Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaddoo 'fonqolcha mootummaa fi seera maleessummaa' Tigraayitti uumame
Wal dhibdee gartuuwwan TPLF lama gidduutti hammaate hordofee torban dura dureewwan amantaa Tigraay Obbo Getaachaw Radaafi Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el rakkoo isaan gidduu jiru akka mariin furan yaalanii turan.
Yeroo qondaalonni lamaan dhibdee isaan gidduutti hammaate furuuf marii taa'u jedhamee eegametti wal himachuun itti fufaniiru.
Keessumaa xumura torban darbee Bulchiinsi Yeroo Tigraay Obbo Getaachoon hoogganamu gartuun Dr Dabratsiyoonin hoogganamu ‘’ifatti fonqolcha mootummaa raawwachuutti ce’eera’’ jechuun himate.
Qaamoleen lamaan tokko isa kaaniin seera-maleessummaan himachuun ibsa walirratti baasaa turan. Bulchiinsi yeroos tarkaanfii seera kabachiisuu akka fudhatu dhaadataa ture.
Himannaa tibbanaarratti gama gartuu Dr Dabratsiyooniin wanti jedhame hin jiru.
Hooggansi Obbo Getaachoon hoogganamu gartuun Dr Dabratsiyoonin hoogganamu fonqolcha mootummaa raawwachuufi seera maleessummaa babal’isuun haala qindaa’en hojjetaa jira jechuun himatee taateewwan tokko tokko eereera.
Magaalaa Maqalee, akkasumas sochiiwwan godinoota kibba lixaa fi godina giddugalaatti adeemsifamaa jiran agarsiistuudha jechuun ibse.
Akkasumas torban darban gartuun Dr Dabratsiyoon ‘’ajajoota humnoota Tigraay waliin’’ waliigalteerra gahamuufi caasaawwan mootummoota naannichaa hunda to’achuuf dhihaachuu isaa bal’inaan ibsaa akka jiru ibseera.
Humnoonni Tigraay hanga ammaa dhibdee qondaalota TPLF gidduutti hammaate kana keessatti akka qaama walabaatti socho’aa jiru.
'Itti gaafatamtuun ukkaamfamuu'
Tarkaanfiiwwan seeraan alaa garee TPLF'n fudhatamaa jira jechuun bulchiinsi yeroo himatu keessaa wanti dhiyeenya kana magaalaa Aksuum keessatti mudate kan eeramudha.
Bulchiinsa yerootiin kan muudaman bulchaan godina giddu-galeessaa Obbo Salamoon Bahaashoo dhimma kana BBC Tigrinyaatti akka himanitti, milishoonni, poolisoonniifi miseensonni nageenyaa gara mana-galmee waajjira godina giddu-galeessaa magaalattii keessatti argamtuutti qajeeluun chaappaan waajjirichaa [kan mootummaan yeroo ce’umsaa itti gargaaramu] hojiirra akka hin oolle dhorkaniiru.
Bulchaan kun akka jedhanitti, erga kun raawwatameen booda A L I Onkololeessa 25, 2017 gochi walfakkaatu cimee itti fufe.
Namoonni shan guyyaa sana chaappaa butuudhaaf yaalii taasisuu ibsuun qama dhimmi ilaallatu [bulchiinsa yeroo ce’umsaatiif] xalayaa barreessuuf akka isaan dirqisiise dubbatan.
Yeroo sanatti hojjettuun mana-galmee chaappaa kennuudhaaf hayyamamtuu waan hin taaneef buleesaa osoo waajiraa baatee gara manasheetti deemaa jirtuu “karaarraa butanii” Aksuumirraa gara magaalaa Adwaa ishee geessaniiru jechuun BBCtti himan Obbo Salamoon.
Dhimmicharratti qoorannoo kan jalqabe poolisiin qorannoon isaa xumuramee booda qama mootummaatiin odeeffannoon bal’aan akka kennamu ibsuun, gochi kun garuu ta’e jedhamee caasaa mootummaafi hojii danquudhaaf kan taasifamudha jechuun himatu aanga’aan kun.
