Boordiin Filannoo Biyyaalessaa TPLF paartii siyaasaa keessaa haqe

Paartiin Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) paartii siyaasaa keessaa haqamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Boordichi ibsa baaseen akka beeksisetti, TPLF A L I Guraandhala 5, 2017 irra kaasee dhorkaan kaa'uudhaan TPLF tarkaanfii serreessuu irraa eegamu akka fudhatuuf yeroon kennameef waan dhumeef dhaabbaticharratti murtee haquu kana dabarseera.
Waraana waggaa afur dura Tigraay keessatti jalqabeen wal qabatee mana maree Itoophiyaatiin garee shororkeessummaatti farrajamee kan ture TPLF, sochii humnaa keessatti hirmaachuusaatiin Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin haqamee akka ture ni yaadatama.
Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay gocha fincilaa keessatti hiraachii isaatiin bu'uura Labsii lakkoosa 1162/2011 Keewwata 98tiin paartii siyaasaa keessaa haqamuu isaa Boordiin Filannoo ibsa baaseen yaadachiiseera.
Haata'u malee, waraanno mootummaa Federaalaafi hidhattoota Tigraay gidduutti waggoota lamaaf gaggeeffama ature waliigaltee Piritooriyaatiin fala argachuu hordofee, Boordiin Filannoo Itoophiyaa karaa labsii galmee paartilee siyaasaafi naamuusa filannoo foyyeessuudhaa baaseen TPLFn haala addaatiin galmeessuu danda'ee ture.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa TPLF haqamuu ilaalchisee ibsa har'a baaseen akka beeksisetti, labsii lakkoofsa 1332/2016 hordofee qajeelfama lakoofsa 25/2016 baheefi Boordichi galmee sana hordofee ajaja akka hojiirra oolu kennee TPLF kabajuu dideera.
Yeroo gara garaatti akeekkachiifni kennamus "dirqama seeraan itti kenname hin raawwanne," jedheera.
Kanaan alattis, paartichi mirkaneessituu qaama seerummaa paartii itti amaneefi itti waliigalee fudhate hin beeku jedhuu isaa eeruun "seera-qabeessummaan koo kanaan hin mirkanaa'u" jechuu isaa ibsee, "seeraafi qajeelfama kabajuudhaaf hayyamamaa hin taaneef" jechuun Boordichi ibsa isaa keessatti eereera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paartichi haala addaatiin yeroo galmaa'u, sanadoota seericharratti ibsaman, sagantaa paartii, seera ittiin bulmataa paaritiifi tarreeffama maqaafi mallattoo gaggeessitoota paartichaa Boordichaaf dhiyeessuu isaa ibseera.
Haata'u malee, TPLF seera qabeessummaan isaa akka haqamu murteen darbe akka ka'uuf gaaffii AL I Ebla 13, fi 28 bara 2015 Boordichaaf dhiyeesseen "haala addaatiin" paartii ta'ee galmaa'uudhaaf sanadoota akka dhiyaataniif gaafataman tokkoosaniillee kan hin dhiyeessine ta'uu Boordichi ibsa isa akeessatti mul'iseera.
Boorichi xalayaarratti akka barreessetti Al I Adoolessa 19, 2016 labsiin paatilee haala addaatiin galmeessuuf labsamee booda ji'a lamaffatti gaaffi yeroo dhiyeessetti, kaayyoo labsichaa, hojiirra oolmaafi bu'uura labsichaatiin haala addaatin paartii ta'ee akka galmaa'u adeemsa ifa ta'e ifoomeera.
"Kaayyoofi hojiirra oolmaa labsii ummataaf ifa ta'e kana ifatti baruufi hubachuun sanadoota labsicharratti ibsaman wal qabsiisee dhiyeessuun sirna galmee labsichaan kaa'ame raawwachuun"galmichi raawatamuu Boordichi ibseera.
Boordichi A LI Hagayya 3, 2016 haala addaatiin galmeessuun waraqaan mirkaneessaa seera-qabeessmmaan kenneefiif, qama seerummaa duraan qabu ture akka hin deebineef ifatti yeroo sana akka ibsameeruuf dubbateera.
Yerooma sanatti aanga'oonni paaricha aolaanoo waajira Boordichaatti argamanii waraqaa ragaafi "xalayicha sirriitti ilaalanii dubbisaniifi itti waliigalanii mallatteessanii fudhachuusaanii ibsuun, "qama seera qabeessummaan haala addaatiin galmaa'ee fudhate hin fudhadhu jechuun fudhatama hin qabu," jedheera.
Erga hundeeffamee wagga shantama ol kan ta'e TPLF filannoo akka haaraatti haala addaatiin akka galmaa'uuf kennameef kufaa kan taasise yoo ta'u, beekamtii duraan qabu akka deebiyuuf malee akka haaraatti galmaa'uuf fedhii akka hin qabnes ibsa atureera.
TPLF ibsa torban darbe baaseen, waraana Tgraay keessatti gaggeefffame dhaabsisuudhaaf kan mallattaa'e waliigalteen Piritooriyaa, seera qabeessummaa dhaabichaa kan mirkaneessu waan ta'eef akka haaraatti galmaa'uudhaaf kan hin dirqamne ta'uu beeksiseera.
Beekamtii dhaabichaa deebisuudhaaf kan barbaachisu murteesiyaasaati malee dhimma seeraa akka hin taane eeruun, mootummaan federaalaafi qaamoleen waliigaltee Piritooriyaa jaarsummaan gidduu turan beekamtii TPLF duraanii akka deebiyuuf akka godhan waamicha dhiyeessee ture.












