Hirribni sillimii guyyaa rafnu dulluma hir'isa - Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Hirriba sillimii xiqqoo walitti fufinsaan rafuun sammuu keenyaaf gaarii dha jedhan qorattoonni.
Kunis yeroo dheeraaf sammuun keenya guddina akka dabalu gargaara jedhan qorattoonni Yunivarsiitii Kooleejii Landan.
Gareen namoonni walitti fufinsaan hirriba sillimii rafan sammuun isaanii seentimeetir kiyuubii 15 guddata, kunis dullumni waggaa sadii hanga ja'aatti hir'isuu waliin wal-qixa jedhaniiru.
Tahus saayintistoonni kunneen namoonni hirriba sillimii sa'atii walakkaan gadi akka rafan gorsu.
Kana malees hirribni guyyaa namoota baay'eef hojii isaanii wajjin hin deemu.
''Namni hunduu hirriba sillimii irraa bu'aa argata jenna, waan gaariifi gammachiisaa tahe dha, '' jedhan Dr Viktooriyaa Gaarfiild.
Hirribni sillimii umrii daa'imummaa irratti baayyee murteessaa akka tahe mul'ateera garuu hammuma umriin keenya dabalaa adeemu immoo xiqqaatee, yeroo dullumaa ammoo deebi'ee dhufa.
Namoota umriin isaanii 65 tahan keessaa harki 27 hirriba sillimii rafu.
Dr Gaarfiild akka jedhanitti namni tokko ulfaatina qaamaa akka hir'isu gorsuurra ''hirriba sillimii akka argatu gorsuun salphaa dha,'' jedhu.
Sababiinsaa hojiirra oolchuun nama hin rakkisu gatii taheefi jedhan.
Sammuun namaa hammuma umriin namaa dabalu hangisaa hir'isaa adeema. Rakkoo waa irraanfachuu akka hir'isuu danda'u garuu qorannoon dabalataa barbaachisa.
Walumaagalatti garuu fayyaan sammuu dhukkuba waa irraanfachuu irraa nama eega, akkasumas hirribni keenya jeeqamuu waliin hidhata qaba.
Akka qorattoonni kunneen jedhanitti hirriba gahaa argachuu dhabuun sammuu keenya yeroo keessa dhiitoon akka uumamu fi walitti hidhaminsa seelotaa irrattis dhiibbaa ni qabaata.
''Kanaaf hirriba sillimii argachuun niwurooniin sammuu keenyaa gadi hir'achuun hir'ina hirribaa bakka buufata,'' jedhan saayintistoonni kunneen.
Furmaata akkamiin arganna?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waa'ee hiriiba sillimii qorachuun rakkisaa tahuu mala.
Hammuma fayyaa kee fooyyessuu malu, faallaatiin ammoo si dadhabsiisee caalaatti hirriba akka barbaaddu si gochuu mala.
Kanaaf qorattoonni kunneen mala haxxee tahe fayyadamuun hirribi sillimii akka nu fayyadu mirkaneessuu barbaadu.
Yaalii samuuda qaccee DNA keenyaa fayyadamuun hirriba sillimii akka barbaannuufi hin barbaanne murteessan.
Gareen qorannoo kuni namoota 35,000 umuriinsaanii 40 hanga 69 jiran irraa odeeffannoo fudhachuun kanneen guyyaatti hirriba sillimii rafaniifi hin rafne wal-dorgomsiisan.
Bu'aan qorannoo kanaas joornaalii Sleep Health jedhamurratti maxxanfamee warreen hirriba sillimii fudhataniifi kaan gidduutti garaagarummaan mul'ate.
Warreen hirriba sillimii argatan rukkinni sammuu isaanii garaagarummaa kiyuubiik seentimeetirii 15 kan agarsiise yoo tahu kunis dulluma waggaa 2.6-6.5tti hambisuun geeddaramuu mala.
Rukkinni sammuu waliigalaa kiyuubiik seentimeetirii 1,480 akka tahe agarsiisa.
Qorannoon kuni guyyaa walakkaa hirriba dheeraa rafuun faayidaa qabu kallattiin hin qoranne garuu, sillimiin sa'aa walakkaa gadi tahuu qaba jedhan.












