Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karaan qabnu tokkichi loltoota Ertiraan cufamnaan rakkachaa jirra-Uummata Iroob
Naannoo Tigraay godina Bahaatti kan argamtu aanaa Iroob keessatti rooba gaarii tureen ummanni hanga danda’u qotatee midhaan gahaa eeggataa ture amma garuu haalli keessa jiran“baayyisee fokkisaadha” jedhu lubi Bataskaana Kaatolikii magaalaa Dewuhaan fi Addigiraat gidduu deddeebiyanii barsiisan.
Aaanaan Iroob waraana hamaa mootummaa Federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti waggoota lamaaf gaggeefamee dhiiga baayyee dhangalaaseen naannicha keessatti hedduu miidhaman keessaati.
Waraanni kun waliigaltee wagga lama dura taasifameen dhaabbatus gaaga’amni waraanni ture sun qaqqabsiise ammallee miidhaa geessisa jira.
Aanaa Iroob daalatee kutaaleen naannoo Tigraay biroo keessatti dhukaasni dhaabbatullee wallaansa fayyaa dhabuufi rakkooleen hawaasummaa birootiin du’aatiifi buqqaatiin namaa itti fufuu jiraattonni aannichaa BBCn dubbise ni himu.
“Abdiin keenya Waaqarra”
Aaanaan Iroob Itoophiyaafi Ertiraan bara gita bittaa (kolonii) Xaaliyaanirraa kaasee naannawaa daangaatti argamu naaf mala jechuun gaaffii irratti kaasanidha.
Yeroo waraanni TPLF fi mootummaa gidduutti jalqabetti waraana Itoophiyaa waliin hiriiruun kan lolaa turan loltoonni Ertiraa aanaa kana akka to’atan jiraattonni ni dubbatu.
Kanarraa kan ka’een yeroo ammaa kana Weri’aatillee, Indaalgedaa, akkasumas Hageraalee fi Aliteenaa bakkeen jedhaman gariin to’annoo waraana Ertiraa jalatti akka argaman himu jiraattonni.
Mootummaan Ertiraa garuu loltoonni isaa kan argaman bakkeewwan kutaa qama bulchiinsa isaati jedhamuun murtaa’e keessa ta’uu isaanii ibsuudhaan yeroo garagaraatti deebii kennaa tureera.
Erga waraanni sun uumamee booda jiraattonni aannichaa harki caalan buqqa’anii gara magaalota Addigiraatiifi Maqaleetti kan godaanan yoo ta’u, erga waraanichi dhaabbatee waggoota lamaan darbanii asis nageenyaagi tajaajila hawaasummaa ilaalchisee wanti fooyyaa’e akka hin jirre dubbatu jiraattonni.
Buufataaleen fayyaa waraana tureen manca’aniifi saamaman irra deebiin akka hin ijaaramiin jiran, hanqinni qorichaa akka jiruufi bulchiinsiifi nageenyi bakka sanaa gara duraan turetti hin deebiyiin jiraachuu eeru.
“Haalli ummata Iroob nama gaddisiisa” kan jedhan Lubni Bataaskaana Kaatolikii BBCn dubbise kun, “karaan gara Maqaleefi Addigiraat geessu cufachuu isaarraa kan ka’e daandii baayyee rakkisaa ta’e kiiloomeetira 90 dheeratu deemnee, tulluu Asimbaa ceeneeti Adigiraat gahuu kan dandeenyu,” jedhu.
Waraana dura ummanni aanichaa gabayaafi sochii hawaasummaa biroo raawwatachuuf karaan ittiin socho’u daandii cirrachaa tokko qofa ture.
Amma lafti daandiin kun keessa qaxxaamuru “kan Ertiraati” maqaa jedhuun “humnoota Ertiraatiin sababa cufameeruuf karaa dheeraa naannofnee baanee galaa jirra” jechuun ibsu.
Dewuhaan magaalaa Adigiraatirraa kiiloomeetira 45 fagaattee argamtudha.
Karaan kanaan dura tiraanispoortiif birria 80 hanga 90 itti kaffalamaa ture amma taarifa idilee kaa’ameen ala birriin 1,000 fi isaa ol gaafatamaa jiraachuu jiraattonni BBCtti himaniiru.
Waliigalteen Piritooriyaa “danbalii waraanaa nu balleessuu danda’u akka dhaabbatu gochuun isaa waan gaarii ture” jechuun dubbatu jiraataan aanichaa tokko.
Sababa rakkoo nageenyaa bakka sana jiruun namni maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu erga waliigalteen mallattaa'ee booda fooyya'insi waan tokkollee akka hin jirre dubbata.
"Amma Iroob keessatti manneen, waajiraleen mootummaa, buufataaleen fayyaa, manneen barnootaafi toorawwan bishaanii manca'anitu bakka gara garaatti mul'atu."
Hawaasummaafi waliin jireenyi ummatichaa "diigumsaaf saaxilamaadha" kan jedhan namni kun, naannoo sana keessa deeggarsi nageenyaafi namoomaa, tajaajilawwan hawaasaa, geejjibaafi dhiyeessiin tajaajila gaha amiti jedhu.
"Yeroo hunda haalli keessa jirru 'yoom xumura argata'? jennee Waaqa kadhanna. Waqtii sabsii [midhaan sassaabamutti] namoonni kan facaasan osoo hin haammatiin baqannaarra jiru.
