PSG fi Riyaal Maadriid: Falmii cimaa Awurooppaa gara Waancaa Addunyaatti ce'e

Ameerikaa Niwu Jeerziitti kan argamu Isteediyemii guddichi MetLife galgala kana falmii kilaboota gurguddoon raafamuusaati.
Har'a PSG fi Riyaal Maadiriid tapha xumuraaf darbuuf falmatu. Waancaa Kilabootaa Addunyaa (Club World Cup) keessatti taphi akkaan eegamu isa kana.
Dorgommiin kun kilaboota gameeyyii shaampiyoonaa Awurooppaa ta'an walitti fida. Shaampiyoonaa bara darbee- PSG fi kan bara isa duraa- Riyaal Maadiriid.
Piriimer Liigii Ingilaand keessaa kophaasaa dorgommii kana keessatti kan hafe Chelsiin dursee xumuraaf darbuusaa mirkaneeffateera.
Tapha goolii 2 fi 0 dhaan kilaba Biraaziil Filuminaanzee mo'atan irratti jifataan reef Biraayitan irraa mallatteessifatan Jaawoo Peedroo goolii lamaanuu galchuun turtii isaa milkaa'inaan eegaleera.
Chelsiin kilaboota har'a waliin taphatan- PSG fi Riyaal Maadriid, keessaa abbaa mo'ate waliin waancaaf falmata.
Imbaappee fi Dembeelee: Obboloonni kunneen tapha kana murteessuu danda'uu?

Madda suuraa, Getty Images
Falmii kana keessatti taphattoonni gameeyyii biyya tokkoo, akka obbolaatti waggootaaf waliin turan faallaa walii hiriiru.
Kiliyaan Imbaappee fi Osmaan Dembeelee garee Faransaay fi kilaba PSG keessatti waltumsuun taphataniiru, waancaa hedduus waliin nyaataniiru.
Imbaappeen hanga Maadiriidiif taphoota 58 irratti goolii 44 galcheera. Taphataan utubaa PSG jedhamuun faarfamaa ture kun erga gara Maadiriid deemee Osmaan Dembeeleef carraatu baname.
Jifataa kilabichi akkaan abdatu ta'e. Taphoota 51 irratti goolii 34 galche. Kilabichi waancaa Shaampiyoonsi Liigii dabalatee waancaawwan afur akka injifatuuf ga'een Dembeelee salphaa hin turre.
''Baayyeen gammada. Kun ergan kubbaa miillaa eegalee bara isa hundarra filatamaadha. An wayitan PSG seenus miiruma kanaanin seene. Ammoo kan bara kanaa adda. Anaafis kilabichaafis. Garuu kana caalaa barbaanna. Altakkaa injifattee arginaan yeroo mara miira injifachuutu sitti dhagahama,'' jedhe Dembeeleen.
Kilaboonni lameen akkamiin as ga'an?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Riyaal Maadriid imala dorgommii Waancaa Kilabootaa Addunyaa (Club World Cup) kana Maayaamiitti kilaba Saa'uudii Piroo Liigii ta'e Al Hilaal faana goolii tokko walqixa ba'uun eegale.
Sanaan booda Pachuca goolii 3 fi 1n injifate. Booda ammoo RB Salzburg goolii 3 fi 0 dhaan injifachuun gara 16tti darbe.
Kilaboota gara 16tti darba keessaa ammoo Juuventasiin 1 fi 0 dhaan mo'achuun gara nuusa xumuraatti darbe.
Dorgommii nuusa xumuraan ammoo Booruushiyaa Doortimund goolii 3 di 2n injifatee gara maayii xumuraatti darbe.
Taphi kun diraamaan kan guutamee fi akkaan ulfaataa kan ture yoo ta'u, xumura irratti goolii ajaayibaa Imbaappeen galcheen Maadiriid injifatee darbe.
PSGn ammoo wayita dorgommichi eegalu jalqabarra ture. Loos Anjalasitti Atileetikoo Maadiriidiin goolii 4 fi 0 dhaan injifachuun dorgommicha eegale.
Tapha gulantaa keessaa osoo hin ba'in kilabi Botafogo jedhamu goolii 1 fi 0 dhaan injifatus, deebiirratti garuu goolii 2 fi 0 dhaan Seattle mo'achuun darban.
Kilaboota 16 keessatti erga makamanii booda ammoo kilaba Mesii baayyee hubuun bira darban.
Bakka Mesiin jirutti Inter Maayaamii goolii 4 fi 0 dhaan mo'achuun darban.
Tapha nuusa xumuraan ammoo goolii 2 fi 0 dhaan Baayer Muunik injifachuun maayii xumuraaf darban.
