Haleellaa Moqaadishuutti raawwatameen qondaaltoonni Arab Emireetiifi Baahireen ajjeeffaman

Reeffi loltoota Yunaayitid Arab Emiretis battalumatti biyyasaaniitti ergame

Madda suuraa, WAM

Haleellaa kaampii waraanaa magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishuutti raawwatameen, qondaaltoota Yunaayitid Arab Emireetis fi Baahireen dabalatee qondaaltoonni waraanaa shan ajjeeffamuun ibsame.

Haleellaa Sambata sa’aa booddee raawwatame kanaan qondaaltoonni waraanaa Yunaayitid Arab Emreetis sadii, kan Baahireen tokkoofi kan Somaaliyaa tokko dabalatee yoo xinnaate namoonni shan ajjeeffamuu maddi oduu Rooyitarsi gabaaseera.

Ibsa Yunaayitid Arab Emireetiin kenname akka mul’isetti, qondaaltoonni waraanaa haleellaa ‘‘gocha shororkeessumaati’’ jedheen ajjeefaman kunneen humnoota ergama Somaaliyaa leenjiisuurra turanidha.

Namni haleelicha raawwates erga gara mandara waraanichaatti ol seeneen booda leenjiftoota irratti qiyyeeffachuun dhukaasa banuun namoota shan ajjeessee kaan lama ammoo madeessuusaa, qondaala waraanaafi hojjataa hospitaalaa tokko waabeefachuun Rooyitarsi gabaaseera.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad haleellichaan, ‘‘gochaa shororkeessaa isa hamaa’’ jechuun balaaleeffachuun, qondaaltoota waraanaa adeemsa Somaaliyaa shororkeessuummaa irra bilisa baasuufi humna waraanaa ijaaruu keessaa haarsaa kaffalan jechuun dinqisiifannaa isaanii ibsan.

Haleellicha ilaalchisuun ibsa kan baase Ministeerri Raayyaa Ittisa Yunaayitid Arab Emireetis, qondaaltoota ajjeeffamaniin alatti odeeffannoo gadi fagoo kan hin kennine yoo ta’u, haleellaa kana qorachuuf ‘‘mootummaa Somaaliyaa waliin waloon akka akka itti fufu’’ beeksiseera.

Looltuu leenjii’aa haaraan maqaa Ahimad jedhamuun qofa ibsameefi ollaa waraanaa Arab Emireetisiin durfamu keessatti dhukaasa banuun qondaaltoota waraanaa ajjeesuufi kaan irraan miidhaa qaqqabsiises yeroo sanatti itti dhukaafamuun ajjeeffamuun ibsame.

‘‘Loltuu leenjiirra jiru kun osoo leenjiiftoonni qondaaltota waraanaa Yunaayitidi Arab Emireetis fi Somaaliyaa kadhannaarra jiranii ture kan itti dhukaasee ajjeesse. Haleellichaanis qondaaltonni Arab Emireetis afur yoo madaa’an, loltoonni Somaaliyaa afur ammoo ajjeeffamaniiru,’’ jechun miseensi waraanaa tokko Rooyitarsitti himeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti dabalunis, loltuun haleellicha raawwate osoo Somaaliyaafi Arab Emireetisiin filatame gara leenjii hin galiin dura miseensa garee Al-Shabaab haalee bahe ture jedheera.

Gareen Al-shabaab kan Al-Qaa’idaa waliin hidhata qabu ibsa baaseen, haleellichaaf itti gaafatamummaa fudhachuun, hidhataan garichaas loltoota 17 ajjeessuu ibseera.

Qondaaltoota waraanaa ajjeeffamaniin alattis, loltoonni Somaaliyaa kudhan madaa’uun gara hospitaalaatti wallaansaaf geeffamuu madden Rooyitarsi dubbataniiru.

Gareen Al-Shabaab bulchiinsa Somaaliyaa bal’aa qabachuun magaalaa guddoo biyyattii dabalatee, motummaa Somaaliyaa dadhabaa irratti waggoota kudhanii oliif haleellaawwan riphee loltummaa raawwataa tureera.

Pirezidanti Hasan Sheek Mohaammad gara aangootti dhufuu hordofee duula walitti fufaa bananii turaniin, Al-shabaab mo’amni cimaan mudachuunbakkeewwan to’atee ture tokko tokko keessaa bahuuf dirqamee ture.

Haata’u malee, garichi ammalleen humnoota mootummaafi kaan irratti haleellaawwan cimaa raawwachuun du’a namoota hedduutiif sababa ta’uu itti fufeera.