Waaqayyo waan ummaticha tasgabbeessu yoo fide malee abdiin hin jiru.Wanti arginu tasgabbii dhabuu mootummaa, diigumsaafi abdii kutachuu qofa ta'eera," jechuun dubbatu.
Miirri akka kanaa bakkawwan hundatti ummatarratti kan mul'atu ta'uu kan himan Lubni Bataskaana Kaatlikii, "jireenya akka itti fufaniif garuu 'Kiristaanni abdii hin kutatu' jechaa hamilee itti horuudhaaf carraaqaa jirra. Amantiin keenya waaqarraa malee lafarratti abdii nutti mul'atu tokkollee hin qabnu," jechuun haala jirutti akka gaddan ibsu.
Hawaasni harki caalu sababa waraanniifi rakkooleen biroo qaqqabsiisaniin gaaga'ama dinagdee, hawaasummaafi qoor-qalbiitiif saaxilamuu isaanii eeru.
"Miidhaan saal-qunnamtii irratti raawwatameefi maatiin isaanii jalaa ajjeefaman jiru. [Naannawaa sanatti] maatiin dargaggoota 500 waraana keessatti ajjeefaman gaddi itti himameera.
Kanaaf, ummanni kun rakkoolee qaamaa, xiinsamuu, dinagdeefi buchiinsaa keessa jira.
"Namoonni irra caalaan sababa wallaansa fayyaa dahabiif du'aa jiru. Har'a [gaaffiifi deebii torban darbe taasifamedha] sirna awwaalchaa gaggeessaa ooleen namoonni lamaanuu qoricha dhabuun warra du'anidha. Piritooriyaatiin booda dhukaasuu qofatu dhaabbate malee nagaa dhabuun, miidhaan xiinsamuufi gaddi hin dhaabbanne."
Kanarra darbee dargaggoonni karaa seeraan alaa gara Liibiyaa fi Yamanitti godaanuun sababa warra namta daddabarsaniin saamamaa, ukkaamfamaafi ajjeefama ajiraachuu jiraattonni aannichaa BBCn dubbise eeraniiru.
Waliigalteen Aljers maal ture?
Bara 1998-2000tti Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti sababa daangaatiin waraanni dhiiga dhangalaase gaggeeffamee ture. Waraanni ture kunis waliigaltee Aljersitti mallattaa'een dhaabbatee, dhimma daangaa naaf mala jedhu gara mana-murtii geeffamuun isaa ni yaadtama.
dhimma kana kan ilaale manni-murtiis magaalaa Baadimmee waraana sanaaf sababa jedhamte Ertiraaf yoo murtooftu, bakkawwan garagaraa naannawaa daangaarra jiran haaluma walfakkaatuun daangaa Itoophiyaafi daangaa Ertiraa keessatti akka hammataman taasisee ture.
haata'u malee, murteen ture dhimmoota ilaalcha keessa hin galchiin qaba jechuun mootummaan Itoophiyaa murtee komishinii daangaa osoo hojiirra hin oolchin waggoota 20f daangaan sun haala nagaas ta'e waraanni hin jirre keessa tureera.
Osoo waraanni kaaba Itoophiyaatti mudatee waggaa lamaaf ture hin jaqabiin dura waggoota 20f loltoonni Itoophiyaa aanaa Iroob keessa buufatanii turan. Yeroo sanatti bakka sana hanga tokko nagaan akka ture jiraataan tokko BBCtti dubbateera.
Waraana mudate hordofee miidhaan dubartoota irratti raawwatamu, bosonni manca'uun, akkasumas rakkooleen hawaasaa biroon mudachaa turaniiru. Miidhaan namoota nagaarratti raawatamus daran hammaatee itti fufuu dubbatu.
"Bakkeewwan humna waraanaa Ertiraatiin qabatamanii jiran keessatti dargaggoonni namoota karaa seeraan alaa daddabarsuutiin shakkamanii karaa siyaasa fakkaatuun qabamanii ajjeefamu.
Kun kan ta'aa jiru ganda Haraagellee, akkasumas Indaalgedaa keessattidha. Kana kan caalu ammoo ummatichi faca'ee haala gargaarsa gahaa argachuu hin dandeenye keessatti argama."
BBCn dhimma kana karaa qaama walaba ta'een hin mirkaneeffanne. Mootummaan Ertiraa waa'ee bakkawwan to'annoo raayyaa ittisaa isaa jala jiru jedhaman ilaalchisuun odeeffannoo kenne hin qabu.
Jiraattonni garuu, "yaaddooon keenya inni guddaan nageenyadha. namoonni buqqa'uu ilaalaa jirra. Namoonni hojii qonnaa isaanii dhiisanii baqataniifi abdii dhaban baayyeedha. Ummata mootummaa tasgabbaa'eefi gargaarsa dhabe taanee jirra," jedhu.
Erga waraanni ture xumua argateen booda mootummaan naannoo Tigraay bulchiinsa yerootiin durfamu atakaaroo hogantoota TPLF gidduutti dhalateen gaaga'ama keessa galeera.
Naannichi deebiyee walitti bu'insa hin barbaachifne keessa galuu mala yaaddoo jedhu qabu.
Lubni Bataskaana Kaatolikii aanaa Iroob keessa jiraatan rakkoon gaggeessitoota gidduutti mul'ate hawaasa biratti dhiibbaa uumaa akka jiru ibsuun, "amma abdiin natti mul'atu hin jiru," jedhan.
"Hanga ammaatti abdiin keenya Waaqarraati malee lafarraa miti," jechuun haala keessa jiran ibsan.