Waliigalatti Riyaal Maadiriid dorgommii kana keessatti taphoota hanga ammaa taphate shan keessaa afur mo'achuun tokko qixa ba'eera. PSGn ammoo afur mo'uun tokko ammoo mo'ameera.
Barana abbaa waancaa hedduu kan ta'e PSGn kilaboota Waancaa Kilaboota Addunyaa baranaa injifatu jedhamanii eegaman keessa jira.
Dhaabbiin kilaboota lameenii maal fakkaata?
Kilaboonni gameeyyiin lameen, kan Faransaay PSG fi kan Ispeen Riyaal Maadiriid, kilaboota Jarmanii injifachuun maayii xumuraaf darban.
Maadiriid Doortimundiin, PSGn ammoo Muunikiin injifatanii har'a halkan keessaa sa'atii afur irratti wal eeggataa jiru.
Riyaal Maadiriid Waancaa Kilaboota Addunyaa injifachuun seenaa qaba. Hanga ammaatti waancaa shan injifatee, amma ja'affaaf falmataa jira.
Bara 2023 Al Hilaaliin goolii 5 fi 3n injifachuun waancaa fudhatan.
Goolii hedduu galchuudhaanis kan Maadiriid dursu hin jiru. PSGn ammoo waancaa kana yeroo jalqabaaf injifachuuf falmataa jira.
Garuu yoo injifate seenaa Liigii Faransaay keessatti kilaba yeroo jalqabaaf bara tokkotti waancaa shan argate ta'uun seenaa galmeessa.
PSGn hanga ammaatti waancaa afur- Ligue 1, Coupe de France, Shaampiyoonsi Liigii, Waancaa Awurooppaa injifateera.
Kanaan dura Maanchistar Siitii qofatu bara 2023 waancaa shan inifatee beeka.
Tapha kana dursuun leenjisaan Riyaal Maadiriid Zhaabii Aloonsoo ''Garee Luwiis Enrikee waliin falmachuun nuuf qormaata guddaadha. Humna guutuudhaa qophoofnee garee kana dura dhaabbanna,'' jedhe.
Leenjisaan PSG Luwiis Enrikee gamasaan ''Dorgommii maayii xumuraan abbaan fedhe nu haa ga'u, sun rakkoo hin qabu. Wanti guddaan nuti kan deemnuuf mo'annee xumuraaf ga'uudha,'' jedhan.
Tapha kanarratti gama kilaba Paarisiin taphataa collee badhaasa Ballon d'Or injifata jedhamee eegamu Osmaan Dembeelee dabalatee taphattoonni ciccimoon kanneen akka Vitiinihaa, Kivaaraaskeeliihaa, Doonaaruumaan fi kaan akkaan eegamu.
Gama Maadiriidiin ammoo taphataa duraanii PSG Kiliyaan Imbaappee dabalatee taphattoonni gameeyyiin addunyaa kanneen akka Juud Beelingihaam, Fedirikoo Vaalveerdee fi Viiniishiyes Juuniyer akkaan eegamu.
Taphataan umrii waggaa 26, jifataan Faransaay fi Riyaal Maadiriid Kiliyaan Imbaappee dorgommiiwwan adda addaa torba irratti Maadiriidiif goolii galchuun taphataa jalqabaa ta'eera.
Dorgommii Waancaa Kilaboota Addunyaa kanarratti ga'umsa gaarii agarsiisaa kan jiru Gonzaaloo Gaarsiyaa taphoota shan irratti goolii afur galchuun, kubbaa gooliif ta'u tokko ammoo mijeessee kennuun dursa qabatee jira.
Ittisaan Riyaal Maadiriid Diin Hujisan tapha nuusa xumuraa irratti kaardii diimaa waan argateef tapha har'aa hin taphatu.
Gama PSGn ammoo Wiiliyaam Paachoo fi Luukaas Heernaandeez tapha Baayer Muunik waliin taphatan irratti kaardii diimaa waan argataniif har'a hin taphatan.
Gabaabumatti taphi kun dorgommii salphaa miti. Falmii cimaa kabaja, seenaa, olaantummaa gonfachuuf taasifamudha.
Falmii kilaboota gameeyyii Awurooppaa gara Waancaa Addunyaatti ce'edha.
Falmii Imbaappeen seenaasaa duraa waliin taasisudha. Kan Dembeeleen gameessa kubbaa miillaa addunyaa ta'uu mirkaneeffachuuf wal'aansoo qabudha.
Shaampiyoononni xumura isaanii kan ittiin tolfataniidha.












