TPLF haqamuusaarratti Gamtaan Afrikaa akka gidduu galu gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaa beekkamtii paartii Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) haquusaa hordofee, murtichi kan ''waliigaltee Piritooriyaa cabsudha'' jedhan dura taa'aa ittaanaan paartichaa Obb Amaanu'el Asaffaa.
Obbo Amaanu'el gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin osoo boordichi paarticha hin haqiin durayyuu, waraqaa eenyuummaa galmee kennameef akka hin fudhannee irra deeddeebiin ibsaa turuu kaasaniiru.
Murteen boordichaa kun waliigaltee Piriitooriyaa bara 2022tti mallataa'eefi waraana gaaga'aa waggoota lamaaf ture goolabetti ''yaaddoo guddaa uuma'' jedhan Obbo Amaanu'eel.
Dhaabni kun dhibdee keessoo guddoo keessa jiraatus, bu'uura waliigaltee Piritooriyaatiin mootummaa yeroo naannichatti hundaaffame hooggana.
Dhaabni kun xalayaa Gamtaa Afrikaaf ergeen mootummaan federaalaa murtee dabarse kana hojiirra akka in oolchine ''dhiibbaa'' akka godhu gaafateera.
Murteen kun ''mirga waliigaltee Piriitooriyaan argate kan mulquufi bu'uura adeemsa nagaa fiduurratti balaa guddaa kan fiduudha'' jedheera.
TPLF Kibxata ALI Caamsaa 5 bara 2017 irraa kaasee paartii siyaasaa ta'unsaa haqamuu Boordiin filannoo biyyaalessa Itoophiyaa beeksiisuun ni yaadatama.
TPLF paartii siyaasaa irraa kan haqame, ''tarkaanfii sirreeffamaa'' boordiichi ajajee hojiirra oolchuu waan dadhabeef ta'uu boordichi ibsa baaseen eereera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, dura taa'aa ittaanaan TPLF Obbo Amaanu'el, paartiichi waraqaa ragaa galmee kennameef akka hin fudhannee ibsaa turuusaa kaasuudhaan, ''boordiin filannoo biyyaaleessaa sirna ittiin paartiilee galmmeessuu fi ittiin bulchu qabu hordofuun akka dhaabbata dimokiraasii hordofu tokkootti osoo tajaajiluu qabuu ejjannoo mataasaa qabachuudhaan haala waliigaltee Piritooriyaa cabse'' jechuun himatan.
Obbo Amaanu'eel itti dabalunis, boordichi daandii mootummaa Itoophiyaa ''gara biraatti geessuu kan saaqe natti fakkaata'' jechuun murticharratti tilmaamasaanii dubbataniiru.
Boordiin filannoo ''haala waliigaltee Piritooriyaa miidhuun socho'eera'' jechuun kan dubbatan dura taa'aan ittaanaan kun, namoonni boordicha kana kan raawwatan ''waliigaltee Piritoriyaa fudhachuu dhiisurraa kan ka'edha'' jechuun komiisaanii kaasan.
Aaanga'oonni boordichaa waliigaltichaa sababii hin fudhanneef ''seera harkasaanii irra jiruutti dahachuudhaan haala waliigaltee Piritooriyaa miidhuun socha'aa turaniiru'' jechuun himatan.
ALI Hagayya 3 bara 2016 waraqaa ragaa akka paartii haaraatti galmaa'usaanii ibsu fudhachu diiduusaanii fi irra deebiidhaan qaamni seeraasaanii akka deebii'uuf gaafataa turuusaanii Obbo Amaanu'eel Asaffaa BBCtti himaniiru.

Ibsa Boordiin filannoo baaseerra ammoo, TPLF haala addaatti paartii siyaasaa ta'e galmaa'uudhaaf tarreewwan sanadoota seeraan gaafataman dhiyyeessuu fi aanga'oonni olaanoon paartichaa waraqaa ragichaa fi xalayicha haala barbaadamuun waliigalanii hayyamsaanitiin mallatteessanii fudhachuu beeksiiseera.
Dura taa'aa ittaanaan kun, dhimma kana mariiwwan garaa garaa mootummaa Itoophiyaa waliin taasisan irratti kaasuudhaan bal'inaan irratti dubbachuu ibsaniiru.
Kanaaf, ibsi boordiin filannoo TPLF haqamuusaa ilaalchiisuun baase, ''dhimma Adooleessa 3 ykn 4 raawwachu danda'an ture'' jedhan.
Boordiin filannoo Adooleessa 3 bara 2016 kenneefii kan ture galmee haaraadha haqee kan jedhan Obbo Maanu'eel, TPLF mootummaa Itoophiyaa waliin waraana keessa erga seeneen booda walitti dhufeenya kan ummatee karaa waliigaltee Piritooriyaatiin Onkololeessaa 23 bara 2015 ture jechuun ibsu.
Boordiin filannoo TPLF akka haaraatti galmeessee waraqaa ragaa osoo hin kenniin dura waliigaltee Piritooriyaa hordofuun mootummaa Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya seeraa eegaluu kaasan.
