Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US meeshaalee waraanaa garii gara Yukireen erguu dhaabde
Wayita Raashiyaan waraana Yukireen irratti cimsite kanatti US meeshaalee waraanaa garii Yukireeniif erguu akka dhaabde Waayit Haawus beeksise.
Tarkaanfiin kun erga dameen ittisaa US ''dhimma deeggarsa waraanaa biyyoota biroo'' irratti qorannoo taasisee booda fudhatame jedhan dubbi himaan Waayit Haawus Anna Kelii.
Waayit Haawus akka ibsutti tarkaanfiin kun qaama karoora ''yaadama dursa Ameerikaaf'' jedhuuti.
Yaadi kun bulchiinsa Tiraamp jalatti sirriitti kan mul'ateedha.
Erga Guraandhala 2022 Raashiyaan guutummaatti Yukireen weerartee US deeggarsa waraanaa doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu Yukireeniif taasifteetti.
Deeggarsi kun erga Doonaald Tiraamp aangoo qabatanii hir'ateera. Kun ammoo bulchiinsi US amma jiru akka qeeqamu taasise.
Tarkaanfii Waayit Haawus kana ilaalchisee hanga ammaatti gama Yukireen irraa wanti jedhame hin jiru.
Aanga'oonni US meeshaalee waraanaa gosa kam gara Yukireen erguu akka dhorkan adda baasanii hin ibsine.
Garuu akka gabaasa Rooyitarsitti misaa'eloonni haleellaa qilleensarraan dhufu fashalsuu danda'anii fi meeshaaleen waraanaa qiyyaafannaa sirrii irratti rukutuu danda'an kanneen dorkaman keessa jiru.
Qondaalli US tokko akka jedhetti tarkaanfiin kun, kuufamni meeshaalee waraanaa US akkaan gadi bu'aa jiraachuu irratti yaaddoon erga cimee booda fudhatamuu miidiyaan michuu BBC ta'e CBS gabaaseera.
''Jabinni humna waraanaa US waan gaaffii keessa galu miti. Kanaaf Iraan gaafadhaa,'' jedhan Anna Kelly.
Tarkaanfiin kun erga Tiraamp torbee darbe kora NATO irratti gitasaanii kan Yukireen Zeleniskii waliin walarguun mari'atanii booda ibsame.
Kora sanarratti Tiraamp waa'ee misaa'ela farra haleellaa qilleensaa Yukireeniif kennuurratti wayita gaafataman ''gariisaanii kennuu akka dandeenyuuf aanga'oonni irratti hojjechuuf deemu,'' jechuun deebisan.
Waa'ee haasaa Zeleniskii waliin taasisanii gaafatamnaan ''yeroon waliin turre gaarii hin turre. Nama gaarii ta'uu hin daneenye,'' jedhan.
Qondaalonni lameen Bitootessa darbe Waayit Haawus keessatti walitti mufatanii turan.
Taatee sana booda Tiraamp meeshaalee waraanaa akka Yukireen irraa kutan dhaadannoo cimsan.
Odeeffannoo tikaa Yukireeniif qooduus akka yeroof dhaaban ibsanii turan.
Yeroo booda garuu dhorkaan lameenuu kaafamaniiru.
Ebla gara dhumaa ammoo Yukireen bakkasaa deeggarsa meeshaalee waranaa argachuuf jecha US albuudota ishee olaantummaan akka to'attu waliigaltee malleetteessite.
Gama kaaniin ammoo Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon gitasaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin addatti dubbataniiru.
Kun waggoota lamaa fi walakkaa booda yeroo jalqabaaf aanga'oota lameen gidduutti ta'e.
Putiin ammallee warri lixaa waraana hammeessu jechuun komatu. US wayita Raashiyaan waraana cimsitee jirtutti meeshaalee waraanaa garii Yukireenirraa dhaabuu ibsite.
Dhuma torbee darbeetti Raashiyaan haleellaa cimaa qilleensarraan Yukireen irratti raawwatteetti.
Dirooniiwwan, misaa'eloota fageenya dheeraa imalanii fi haleellaa cimaa qaqqabsiisan dabalatee meeshaalee waraanaa 500 caalaniin haleellaan Raashiyaan raawwatte erga waraanni Yukireen eegalee haleellaa isa hamaadha.
Yeroo ammaa Raashiyaan daangaa Yukireen dhibbeentaa 20 qabattee jirti. Kun Kiriimiyaa kan bara 2014 Yukireen irraa fottoqfatte dabalateeti.