Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Finfinnee galan

Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud wayita Finfinnee gahanitti

Madda suuraa, MFA ETHIOPIA

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Kora gaggeessitootaa kan Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuudhaaf har’a Jimaata Guraandhala 16, 2024 Finfinnee galan.

Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud gara Finfinnee kan dhufan haala fayyadama ulaa galaanaarratti waliigaltee wal-hubannoo Itoophiyaan Somaaliilaand waliin mallatteessuu hordofee Somaaliyaafi Itoophiyaa gidduutti wayita muddamni uumamee jiruttidha.

Pirezidantichi erga Amajji 1,2024 Itoophiyaan Somaaliilaand, kan akka biyya taatetti of ilaaltu garuu beekamtii biyyummaa hin arganne waliin waliigaltee mallatteessanii gara Finfinnee yoo dhufan kan jalqabaati.

Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gahan Ministirri Maallqaa Ahimad Shideefi De’eetaan Ministiraa Dhimma Alaa Aadde Birtukaan Ayyaanoo akka simatan Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera.

Waajjirri Pirezidantii Somaaliyaa har’a gara ganamaa ibsa baaseen akka ibsetti, Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud kora Gamtaa Afrikaarratti haasaa akka taasisan eerameera.

Haasaa taasisu jedhamee eegamuunis, “Dhimma ijoo birmaddummaafi tokkummaa daangaa ilaalchisuun Somaaliyaan ejjennoo hin mittiiqne agarsiisuun tokkummaa ardiitii, nageenyaafi misoomaaf murannoo qabdu agarsiifti,” jedheera.

Itoophiyaan haala ulaa galaanaa ittiin argachuu dandeessurratti Somaaliilaand waliin waliigaltee wal-hubannoo (MOU) bifa liiziitiin hojiirra oolu waggaa 50 turu mallatteeesaniiru.

Bakka kanaa ammoo Somaaliilaand Itoophiyaarraa misoomaalee bu'uuraa keessaa qooda argatti, akkasumas adeemsa keessa Itoophiyaan beekamtii biyyummaa kennitiif jedhame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana ammoo Somaaliyaan birmadummaa biyyashee kan sarbu akka ta'e ibsuun mormii qabdu Gamtaa Afrikaa (AU) fi Biyyoota Gamtoomaniiitti (UN)tti iyyachuun ishee ni yaadatama.

Kanaaaf, "Pirezidantichi waliigalteewwan tokkummaa Somaaliyaa sarban , akkasumas birmadummaa Somaaliyaa hin kabajne fudhatama akka hin qabaanne ejjennoo [Somaaliyaa] ta'uu irra deebiin dubbatu," jechuun waajirri isaanii dubbatteera.

Yaaddoo nageenyaa waliin dura dhaabbachuurratti, guddina dinagdee, rakkoo jijjiirama biyyaalessaa, akkasumas misoomni waaraa ardittii dhimmoota dabalataa Pirezidantichi haasaa isaanii keessatti kaasan ta'uu waajirichi ifomseera.

Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud kora Gamtaa Afrikaa 37ffaa irratti hirmaachuun alatti, dhimmoota michummaafi qaxanaa kanaaf faayidaa qaban irratti gaggeessitoota biyyoota garagaraafi dursitoota jila biroo waliin marii akka taasisanis ibsameera.

Itoophiyaan ji'a tokkoofi guyyoota 15 dura ture waliigaltee walhubannoo akkaataa ulaa galaanaa fayyadamuu dandeessurratti kan Somaaliiland waliin mallatteessite. Erga sanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti muddamne uumameera.

Somaaliyaan waliigaltee walhubannoo kanan tokkummaa daangaa biyyattii kan cabsedha jechuun fudhatama akka hin qabaanne gaafachaa turteetti.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad guyyoota 10 dura haasaa mana-maree bakka bu'oota ummataa irratti haasaa taasisaniin, mootummaan isaanii Somaaliyaa waliin gara waraanaatti seenuuf fedhii akka hin qabne ibsanii ture.

MM Abiy itti dabaluun, "humnoota" maqaa hin dha'iin Itoophiyaa Somaaliyaa waliin walitti buusuuf hojjechaa jiru jechuun himachuun isaanii ni yaadatama.