Taateewwan badhaasa aartii Gumaa Awwaard baranaa ijoo dubbii taasisan

Taatee Badhaasa aartii Gumaa Awwaard baranaa irratti torban darbe gaafa Jimaataa mul’ateefi isaan booda hidhaan raawwate saganticha ijoo dubbii taasiseera.

Sagantaa badhaasa aartii kana booda hundeessaafi daarektarri badhaasichaa Yonaas Birhaana Mawwaa namoota tikaa uffata sivilii uffataniin to’atamuu kanneen saganticharra turan himaniiru.

Artistiin kuni gaafa Wiixataa hidhaatii hiikamuu BBC'n maatiifi hiriyyoota isaa irraa odeeffateera.

Yonaas gaafa Sambataa mana murtii dhihaatee akka hiikamu murtaa’us buufata poolisii sadaffaa jedhamutti akka dabarfame miseensi maatii BBC’n dubbise dubbataniiru.

Yonaas Birhaana maaliin shakkamee akka to’annoo jala oolees ta'e ergaan artistiin mekaappii tolchuun ijoo dubbii taate ammallee ifa miti.

Sababa hidhaa isaa ilaalchisee BBC’n poolisii magaalaa Finfinnee gaafatus deebii gahaa hin arganne.

Ogeessi sabqunnamtii poolisii Finfinnee Komaandara I/Aanaa Maarqos Taaddasa sababa shakkameef ammatti akka hin beekneefi odeeffannoo walitti qabanii akka ibsan himan.

Poolisiin kana haa jedhu malee Yoonaas to’annoo jala kan oole sagantaa badhaasa Filmii Gumaa Awwaard irratti dubartiin hirmaatte ergaa dabarsite waliin akka walqabatudha.

Sagantaa Televijiniifi TikTok irratti ‘’YaLij Maanyaa’’ jedhamuun kan beekamtu Fillaagot Abirahaam wanti fuula isheerratti mekaappiin tolfatte ijoo dubbii ta’eera.

Adda ishee irratti qawween rukutamtee, akka hin dubbanne immoo hidhii ishee hodhamuu fakkeessuun uffata alaabaa Itoophiyaa ofirraa qabu jalatti uffachuun mul’atteetti.

Waa’ee ergaa dabarsuu hedde ammatti isheen ifa hin goone. Namootni waa’ee ishee miidiyaa hawaasummaa irratti ergaa bitaa mirga ta’e katabaa turan.

Hidhaan Yonaas Birhaana kanaan akka walqabatuu danda’u hiriyyooti dhihoo, miseensi maatiifi hoggantoonni mirga namoomaa ibsaniiru.

Abbaan Yonaas, Birhaana Mawwaa fuula Fesbuukii isaanii irratti ‘’waan inni hin gooneefi kaan mirga keenya jedhanii godhaniin shakkamaa ta’e hidhaa seenuun qalbii nama cabsa,’’ jechuun kataban.

Komishinarri Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani’el Baqqalaa (PhD) hidhaan ogeessa filmii Yoonaas ‘’seeraan ala’’ jechuun ibsaniiru.

Yonaas to’annoo jala kan oole artistiin biroo aartiidhaan waan ergaa dabarfatteefi jechuun ‘’atattamaan’’ akka hiikamu gaafataniiru.

Waan artistittiin raawwattees yaada ofii bilisaan ofii ibsachuu ta’u ibsan.

Badhaasa filmii Gumaa irratti maaltu ta'e?

Waltajjiin badhaasa ogeeyyii aartii Itoophiyaatti guddicha ta’e kuni barana yeroo 9ffaaf Hoteela Iskaayilaayititti ALI Waxabajjii bulti 02, 2015 gaggeeffameera.

Saganticha irratti damee garagaraan artistoonni badhaasa argatanis kan qalbii namootaa harkise garuu saganticha irratti waan Fillaagot Abirahaam raawwatteefi hidhaa Artiist Yonaasidha.

Sagantaa badhaasa filmii kana irratti namoota hirmaatan keessaa tokko Bafiqaadu Abbaay, dubartiin ijoo dubbii taate hoteelicha kan dhufte erga sagantaan badhaasaa eegale boodadha jechuun hime.

Akka BBC’tti dubbatetti, Fillaagot ‘eenyu waliiniyyuu osoo hin dubbatiin’ suuraa warra kaasaniifi viidiyoo warra waraaban fuuldura dhaabattee ergaa ishee dabarsitee osoo hin turiin galma keessaa baate.

Isheen sagantaa kana irratti hirmaachuu ishee Yonaas hin beeku ture jedha.

Yeroo sagantaa kanaa humnooti nageenyaa yuniformiifi uffata sivilii uffatan baay’inaan akka turan taajjabuu hime.

Fillaagot Abirahaam eenyu?

Dubartiin kuni keessumaa fuula TikTokii hordoftoota kuma 471 qabuufi ‘Ya lij Maanyaa’ jedhamuurratti beekamti.

TikTokii irratti dubartoota Itoophiyaa beekamtii olaanaa argatan keessaa tokkodha.

Yunivarsitiiwwan garagaraatti barsiisummaan tajaajilaa jirti.

Herreegaafi barnoota daldalaan digirii jalqabaafi lammaffaa xumurteetti. Yeroo ammaa barnoota digirii sadaffaa barataa jiraachuutu ibsame.

Miidiyaa Abbaay irratti sagantaa ‘Inzirt’ jedhamu waggaa lamaa oliif qopheessuufi dhiheessuun qooda fudhatteetti.

BBC’n ergaa isheen dabarfachuu heddeefi haala itti jirtu odeeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.