Dhukkuba baay'inaan namoota naannoo gaarreenii jiraatan miidhu beektuu?

Suuraa dubartii dhibee quufa mormaatiin qabamnte

Madda suuraa, Getty Image

Dhukkuba namoota 100 keessaa 12 irratti ni mul'ata jedhamuu fi xiyyeeffannoo hin argannedha, quufa mormaa.

Hawaasni maqoota adda addaatiin waama. Quufa mormaa, Kuukuu fi Hucubni maquma dhukkubni bakka garaa garaatti ittiin beekamuudha.

Ofii quufni mormaa maali?

Dhukkubni quufa mormaa jedhamuun waamamu kun dhukkuba morma namaa irratti mudatudha.

Dr. Obsaa Birraatuu Hospitaala Rifaraalaa Yunvarsiitii Ambootti Ispeeshaalistii Baqaqsanii yaaluu waliigalaa fi yunvarsiitii Amboottis Barsiisaa fi gargaaraa Piroofeesaraati.

Akka isaan jedhanitti, quufni mormaa dhibee xannachi morma namaa keessa jiru sababoota adda addaatiin dhiita'uurraa maddu.

"Qaama namaa keessa xannachoota hedduutu bakka adda addaa jira. Quufni mormaa kan walqabatu xannacha naannoo morma keenyaa jiruu fi hormoonii qaama namaatiif barbaachisaa ta'e maddisiisuni" jechuun ibsuu.

"Quufni mormaa dhibeen jedhamu kun ,kan dhufu xannachi morma keenyarratti argamu kan guddina giraama 20-25 ta'e qabu yeroon itti guddatu kan uumamudha" jedhan.

Xannachi morma keenya keessatti argamu kun akka guddatuu sababoonni godhan ammoo hanqina Ayoodiinii, infeekshiniiwwan adda addaatiinii fi gosa kaansarii adda addaa achirraa ka'uun akka ta'es himu.

Xannachi morma keenya keessatti argamu kun kan namoota fayyaa gogaa fi foon jala dhokatee kan jiru waan ta'eef ijaan hin mul'atu. Sababoota olitti eeramaniin yeroo miidhamu garuu morma keessaa dhiibbatee bahuun gara ijaan mul'achuutti yeroo cehu quufa mormaa kan ta'u.

Xannachi morma keessatti argamu kun hormoonii taayirooksiin jedhamu kan maddisiisudha. Hormooniin Taayirooksiin jedhamu kun ammoo akkaataa hargansuu, dhahannaa Onnee, sochii mar'imaanii fi guddina sammuu kan too'atudha.

Xannachi kuni yeroo hammaan guddatu ammoo hormoonii kana hamma barbaachisuun olitti akka maddisiisu taasisa.

"Hormoonii kana yeroo hamma barbaachisuun olitti maddisiisu, onnee irratti dhiibbaa fiduun garmalee akka dhahatu gochuu danda'a, nama dafqisiisuu, fedhii nyaataa qabaachuun qaaman garuu qal'achaa deemuu fiduu mala" jedhan.

Yaaliin isaa maal fakkaata?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhibeen quufa mormaa dhibee yaala yoo argatan fayyuu danda'amudha jedhu Dr. Obsaan. Yaalli isaa ammoo sababoota ka'uma dhukkubicha fidan irratti hundaa'a.

"Yoo hanqina Ayoodiiniitiin mudate ta'e, ayoodiniin kun bifa qorichaatiin kennamee kan dhiita'e kuni akka gadi bu'u gochuun danda'ama. Yoo infeekshinii ta'es infeekshinii quufa mormaa kaase kana yaaluun rakkoo sana furuun ni danda'ama" jedhan.

Quufa mormaatiif ka'umsa kan ta'e kaansarii yoo ta'e ammoo, gosa kaansarii sanaa adda baasuun baqaqsanii yaaluudhaan fayyisuun akka danda'amus himu.

Xannachi morma keenya keessatti argamu kun yeroo kaansariidhaan garmalee miidhame argame garuu xannacha kana guutumatti muranii baasuun yeroo dirqama ta'u nijiraata.

