Namichi hidhataa gabaa keessatti qawween namoota fixuuf ka'e dhaabsise 'goota' jedhame

US bulchiinsa Indiyaanaa magaala Giriinwuud keessatti namtichi qawwee hidhatee namootatti dhukaasaa ture nama karaa deemu kan biraatiin ajjeeffame.

“Osoo namni gootni kun gidduu galee dhaabsisuu baatee lubbuun namoota hedduutu darba ture,” jechuun poolisiin naannichaa dubbate.

Taaten kun kan raawwate Dilbata halkan gaafa 17, 2022 giddu gala gabaa tokko keessatti.

Namichi hidhannoo guutuu hidhatee giddu gala gabaa seenun namuma argetti dhukaasuu eegale. Namoota sadi ajjeesee kan biroo lama madeesse.

Kuni ammoo irra deebin itti fayyadama meeshaa waraanaa irratti falmiin akka ka’u taasisee jira.

Yeroo taaten kun raawwatu, namni ganna 22 Elisjasha Diikan jedhamu jaalallee isaa wajjin giddu gala gabaa kana keessa ture.

Innis shugguxii isaa baafatee namicha dhukaasee nama ajjeessaa ture sana battalatti ajjeese.

Poolisiin akka jedhetti, namichi nama ajjeese kun hidhannoo lama fi rasaasa 100 hidhatee ture.

Haleellaa magaala Giriinwood giddu gala gabaa Giriinwuud Paark keessatti gaggeeffame kanaan, namichi haleellaa gaggeesse kun rasaasa 100 qabate keessaa 24 akka dhukaase ibsi poolisii ni agarsiisa.

Taatullee haleellaa erga banee daqiiqaa lama booda ajjeeffame.

Ajajaan poolisii Magaala Giriinwuud, Jiim Ayison akka jedhetti gidduu galuun namoota heddu balaa irraa kan oolche Diikan fageenya irraa dhukaasun namicha haleellaa raawwataa ture sana ajjeesuu danda’eera.

Akka ibsa ajajaa poolisii kanaatti, Diikan leenjii humna nageenyaa gahaa qabaachuu baatus haala gaarin dhukaasee namicha namoota heddu ajjeesuf ture ajjeesun lubbuun namoota hedduu akka hin banne baraarera.

Akkasumas rasaasa kudhan namichatti dhukaasun dhuma irratti namicha ajjeessuu danda’eera.

Diikan hidhannoo seera qabeessa qabatee turus hanga ragaan viidiyoo kaameraan waraabamaa ture ilaalamutti to’annoo poolisii jala oolee ture.

"Osoo namni kun itti gaafatamummaa lammummaa isaa bahuun tarkaanfii fudhachuu baatee lubbuun namoota hedduu ni darba ture. Waan inni godhe irraa kaanee goota yoo jenneen itti hin guddatu," jedha ajajaan poolisii Ayison.

Namichi haleellaa kana raawwate dargaggeessa waggaa 20 naannoo haleellichi itti qaqqabe jiraatu fi giddu gala gabaa haleellaa itti raawwate keessaa hojiirraa ari’ameedha jedhama.

Namoota sadan ajjeefaman keessaa namoonni lama abbaa manaa fi haadha warraa yoo ta’an, tokko ammoo nama gaheessa waggaa 30 ti.

Warri madaa’an ammoo dubartii waggaa 22 fi shamarree waggaa 12 ti.

Namoonni meeshaa seera qabeessa hidhachuun barbaachisaadha jedhanii falman, taaten kun barbaachisummaa meeshaa seera qabeessa hidhachuu namatti agarsiisa jechuun falmaa jiru.

Gamtaan “National Rifle Association” jedhamuu fi meeshaa waraanaa seera qabeessaf falmu, “ammas irra deebin jenna, nama hamaa meeshaa qabatee namatti dhufu ofirraa ittisuuf karaan sirriin nama meeshaa seera qabeessa qabateedha” jechuun ibse.

Haleellawwan irra deddeebiin dhiyeenya mudatan kanneen akka haleellaa giddu gala gabaa Buffaaloo, Niwu Yoork, mana baruumsaa Yuvaandee, Teexas fi bakkeewwan birootti mudate seera meeshaa hidhachuu US irratti falmiin cimaan akka ka’u godhee jira.