Barattoonni Mana-barnoota Bultii Addaaa WMO afaanota biyyoota alaa barataniin dorgommii moo’achuu jalqaban

Barattoota dorgomicharratti hirmaatan

Madda suuraa, Dejene

Waldaan Misooma Oromiyaa (WMO) manneen-barnootaa bultii addaa Magaalota Adaamaa fi Bishooftuutti barattoota barsiisuuf barnoota idilee cinaatti afaanota biyya alaas barsiisaa jira.

Daayirektarri Waldichaa Obbo Dajanee Itichaa BBC’tti akka himanitti, barattoonni manneen -arnoota bulti addaatti barachaa jiran sadarkaa addunyaatti dorgomaa akka tahaniif dandeettii afaanii isaanii cimsuun kaayyoo ijoo ture jedhan.

“Biyyaa keessaa Afaan Oromoo fi afaan Amaaraa baratu. Afaanota gurguddoo addunyaa afaan Ingilizii, afaan Arabaa, afaan Chaayinaafi afaan Fireenchii ni baratu. Afaanoti kunneen barnoota idileetiin dabalatatti kaarikulamii isaanii keessatti dabalamee barsiifama,” jedhan.

“Ijoolleen nuti manneen-barnootaa kana keessatti uumuuf deemnu ijoollee biyya keessatti hafan miti. Ijoollee addunyaa irratti dorgomaa ta’uu dandahanidha. Warra boru waa’ee biyya isaanii biyya adda addaa demanii ibsuu dandahanidha,” jedhan.

Barnoonni afaanota biyya alaa kunneen barattoota kutaa 9ffaa irraa eegaluun kan kennamaa jiru ta’uus eeran.

Hojii ijoollee kana afaanota biyya alaa barsiisuutin hanga ammaatti bu’aan abdachiisaan argamuu akka eegales himu.

“Keessumaa amma afaan Chaayinaatin biyya Chaayinaatti ijoolleen keenya digirii jalqabaa isaanii barachaa jiran jiru. Ijoolleen kun yeroo boqonnaa isaaniitti ammoo biyya sanatti A=afaan Ingiffaa barsiisuun madda galii argachaa jiru,” jedhan.

Waldaan Misooma Oromiyaa gaafa jalqaba manneen-barnoota bulti addaa kana hundeessu ‘Dhaloota addunyaa irratti dorgomaa ta’e uumuu’ kaayyoo jedhu qabateeti. Kan nuti dorgomnu addunyaadha, jedhan Obbo Dajaneen.

Sanbata darbe kanas dorgommii Aartii dubbisaafi agarsiisa afaan Chaayinaa Finfinneetti qophaa’e barattoonni Mana-barumsa Bultii Addaa WMO sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahuun injifachuus himu.

.

Dorgommii imbaasiin Chaayinaa Finfinnee jiru qopheesse kana irratti barattootni manneen-barnootaa afaan Chaayinaa barsiisan irraa irratti hirmaatan kana barattuu Siyaannee Taaddasaa injifatteetti.

Mana-barumsa Bultii addaa WMO Bishooftuu jirutti barattuu kutaa 10ffaa kan taate Siyaanneen waltajjii sanarratti afaan Chaayinaatin aadaafi aartii Chaayinaa dhiheessuun akka injifatte BBC’tti himte.

“Afaan Chaayinaa kana ergan barachuu jalqabee amma waggaa tokkoofi walakkaa caaleera. Dorgommii sanarratti jalqaba sodaadheen ture. Boodarra tasgabbaa’een dandeetii kiyya agarsiisee injifadhee tokkoffaa bahe. Badhaafamtuu addaas ta’eera. Baayyeen gammade,” jetti

Hirmaattoota sirna dorgommii Afaanii

Madda suuraa, Dejene

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ambaasaaddara Chaayinaa kan Itoophiyaa jiru dabalatee keessummoota dorgommii sanarratti hirmaatan irraa dinqisiifannaa guddaa argachuus dubbatti.

Imbaasiin Chaayinaa Finfinnee jirus barattuu Siyaanneen ganna yeroon barnooti cufamutti biyya Chaayinaatti daawwannaa akka gootuuf affeerraa addaa godheefii jira.

Manneen-barnootaa Bultii dAdaa WMO afaanota biyya alaa kana barsiisuuf imbaasiwwan biyyoota afaanicha dubbatanii irraa deeggarsa barsiisotaa akka argatuufi kaan ammoo ofumaan qaxaree barsiisaa akka jiru Obbo Dajaneen himan.

Baratoonni Manneen-barnoota Bulti Addaa kunneen qabxii qorumsa biyyaalessaa irratti warra qabxii olaanaa galmeessisan qofa osoo hin taane afaanota biyya alaatiinis warra dandeettii qaban ta’aa dhufuun Waldichi daandii milkaa’inaa sirrii qabachuu agarsiisas jedhan.

Dhiheenyuma kanas barattoonni mana-barumsichaa dorgommii qorumsa Herreegaa fi Ingiliffaa akka biyyaatti qophaa’e irratti dorgomanii injifachuun isaanii niyaadatama.