Barattoonni mana barumsaa Bultii Addaa WMO dorgommii Herregaa fi Ingiliffaan injifatan

Mufariyaat Taaddasaa fi Fiixee Alamaayyoo

Madda suuraa, Oromia Communication

Barattoonni mana barumsaa Bultii Addaa WMO lama dorgommii ministeerri Barnootaa sadarkaa biyyaatti qopheesseen tokkoffaa fi lammaffaa bahuun injifatan.

Barattuu Mufariyaat Taaddasaa Godina Jimmaarratti dorgomtee mana barumsaa Bultii Addaa Oromiyaa - Waldaa Misooma Oromiyaa kan seente.

Yeroo ammaa mana barumsichaatti kutaa 12ffaa barachaa kan jirtu yoo ta’u, barattoota lama Naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgommii qorumsa Herreegaa fi Ingliffaa sadarkaa biyyaatti qophaa’erratti hirmaatan keessaayi Mufariyaati.

Dorgommiin Dilbata darbe Finfinneetti adeemsifame kun Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa kan qopheesse yoo ta’u, magaalaa Finfinnee dabalatee naannolee saddeet irraa barattoota qaxalee 16’tu hirmaatee wal dorgome.

Dorgommiin qorumsa Herregaa fi Ingiliffaa barreeffamaan kan kenname yoo ta’u, barattoonni Naannoo Oromiyaa bakka bu’an lamaan sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa bahuun irra aanan.

Barattuu Mufariyaat dorgommii sadarkaa biyyaatti adeemsifame kana qabxii olaanaa fiduun tokkoffaa yoo baatu, barataa Fiixee Alamaayyoo ammoo lammaffaa bahe. Barattoonni kunneen lamaanuu mana barumsaa Bultii Addaa Oromiyaatti baratu.

“Dorgommiin kun dorgommii Herreegaa fi Ingiliffaati. Barattoota ciccimoo kutaa 12 baratan naannoo saddeet irraa hirmaate. Nama 16 taanee qoramne. Gaafa bu’aan ibsamu tokkoffaan bahe. Kanaanis baayyeen gammade,” jetti Mufariyaat.

Dorgommii kana injifachuuf qophiin qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaaf taasisaa jirtu akka ishee gargaaree fi qorumsa biyyoolessaa fuldura jiruufis hamilee gaarii akka itti uume dubbatti.

Mufariyaati dorgommii sadarkaa biyyaa kana moo’achuu isheetiin badhaasa birrii 50,000 yoo argattu, barataa Fiixaan ammoo badhaasa birrii 30,000 argate.

Qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa fuldura dhufaa jiru irratti qabxii olaanaa galmeessisuuf qophaa’aa jiraachuufi fuuladuratti ogummaa Arkiteekcharii barachuu akka feetus himte Mufariyaat.

Barattoonni mana barumsaa Bultii Addaa Oromiyaa wiirtuu barattoonni qaxalee tahan guutuu Oromiyaa irraa dorgomanii seenuun itti barataniidha.

Manni barumsaa kun waggoota darban keessa bakka barattoonni qorumsa biyyoolessaa irratti qabxii olaanaa irraa galmeessan ta’eera.

Mufariyaat Taaddasaa fi Fiixee Alamaayyoo

Madda suuraa, Oromia Communication

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daayireektarri Olaanaan Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Dajanee Itichaa, Manni Barumsaa Bultii Addaa dhaabbata kaayyoo hundaa’eef sirnaan milkeessaa jira jechuun milkaa’ina barattoota kanneenii leellisan.

“Manni barnootaa kun barattoota qaxaleef carraa gaarii mijeessuu, giddugala muuxannoo gaarii ta’uu fi miira dorgommii uumuudha kaayyoonsaa. Kana waggoota darban kana itti milkaa’eera. Barattoota akka biyyaatti raajii hojjetan horanneerra, horachaas jirra,” jedhan.

Dilbata darbe barattoonni mana barumsichaa dorgommii sadarkaa biyyaatti qophaa’e tokkoffaa fi lammaffaan injifachuun isaanii ammoo barattoota mana barumsichaa hundaaf hamilee gaarii kan uumu akka ta’es dubbatan.

“Ijoolleen kun barattoota akka biyyaatti ciccimoodha jedhamanii dhufan mo’atan. Kun Waldaa Misooma Oromiyaatiif milkaa’inaa fi gammachuu guddaadha.

"Dhaloonni waldaan kun omishaa jiru hangam cimoo akka ta’ee fi waldichi kaayyoosaatti milkaa’uu kan agarsiisu,” jedhan Obbo Dajaneen.

Barattootasaa Naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgommii sadarkaa biyyaatti ta’e injifatan kunneeniif Wadaan Misooma Oromiyaa addatti beekamtii fi badhaasa akka kennee fi mana barumsaa isaaniitti simannaan taasifamuufis dubbatan.