Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen guyyaa Ayyaana Dhaloota Yasuus Kiristoos akka Raashiyaatti dhiiftee yeroo jalqabaaf Mudde 25 kabajaa jirti
Lammiilen Yukireen amantaa Ortodoksii hordofan hedduun ayyaana dhaloota Yasuus yeroo jalqabaaf Mudde 25 kabajuutti jiru.
Durii kaastee Yukireen ayyaana dhalaoota Yasuus ykn Kirismasii kan kabajju akka Raashiyaafi Itoophiyaa fa'aa gaafa Amajjii 7 ture.
Kunis akka lakkoofsa baraa Juuliyaanitti jechuudha. Bataskaanni Ortodoksii Yukireen bara dheeraf dhiibbaa bataskaana Ortodoksii Raashiyaa jala akka turtetu himama.
Raashiyaan biyyattii erga weerartee as ammoo tokkummaan bataskaana Ortodoksii Yukireenif Raashiyaa gidduu jiru laaffataa deeme.
Yukireen weerara waraanaa Raashiyaan irratti gaggeessite kana sababa godhachuun barana yeroo jalqabaaf ayyaana dhaloota Yasuus akka lakkoofsa addunyaatti Mudde 25 kabajuuf murteessite.
Pirezidaantin Yukireen Volodmir Zeleniskiin lammiilen biyyattii aadaa Raashiyaa hordofanii ayyaana dhaloota Yasuus gaafa Amajjii 7 akka hin kabajneef ji'a Adoolessaa keessa seerri akka jijjiiramu godhanii turan.
Jala bultii ayyaana dhaloota Yasuus bara kanaa ilaachisee ergaa baga geessanii Dilbata galgala, Mudde 24, dabarsaniin lammiilen biyyattii amma tokko ta'aniiru jedhan.
"Hundi keenya ayyaana dhaloota Yasuus [Kirismasii] waliin kabajna. Guyyaa wal-fakkaataa, akka maatii tokkootti, akka biyya tokkootti, akka biyya waloomte tokkootti," jedhan Zeleniskiin.
Magaala guddoo biyyattii kan taate Kiiv keessatti Leesiyaafi Oleksaandar ayyaana kanarratti kan wal-fuudhan ayyaana dhalatoota Yasuus yeroo jalqabaaf gaafa Mudde 25 kabajaa jiru.
Bataskaanni Ortodoksii Yukireen kan Raashiyaarraa adda bahuun kan of dandeesse bara 2019tti ture.
Guyyaa kabaja ayyaana dhaloota Yasuus ilaalchisees akka bataskaana Ortodoksii Raashiyaa bara lakkoofsaa Juuliyaan dhiisun bara lakkoofsaa Girigooriyaan hordofuu eegalte.
Bataskaanni Ortodoksii Yukireen bataskaana Raashiyaarraa akka adda baatuf sababa kan ta'e Raashiyaan bara 2014tti daangaa Yukireen kan taate Kirimiyaa fudhachuusheeti.
Dilbata kaleessaa, Mudde 22, lammiilen biyyattii bataskaanitti argamuun 'shaamaa' ibsanii kadhannaa gaggeessaniiru.
Magaala guddoo biyyattii kan taate Kiiv keessatti namoonni yeroo muka 'Kirismasii' babbareechan
Yeroo dhiyoo as amantoonni heddu bataskaana Ortodoksii Yukireenitti dabalamuun kadhannaa gaggeessuu eegalaniiru. Haa ta'u garuu, ammaayyuu lammiilen Yukireen miliyeenan lakkaa'aman bataskaana Orotodoksii Yukireen kan dudhaa bataskaana Raahsiyaa hordoftutti waaqeffatu.
Biyyattiin lakkoofsa baraa Juuliyaan irraa gara Girigooriyaanitti jijjiirtus gaafa Amajjii 7 ayyaana dhaloota Yasuus kan kabajuuf jiran hedduudha.