''Dhimmoonni waliigaltee Piritooriyaa ni deebisa jedhaman ammoo deebii homaatuu hin arganne. Kanaafuu isaan deebii akka argataniif ni hojjanna. Qaama seeraa TPLF gama ilaallatuun dhimmoota Tigraay keessa deebii hin argatiin hafan keessaa tokko ta'a'' jedhan.
Namoonni buqqaafaman gara qe'esaaniitti deebisuu, daangaa heera mootummaa Tigiraay, deebiisanii ijaaruu, hidhannoo hiikkachuu, dhimmoota itti gaafatamummaafi kaan akka hin furamiin kan tarreessan Obbo Amaanu'eel, murtee ammaatiin alaatti dhimmoon dabalataa jiraachuu kaasaniiru.
''... kanaafuu dhimmoonni kunneen akkuma jiraniiti ta'anii, dhimma seera qabeessummaa TPLF ilaallatuun kan tibba waraanaatti haqame waan ta'eef... haaluma waliigalte Piritooriyaatiin kan ilaalamu ta'a'' jedhaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa, murtee Boordii Filannoo hordofuun, murtee Piritooriyaa irratti ''dhiibbaa geessisu kan hojjatu yoo ta'e balaafamaa'' akka ta'u ibsaniiru.
Obbo Amanu'eel akka jedhanitti, murteen ragaa Boordii Filannoo haquuf kenne, walitti dhufeenya boordii waliin qabnu ilaalchisee murtee kenname ta'uufi, walitti dhufeenyi isaan mootummaa Itoophiyaa waliin qaban adda ta'uu dubbatu.
"Hariiroon mootummaa waliin qabnu waraqaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraatti osoo hin taane, waliigaltee nu lamaan gidduutti addunyaa fuulduratti Piritooriyaatti mallatteeffame irratti hundaa'a."
Hariiroon Waliigaltee Piriitooriyaa kun waraqaa Boordii Filannoo '' kennu ykn dhoowwatu irratti kan hundaa'e mitis jechuun cimsanii dubbataniiru.
TPLF hariiroo mootummaa Itiyoophiyaa waliin qabnu kamiyyuu Waliigaltee Piriitooriyaa irratti hundaa'uun itti fufuu qabdi jedha.
TPLF fi mootummaan Itiyoophiyaa waldhabdee siyaasaa isaanii karaa nagaa furuuf ALI Onkoloolessa 23, 2015 waliigaluun,Waliigaltee Piriitooriyaa mallatteessaniiru.
Qaamotni wal waraanaa tursn lamaanis waliigaltee kanaan beekamtii waliif kennuu obbo Amanu'eel BBC'tti himaniiru.
Akka waliigaltee Piritooriyaatti TPLF shororkeessummaa irraa akka haqame fi bulchiinsi yeroo hundeeffamee naannicha bulchaa akka jiru itti aanaan dura taa'aa kun eeraniiru
Waliigaltee kanaan boodas hariiroo paartichi mootummaa Itiyoophiyaa waliin taasisuun hojiiwwan biroo raawwachuu akka itti fufan himaniiru.
Qaam-seerummaan TPLF Boordii Filannoo irratti qabu Amajjii 2013 haqameera.
Bu'uura Waliigaltee Piriitooriyaatiin seeruumman paartichaa akka deebi'uuf boordichi seera qabeessummaa TPLF deebisu hin qabnu waan jedheef seera haaraa baasee akka haaratti akka galmaa'uuf gaafachaa ture.
"Seerri bahe kun seera qabeessummaa paartichaa haqame deebisuuf osoo hin taane, akka haaraatti galmeessa; akka haaraatti galmeessuu qofa osoo hin taane, balleessaa TPLF irra kan kaa'udha," jedha obbo Amanu'eel.
Itti dabaluunis TPLF waraanaummata Tigraay irratti labsite hoogganuu fi hirmachuun "dhimma mirgaa" waan ta'eef gocha fincilaa irratti bobba'uutti fudhatamuu hin danda'u jedhan.
Kana fudhachuun "duula seera kabachiisaa " Itiyoophiyaa fudhachuu akka ta'e fi aarsaa ummanni Tigraay baase kan balleessuu, akkasumallee itti gaafatamummaa gara ummata Tigraayitti kan deebisu waan ta'eef hin fudhanne" jedhan.
Boordiin Filannoo biyyaleessaa seera qabeessuummaa TPLF kan haqe baatii Guraaandhalaa bara darbee, yeroon paartichaaf kenname Kibxata Caamsaa 5, 2017. Xumura hordofeeti.
Boordichi ibsa yeroo xumuraa paartichaaf kenname ilaalchisee TPLF yaa'ii waliigalaa gaggeessuuf haaldurewwaan isa dandeessisan ji'a sadii keessatti akka raawwatu ajajee ture.
Boordichi TPLF yaa'ii waliigalaa akka gaggeessi kan ajaje; akkaataa tumaalee labsii paartileen siyaasaa " jeequmsa keessatti hirmaatanii fi seeraan ala socho'aa turan" "haala addaa" keessatti akka galmaa'an ajaju irratti hundaa'uni.
Labsiin kun dhaabbilee siyaasaa "haala addaa" jalatti galmaa'an i'a jaha keessatti yaa'ii waliigalaa isaanii akka gaggeessan Boordii Filannootiin ajajuu akka danda'u tumameera.












