Walloo Kibbaatti namoonni albuuda osoo baasanii lafti irratti jige guyyaa afraffaaf akkuma awwaalamanitti jiru

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaa, Aanaa Dalaantaatti namoonni hedduun albuuda Oppaalii jedhamu osoo qotaa jiranii lafti irratti jige baraaruudhaaf yaaliin taasifamaa ture guyyoota darban afuriif itti fufuu aanga’oonni naannichaa BBC'tti himan.
Sababii teessumni lafa naannichaa rakkisaa ta’ef jecha konkolaataadhaan qotuun waan hin danda’amneef lubbu baraartoonni damee kanaan muuxannoo fi meeshaa qaban deeggarsa akka taasisaniif gaafan.
Namoonni halkan Guraandhala 8, 2024 albuuda Oppaalii jedhamu qotaa turan jedhaman, boolla keessa bakka jiranitti lafti irratti jigee namoonni baayyinsaanii adda hinbaane kan jalatti awwaalaman yoo ta’u, haalli keessatti argaman hanga ammaatti hin baramne.
Kominikeshiniin Godina Walloo Kibbaa namoonni boolla albuuda kanaa keessatti lafti itti cite 20 ol ta’u kan jedhe yoo ta’u, aanga’oonni naannichaa garuu lakkoofsa sirrii baruun rakkiisaadha jedhu.
Boollichi namoota kanneen irratti kan jige Kamiisa halkan gara sa’aatii jahaatiin booda akka ture BBCtti kan himan Bulchaan Aanaa Dalaantaa Obbo Ayaaleew Bariihuun, namoota kanneen baraarudhaafis guyyoota darban keessa yaaliin taasifamaa turu kaasan.
Balaan kun kan qaqqabee Godina Walloo Kibbaa, aanaa Dalaantaatti argamtu bakka addaa Qooq Wuhaa jedhamutti.
Namoonni albuuda baasaa turan kunneenis halkaniin bakkicha dhaquusaanii balaan akka mudatu taasisuufi lakkoofsi isaaniillee sirnaan akka hin baramnes taasisuu bulchaan dubbatan.
Bulchaan Walloo Kibbaa Obbo Alii Makoonnin BBCtti akka himaniitti, naannichi allayyaa ta’uufi bollawwan kanaan dura albuudicha baasuuf qotaman balaafamoo waan ta’aniif jirraattootaaf akeekkachiifni kennamaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Ayyaaleew ammoo, erga balaan kun qaqqabuunsaa barameen booda jiraattoonni naannichaa namoota bollicha keessatti danqaman baraaruuf yaalii taasisanillee, sababii teessummni lafchii mijataa hin taaneef hanga barbaadamu socha’uu hin danda’amne jedhame.
Guyyoota darban keessattis namoonni dhibba shanii ol ta’an hojii lubbuu baraarsaatiif deeggarsa gochuuf gara bakkichaatti imalanilleen, seensi isaa baayyee dhiphoofi kan ala tokkotti namoota kudhan caalaa hin galchine waan ta’eef yaalii kana akka harkifatu taasiseera.
Kana malees, sababii naannichaatti albuuda baasuuf lafti qotameef, akkasumas lafti naannoo jabaataa waan hin taaneef namoota lubbuu baraaruurratti hirmataniif yaaddoo umuu Obbo Ayyaaleewu himan.
Bulchaan godinichaa Obbo Alii Makoonnii, hojii baraaruu maachiniidhaan deeggaruuf barbaadamulleen naannichii konkolaataan haa hafuu namootaafuu mijataa waan hin taaneef akka hin yaalamne BBCtti himan.
Nannoota naannichaatiin alatti albuudicha qotuudhaaf namoonni naannoo ollaatii dhaqan akka jiran kan yaadamu yoo ta’u, kanaafuu lakkoofsi namoota danqamanii meeqa akka ta’e dubbachuun rakkiisaa ta’u dubbatan Obbo Ayaaleewu.
Jiraattoonni miseensi maatii jalaa badan tarii boollicha keessa jiraachuu danda’u shakkii jedhuun gara sanatti dacha'aa akka jiran kaasan.
Kominikeshiniin godinichaa garuu ‘‘dargaggoota 20 olitu’’ bollicha keessatti awwaalame jedheera.
Bolli amma jige kun kan gadi fageenya meetira 750 ol kan qabu yoo ta’u, namoota keessatti danqaman baraaruudhaaf karaa seensa boollichaatti dhiheenya qabuun qotamaa jiraachuu aanga’oonni naannichaa dubbatan.
Namoonni hojii baraaruurratti hirmaatanis sababii biyyoon naannichaa sigigaatuuf gara boolichaatti haala barbaadamuun darbanii seenuu akka hin danda’amne ibsan.
Namoota lafti itti jige kanneen baraaruudhaaf qaamooleen muxannoofi tekinoolojii qaban hatatammaan akka qaqqabaniif waamicha taasian.
Aanaan Dalaantaa kan Walloo Kibbaa keessatti argamutti albuudni Oppaalii faayaadhaaf oolu kan itti argamu yoo ta’u, namoonni hedduunis haala nageenyisaanii hin eegamneen albuudicha baasuun gabaadhaaf dhiyeessu.
Bolli albuuda kanaa yoo jigee lubbuu namootarraan balaa qaqqabsiisu kun kan yeroo jalqabaa akka hin taane kan yaadatan bulchaan aanichaa Obbo Ayyaaleew, kana duras lubbuufi qaamarra miidhaan qaqqabee akka beeku kaasan.
Kanaan duras bolli jigee namni guyyaa torbaaf lafa jala ture qotamuun baafamuu kaasuudhaan, bakki amma balaan itti qaqqabe haallisaa baayyee rakkiisaa ta’ulleen, namoonni lubbuun ni hafu jedhanii akka abdatan dubbatu.












