Angawoonni federaalaa lama Obbo Taayyeef ragaa ta'uf mana murtii dhihaatan

Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfii miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa, meeshaalee waaraanaa seeraan alaa mana jireenyaa isaaniitii argamaniiru jedhaman ilaalchisee himata irratti dhiyaate akka ofirraa ittisan manni murtii ajajuunsaa ni yaadatama.

Angawaan duraanii kunis angawoonni mootummaa ‘dhimmicha beeku’ jedhan shan mana murtiitti dhiyaatanii jecha ragummaa akka kennaniif ragaa ittisaa waammatanii turan.

Haaluma kanaan wayita Obbo Taayyeen Deetaa Ministeera Nagaa turanitti hogganaa isaanii kan turan Ministirri Nagaa Obbo Binnaalf Andu’aalam fi Poolisii Federaalaatti Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa kan ta’an Komishinara Itti Aanaa Malaakuu Fantaa har’a ALI Sadaasa 9, 2017 dhaddachatti dhiyaataniiru.

Angawoonni lamaan jecha ragummaa kennuu isaaniitiin dura Obbo Taayyeen yaada dhiyeeffachuu akka barbaadan Abbootii Seeraa erga gaafatanii booda dhimma meeshaa waraanaa ittiin himataman haasaa taasisaniiru.

"Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu ajaja angwoota mootummaa naannoo Oromiyaa sadiin raawwatamuu" kan dubbatan Obbo Taayyeen, sababni isaan itti hidhamaniifis ajjeechicha waan mormaniif akka ta’e himan.

Wayita aangoorra turanitti isaaniis ta’e maatiin isaanii yaaddoo nageenyaa akka qaban kan himan Obbo Taayyeen, yaaliiwwan ajjeechaa siyaasaa sadi irratti raawwatamuu himan..

Eegdonni isaanii irraa ka’uu hordofee ‘yaaddoo nageenyaa qaban’ Komishinara Itti Aanaa Malaakuu Fantaa mariisisuu kan himan Obbo Taayyeen, meeshaa waraanaa hidhachuuf Waajjira Ministira Mummeetii xalayaa akka barreessifatan akka itti himan dubbatan.

Sana boodas dhaabbata itti hojjetan Ministeera Nagaatti Ministira kan ta’an Binnaalf Andu’aalam xalayaa akka barreessaniif gaafachuu isaaniis himan.

Haa ta’u malee ‘xalayaa malee afaanumaan haasa’uun wayya’ jedhamuun meeshaa waraanaa barbaadanii akka hidhatan waliigalamuu dubbatan.

Haaluma kanaan meeshaa waraanaa kilaashii tokko fira irraa argachuu isaaniifii kaazinaa (qabduu rasaasaa) lama waliin bara 2015 keessa hidhachuusaanii himan.

Obbo Taayyeen dhimma meeshaa waraanaa “seeran alaa” ittiin himataman ilaalchisee yaada kana erga dubbatanii booda ragaaleen ittisaa isaan waammatan Komishinara Itti Aanaa Malaakuu Fantaa fi Obbo Binnaalf Andu’aalam dhaddachatti dhiyaatan.

Ragaaleen ittisaa Obbo Taayyeen waammatan lamaan sirna kakuu erga raawwataniin boodas dabareen gara dhaddachaatti ol seenuun jechasaanii kennaniiru.

Manni Murtichaas jecha ragaalee ittisaa lamaanii erga fudhatee booda jecha ragaalee ittisaa hafan fudhachuuf Sadaasa 17 bara 2017’tti beellama qabateera