Poolisiin Federaalaa ogeessota fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu ibse

Poolisiin Federaalaa sochii ogeeyiin fayyaa dhimmaa mindaa fi faayidaa ilaalchisuun tibbana taasisa turan hordofee ogeeyyii fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu isaa ibsa har'a baaseen beeksiseera.

Akka ibsa Poolisiitti ogeeyyonni to'ataman kanneen ''gaaffii mirgaa ogeeyyiin fayyaa kaasan dahoo godhachuun, humnoota biyyatti keessatti jeequmsa uumuuf hojjetan waliin ta'uun, lagannaa hojii seeraan alaa gaggeessuun, damee fayyaa keessatti jeequmsa uumuun, lubbuu dhukkubsattootaa balaadhaaf saaxiluudhaan shakkaman.''

Shakkamtoonni kunneen gaaffii mindaa fi faayidaa ogeeyyiin fayyaa kaasan jala dhokachuun lagannaa seeraan alaa eegaluu, warri kaanis duula hojii dhaabuu akka taasisan kakaasuun, dhukkubsattootni du'aafi balaadhaaf saaxiluudhaan, hokkorrii fi jeekumsi akka ka'u taasisuun shakkamanii jedha ibsichi.

Shakkamtoonni kunneen dhaabbilee fayyaa garaa garaa keessatti qaamolee hokkora hojii dhaabuu uuman uumuun, qaamolee ogeeyyii fayyaa hin taane gaawonii adii uffisuun mooraa hospitaalaa keessa seenanii jeequmsa akka kaasan godhaniiru jedhe.

Dabalataan holola hin taane afarsuun adeemsa tajaajila fayyaa gufachiisuun lubbuu namoota tajaajilli wal'aansaa isaan barbaachisu balaarra buusuun, dhaabbilee mootummaa tajaajilli wal'aansaafi barnootaa kennamu keessatti adeemsa baruufi barsiisuu danquus kaaseera.

Kana malees, waahellan hojii isaanii kabajuun hojiirratti argaman doorsisuus odeeffannoo fi ragaa irratti hundaa'uun shakkamtoota 47 kana adda baasu isaa eere.

Ogeeyyiin fayyaa haala naamuusni ogummaa fi seerri hin eeyyamneen lubbuu lammiilee du'aa fi balaaf saaxiluun hojii dhaabuun, warreen kaanis hojii akka dhaaban kakaasuufi dorsisan jedhe.

Kunis gocha yakkaa ta'uu yaadachiisuun, warreen kaanis gochaa kanarraa akka of qusatan hubachiisuu ibsa isaatin eerera.

Poolisiin Federaalaa ogeeyyii fayyaa uummataafi seera kabajuun tajaajila kennaa jiraniif eegumsa barbaachisaa kan godhu ta'uu mirkaneessuun, qaamolee jeequmsa uumuuf socho'an irratti tarkaanfii seeraa fudhatu cimsee kan itti fufu ta'uus ibsa isa kanaan beeksiseera.

Ogeyyiin fayyaa Itoophiyaatti argaman Kibxata Caamsaa 13, 2025 irraa kaasee kutaalee tajaajila murtaa'aniin alatti mormii hojii lagannaa gaggeessa turaniiru.

Ogeeyyiin mormicha kan eegalan erga gaaffiin baatii tokkoon dura Ministeera fayyaafi dhaabbilee mootummaa dhimma ilaalatu biraatti galfatan deebii hin argatiin hafeen boodadha.

Mormii hojii lagannaa ogeeyyii fayyaa kana hordofees, hospitaaloonnii fi buufataaleen fayyaa hojjattoonnisaanii hojiirratti kan hin argamne yoo ta'e ''tarkaanfii bulchiinsaa barbaachisaa'' akka fudhatan akeekkachiisaa turan.

Heerri mootummaa Itoophiyaa kanneen gaaffii mirgaa qaban gareen hojjattootaa murtaa'an ''mirga hojii dhaabuu dabalatee mormii dhageessisuu'' akka danda'an labseera.

Haata'uu malee, mormiin hojii dhaabuu ogeeyyii fayyaa heera mootummaa labsii ifaa ta'e akka hin qabne ogeeyyotni kan himan.