni Kakovkaan yoo barbadaa’e, namoonnii kuma dhibbaaan lakkaa’aman hidhaa lola’uun miidhamuuf jiru.
Raashiyaan hidha kana boombiin haleeluuf karoorsuu haaluun, Yukireen garu hidhicha balleessuuf misaayila itti dhukaasa jirti jette.
Loltoonni Yukireen naannoo Kersoon wayita Raashiyaarra deebisanii to’ataa jiranitti, namoonnii nagana kumaatamaan lakkaa’aaman naanicha gadhiisanii baqachaa jiru.












