Vilaadmiir Puutin bulchiinsawwan Yukireen irraa fudhateetti labsii nageenyaa haaraa labsan

Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

Madda suuraa, Reuters

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin dhiibbaa dabalaa jiru jala galaniiru.

Karoorri ''opporeeshiniin waraanaa addaa gaggeessan ’’akka yaadameetti adeemaafi hin jiru.

Yukireen deebistee haleellaa Raashiyaarratti bante hordofee Raaashiyaan lafa duraan qabattee turte dhabaa jirti.

Ammatti naannoleen Raashiyaa Yukireen wajjin wal daangessan keessatti haleellaa boombii Raashiyaa jala jiru.

Mootummaan Raaashiyaa ji’a darbe loltoota ‘‘hanga tokko’’ gurmeessuuf murteessuun hawaasa Raashiyaa keessatti sodaa uumeera.

Haalli nageenyaa biyya weeraranii qabatanitti qofa otoo hin taane, Raashiyaa keessattillee jabaatera.

Pirezedantiin Raashiyaa kutaalee Yukireen afur humnaan qabatan; Luhaaniski, Doonski, Zaporizhiyaa fi Kersoon keessatti qondaaltota sivilii waraanaan bakka buusaniru. Kiyiiv kutaalee jalaa qabamanii turan deebifachuuf kutannoo qabdi.

Magaalaa haleellaan keessatti raawwatame

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaan Raashiyaa sadarkaa nageenyaa sadiitti ol guddisuun Raashiyaa keessattillee to’annoo gama nageenyaa jabeesseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kutaalee Raashiyaa Yukireen wajjin wal daangessan kanneen akka Belgorood, Biriyaaniski, Kirasnodar fi Rostoov jedhaman keessatti to’annoo gama nageenyaa cimse.

Akkasuma kutaa humnaan Raashiyaa Yukireen irraa fudhatte Kireemiyaa keessatti haaluma wal fakkaatuun to’annoo gama nageenyaa ‘’giddugaleessaa’’ labsameera.

Tarkaanfiin fudhatame to’annoo gama nageenyaa cimsuu fi sochiiwwaan tiraafikaarra naannoolee kunneen irraa seenanii fi bahanii to’achuullee dabalata.

Mooskoo dabalatee naannoolee walakkeessaa fi Kibba Raashiyaatti ‘’qophii olaanaan’’ labsameera.

Labsii pirezedantichi baasan’’konkolaattoota sakatta’uu fi uggura sochi tiraafika dabalata.

Kantibaan magaalaa Mooskoo Sergee Sobyanin, miidya hawaasarratti’’ dhorki jiruu idilee jeequ hojiirra oolu hin jiru,’’ jedhan.

Ajaja Pirezedant Puutin hojiirra oolchuuf bulchitoonni naannoolee hundumaa waajjira muummee dhimma kana hojirra oolchu akka hundeessan ajajamaniiru.

Hoggantoonni naannolee hundaa, bakka buutonni humna waraanaa fi poolisiin kana keessatti hammatamaniiru.