Qondaalli tikaa olaanaa Yukireen magaala guddoo keessatti guyyaan rasaasaan ajjeefaman

Madda suuraa, Reuters
Qondaalli tikaa olaanaan Yukireen magaalaa guddoo biyyattii Kiiv keessatti guyyaadhaan rasaasaan ajjeefamuu aanga'oonni biyyattii beeksisan.
Qondaalli olaanaan tajaajila tika dhimma biyya keessaa Yukireen bakka konkolaataan dhaabbatutti nama eenyummaansaa adda hin baaneen itti dhiyaachuun yeroo baayyee erga itti dhukaafamee booda lubbuun darbuutu himame.
Namni ajjeechaa kana raawwate bakka sanaa baqachuun yeroo adeemu viidiyoon agarsiisu miidiyaa irratti qoodameera.
Dhaabbanni tikaa ittigaafatamaa jalaa ajjeefame maqaadhaan ibsuu baatulleen, miidiyaaleen Yukireen garuu Koloneel Ivaan Vooronyich akka ta'an gabaasaniiru.
Dhaabbanni tika biyya keessaa (SBU) jedhame nageenyaafi basaasa biyyattii adda durummaan kan gaggeessudha.
Haata'u malee, weerara Raashiyaa bara 2022 hordofee Raashiyaa keessatti ajjeechaa raawwachuufi haleellaawwan qindeessudhaan gahee olaanaa taphateera.
Bara kanasa baatii Muddee keessaa ajajaa waraanaa olaanaa Raashiyaa kan ta'an Igoor Kiriiloov ajjeefamuu duuba dhaabbanni kun akka ture maddeen tajaajila tika Yukireen BBC dabalatee miidiyaalee biyya keessatti himanii ture.
Kana malees baatiiwwan muraasaan dura janaraal Raashiyaa Yaarooslaav Moskaaliik boombii konkolaataa irratti kiyyeeffameen kan ajjeeffaman yoo ta'u, Raashiyaan ajeechaa sana kan raawwate Yukireen jettee turte.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tajaajilli tika Yukireen garuu ajjeechaa qondaaltoota kanneeniif ifatti itti gaafatamummaa hin fudhannee ture.
Dhaabbanni tajaajila tikaas ta'e poolisiin Yukireen waa'ee ajjeechaa qondaala nageenyaa rasaasaan ajjeeffame kanaatiif sababa hin dubbanne.
Poolisiin Kiiv reefa nama ajjeefame kanaa eddoo sanatti miseensoota poolisiin argamu ibsa baaseen beeksiiseera.
Poolisiin nama ajjeechicha raawwate adda baasuu fi ''to'annoo jala oolchuuf'' tarkaanfiin fudhatamaa jiraachu ibseera.
DHaabbanni tajaajila tikaa gamasaatiin, ''haala yakkichaa adda baasuufi yakkamtoota seeratti dhiyeechuuf hojiin hojjatamaa'' jiraachu ibseera.
Viidiyoon tikaa Rooyitari mirkanneesse tokko guyyaa Kamisaa akka sa'aatii biyyattiitti sa'aatii sadi irratti bulchiinsa kibba Holosiikiiviiskii keessatti kan argamu gamoo tokko jalatti uffata jiinsii fi tishartii gurraacha namni ufate tokko yoo bahu agarsiisa.
Namni kunis korojoo laastiikiifi uccuu qabate gara konkolaataa naannichatti argamuutti wayita adeemuutti namni tokko garasaatti yoo fiigu agarsiisa.
Marsariitiin 'Ukrainska Pravda' jedhamu, qondaalli tikaa kun yeroo shan rasaasni itti dhukaafamuun akka ajjeeffamee maddeen maqaan hin eergamne caqasuun gabaaseera.
Ajjeechaan qandaala kanaa kan dhagahame yeroo Raashiyaan haleellaa qilleensaa Yukireen irratti raawwattuu cimsiteetti jedhameettiidha.
Raashiyaan guyyaa Kibxataa Yukireen irratti diroonii 7828 fi misaa'eloota 13 dhukaasuun gabaafameera.
Haleellaa Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen Kiiv keessatti hanga Kamisaatti raawwatteen yoo xinnaate namoonni lama ajjeefamunsaanii kaan 16 ammoo madaa'uun gabaafameera.












