Lammiileen Itoophiyaa torba Somaaliyaatti ajjeefamuu himame

Madda suuraa, Midiyaa hawaasaa
Lammiileen Itoophiyaa torba tahan Kibba Somaaliyaa naannoo Geedoo bulchiinsa Balaad Hawoo jedhamtu keessatti hidhattootaan ajjeefamuu jiraattotniifi qondaalonni mootummaa Somaaliyaa BBCtti himan.
Haleellaan kun Guraandhala 4 bara 2024 Somaaliyaa bulchiinsa Balad Hawoo jedhamu keessatti raawwachuu qondaalonni Somaaliyaafi jiraattonni BBC'n dubbise himaniiru.
Jiraataan magaala Moqadishoo fi itti-gaafatamaa hawwaasa Itoophiyaa Somaaliyaa tahaniifi nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan haleellaa Dilbata gaggeeffameen namoonni jaha ajjeefamaniiru jedhan.
Dabalataan Fulbaana 5,2024 namni biraa madaa'ee tures lubbuu darbuu himan.
Namoota ajjeefaman kanneen keessatti dubartoonnis akka argaman himan jiraataan kun.
''Waan nama gaddisiisu abbaa fi haati biraa ajjeefamanii daa'imni qofaa haftellee jirti. Maatiin miidhamtootaa hin dhageenye waan taheef hanga ammaa hin awwalmne,'' jedhan yeroo BBC'n dubbisetti.
''Namoonni ajjeefaman warruma achi hojjetatanii jiraatanidha.''
Hakiimni hospitaala Balad Hawoo maqaan isaanii akka eeramu hin feene reeffi namoota jahaa hospitaalicha galuufi lammiilee Itoophiyaa tahuu BBC Afaan Somaaliitti himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabalataan namoonni biroo jaha madaa'uun hospitaalicha galfamuufi yaalamanii bahuu himan.
BBC Afaan Somaalii akka gabaasetti, haleellaa kana keessa dubartiin Somaaliyaa tokkos ajjeefamteetti.
Bakki ajjeechaan kun itti raawwate Balad Hawoo daangaa Itoophiyaatti dhiyoo kan jirtu yoo tahu, bakki ajjeechaan itti raawwate daangaa Somaaliyaa keessa tahuu himan jiraataan kun.
''Mana irra deemuun qawween ajjeesan. Garuu eenyu ajjeechicha raawwate kan jedhu qorachaa jirra malee eenyu akka tahe hin barre.
Ajjeechaan kun halkan naannoo sa'aatii 9:00 keessa raawwate.
Qondaalli bulchiinsa Balad Hawoo, Abdirashiid Abdii ajjeechaa hidhattoota al-Shabaabitu raawwate jedhanii akka shakkan BBCtti himan.
Lammiileen Itoophiyaa hedduun Somaaliyaa keessa kan jiraatan yoo tahu, kanneen haleellaa kanaan ajjeefaman dhalattoota Oromoo tahuu himameera.
Jiraataa BBC'n dubbise ''uummata biyyoota lameenii walitti buusuuf'' yaadamee yoo tahe malee sababa itti ajjeechaan kun raawwate hin barre jedhan.
Waa'ee ajjeechaa lammiilee isaarra gahe ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa hanga gabaasni kun qindaa'etti ibsa homaayyuu hin kennine.
'Haleellicha kan raawwate al-Shabaab tahuu hin hafu'-Somaaliyaa
Erga Itoophiyaafi Somaaliilaand Amajji 1, 2024 Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf waliigaltee wal hubannoo walii mallatteessanii as muddamni biyyoota lameen gidduu haalaan dabaleera.
Lammiileen Itoophiyaa Somaaliyaafi Somaaliilaand keessa jiraatanis sodaafi yaaddoo guddaaf saaxilamuu BBCtti himaniiru.
Ajjeechaan lammiilee Itoophiyaa irratti raawwate sababa kanaaf tahuu beekamuu baatus, qondaalli mootummaa Somaaliyaa haleellicha kan raawwate Al-Shabaab taha jennee shakkina jedhan.
Qondaalli bulchiinsa Balad Hawoo Abdirashiid Abdii ajjeechaa hidhattoota al-Shabaabitu raawwate jedhanii akka shakkan BBCtti himan.
Taateen sun Dilbata barii jala naannoo sa’aatii 9tti raawwachuu kan himan Abdiirashiid, ''qaamoleen nageenyaa eegumsarraa deebi’aa turan sagalee dhukaasaa dhagahanii yeroo naannicha gahan namoonni torba ajeefamanii argan'' jedhan.
''Namoonni ajeeffaman hundi warra hojii barbaaachaaf garana dhufanidha. Haa tahu malee, namoonni ajjeefaman haaraa naannicha kan qaqqaban ta’uufi dhiisuu, yookis warra dura achi jiraataa turan ta’uusaanirratti yaada kennuu hin danda’u.''
Itti dabaluun Abdirashiid, ''gama eenyummaa warra ajjeechaa kana raawwatan immoo, warra yeroo hunda nama ajjeesuun beekaman shakkina. Ragaaleen hedduun shororkeessitoota al-Shabaab ta’uusaanii akeeku,'' jedhan.
Qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan kunniin amma yoonatti hin qabamne kan jedhan qondaalichi, gaaffii maaliif baqattoota irratti xiyyeeffachuun ajjeesan jedhuuf, ''ajjeechaan kun ajjeechaawwan irra deddeebiin biyyattii keessatti mudatanirraa adda miti,'' jedhan.
Waggoota 30 oliif ofiin of bulchaa kan jirtu Somaaliilaand Itoophiyaaf ulaa galaanaa kennuuf waliigaltee wal hubannoo kan mallattesite Amajji 1 bara 2024.
Akka waliigaltichaatti Itoophiyaan ulaa galaanaa argattu irratti dabalataan buufata waraanaa ijaarti. Bakka isaa ammoo Somaalilaand biyya tahuu isheef adeemsa keessa beekamtii kenniti kan jedhu ture.
Somaaliyaan ammoo waliigaltichi walabbummaafi tokkummaa biyyakoo kan sarbedha jechuun iyyatte.
Erga waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliland gidduutti mallattaa'ee as Somaaliyaan michummaa Eertiraa fi Masirii waliin gootus haalaan dabaleera.
Rakkoolee gurguddoo naannicha keessaa irratti yeroo dubbatu hedduu kan hin dhagahamne Liigiin Arabaas dhimma akana ariifatee balaaleffachuun Somaaliyaa waliin akka dhaabbatu hime.
Itoophiyaan muddama kana furuuf marii gaggeessuuf qophii tahuu himteetti. Gamtaan Misoomaa Biyyoota Afrikaa Bahaa, IGAD, dhimmicha mariidhaan akka furamuuf gaafateera.