Yeroo akkasiitti ammoo dhukkubsataan suni bakka xannacha guutumatti muramee bahe kanaa kan bu'u qoricha umrii guutuu fudhatutu ajajamaaf.

"Quufa mormaa gosa kaansariitiin dhufe kan guutummaadhaan bahuu qabu jira. Yeroo sana nama dhukkubsate sanatti himamee waliigaleeti baqaqsanii yaaluunkan raawwatamu. Sana booda bakka xannacha sanaa qoricha umurii guutuu fudhachuu qabutu kennamaaf" jechuun ibsan oggeessi kun.

"Qorichi kun bakka xannacha sanaa bu'ee hormoonii qaama namaatiif barbaachisu sana kenna. Kanaaf dhukkubichaan miidhamuurra umrii guutuu qoricha kana fudhachuun filatamaadha" jedhu.

Quufni mormaa teessuma lafaa waliin walqabata

Qorannooleen akka agarsiisanitti baay'ina uummata addunyaa keessaa nama harka 12 ta'utu dhibee quufa mormaatiif saaxilamaadha.

Akka Dr. Obsaan jedhanitti, facaatiin dhibee quufa mormaa akkaataa teessuma lafaa namootni irra jiraataniin kan walqabatudha.

"Dhibeen kun namoota lafa gaarrenii jiraataniitti nibaay'ata. Sababni ammoo hormoonii kana omishuuf Ayoodiiniitu qaama keenya barbaachisa. Ayoodiinii kanammoo lafarraa arganna. Lafa gaarrenii bakka lolaan albuuda kana dhiqee deemutti albuudni kuni carraa dhiqamee deemuu qaba," jedhu.

Yeroo ammaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka filannootti soogidda keessatti ayoodiiniin akka dabalamee dhihaatu waan ajajeef namootni guyyaa guyyaan carraa albuuda kana argachuu kan uumedha.

Facaatii dhibee quufa mormaa too'achuu keessatti tarkaanfiin soogidda keessatti ayoodiiniin akka dabalamu gochuu kuni tarkaanfii murteessaa akka ta'es himu.

Maal gochuutu gorfama?

Dhiiroota lama dhibee quufa mormaatiin qabaman

Madda suuraa, Getty Images

Ogeessi fayyaa BBC'n dubbise kun akka jedhanitti, dhibeen quufa mormaa kun dhibee facaatii guddaa qabu, garuu ammoo hanga babal'inasaa xiyyeeffannaa hin argannedha.

"Dhukkubni kun akka malee facaatiin isaa guddaadha. Hospitaalota keessa kutaa baqaqsanii yaaluu yoo ilaalte harka 10 hanga 15 kan ta'u yaalamtoota dhibee kanaati. Bakka ani amma hojjedhu kanattis guyyaa guyyaan namootni dhibee kana yaalamuuf dhufan hedduudha" jedhu.

Facaatiin quufa mormaa dhiirota caalaa dubartoota irratti kan baay'atu yoo ta'u, umuriidhaan ammoo namoota umurii giddu galeessaa keessa jiran irratti baay'ata.

"Dubartoonni yeroo ulfaas, yeroo waggaa 17, 18 ta'an hormoonii kana baayyee barbaadu. Keessumaa yeroo ulfaa hormoonii kana baayye barbaadu. Yeroo hanga barbaadamu sana hin omishne adeemsa keessa rakkoo kana fiduu mala," jedhan.

Namootni hedduun ammoo dhukkubni kun morma isaaniirratti fuulduraan kan mul'atu waan ta'eef waa'e bifaa fi bareedina isaanii yaadda'uu qofaan yeroon gara mana yaala deeman jira.

Kutaalee baadiyyaa adda addaa keessatti garuu hubannoon jiru xiqqaa waan ta'eef namootni quufa mormaa kana qaban callisaniituma ofirratti baatanii jiraachuu yeroon filatan akka mul'atu himu.

Gara dhaabbilee fayyaa deemanii yaalamuun garuu furmaata gaariidha jechuun dhaamu Dr. Obsaan.

"Quufa mormaa kana kan fide mana yaalaatti adda bahee yoo kaansariis ta'e yaalamee fayyuu waan danda'uuf gara dhaabbilee fayyaa deemanii yaalamuun murteessaadha" jedhan.