Ji’oota muraasa dura gareen pirezidantiin bulchiinsa yeroo ce’umsaa naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaatiin durfamu magaalota Aksumiifi Aduwaaatti walga’iin jiraattota waliin taasisuuf karoorfatee ture rakkoon mudachuun isaa kan yaadatamudha.
Keessumaa walga’ii ummataa magaalaa Shireetti waamamee tureerratti sababa iyya haadhotiirraa dhaga’ameefi jeequmsa uumameen Obbo Getaachoon walga'icha akka addaan kutataniif dirqisiiseera.
Bulchaan godina giddu-galeessaa Obbo Salamoon, gochi Aksuum keessatti raawwatame itti fufinsa isaa Shireetti raawwatameeti jedhanii amanu.
“Taateen kun ‘aangoo gadirraa kaasnee to’achuu qabna’ yaada jedhurraa kan maddedha. Gocha Aksuumitti raawwatame eenyuti raawwate? ‘eenyuti isaan erge? Qaamolee nageenyaa waliin hariiroo akkamii qabu? Duubaan kan jiru eenyudha? Kanneen jedhan qorannoon irratti gaggeeffamaa jira,” jedhan.
Gareewwan hoggatoota TPLF ammaan tokko isa kaaniif beekamtii kan hin kennine yoo ta’u, gareen Dr. Dabratsiyoon Gabremikaa’eliin hogganamu bulchitoota godinaalee bulchiinsa yeroo ce’umsaatiin muudaman kufaa gochuun bulchiinsa haaraa kan ofiisaanii muudaa jiru.
Ji’oota muraasa godina Kaaba-lixaa akka bulchaniif bulchiinsa yeroo ce’umsaatiin kun muudaman Obbo Takilaay Fiqaaduu “bulchiinsi duraan ture itti-gaafatamummaa hoggansa isa haaraatiif dabarsuuf hayyamamaa miti. Gochi akkasii kun ammoo wanbadee ta’eetu” jechuun BBCtti himanii ture.
Obbo Takilaay Fiqaaduu hanga ammaatti hojii isaanii akka hin jalqabiin jiran maddeen keenya ibsaniiru.
Sababa kanaatiin godinni kun kanneen to’annoo bulchiinsa yeroo ce’umsaatiin ala ta’e ta’uu warri keessa beekan ni dubbatu.
Dhimma Kantiibaa
Gochawwan gosa akkasii kunneen bakkawwan teessoo bulchiinsa yeroo ce’umsaarraa fagaatanii jiran qofa kan daangeffaman osoo hin taane, bulchiinsi magaalaa guddoo naannichaas to’annoo mootummaa bulchiinsa yeroo ce’umsaatiin aladha.
Dhiyeenya kana kantiibaan magaalattii duraan ture ka’anii kantiibaa haaraa Dr. Radaa’i Barihee jedhamaniin bakka buufamaniiru.
Kana hordofee bulchiinsi yeroo kantiibaa garee Dr Dabretsiyoniin muudameen ‘ajajas ta’e murteen darbu kamiyyu’ hojiirra akka hin oolle xalayaa waajiraalee magaalattii keessa jiraniif rabsameen beeksisee ture.
Haata’u malee, xalayaan bulchiinsa Obbo Getaachootiin durfamuun raabsame kun mana-maree magaalaa Maqaleerraa mormiin mudateera.
Xalayaan kunis hojiirra akka hin oolle BBCn mirkaneeffateera.
Torbanoota muraasa dura bulchiinsa yerootiif beekamtii akka hin kennineefi bakka buusuudhaafis akka hojjetu ifa kan godhe gareen Dr. Dabretsiyoniin durfamu, mootummaa federaalaafi qaamolee nageenyaa waliin dubbachaa jiraachuu beeksisee ture.