Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Addunyaa irratti namni afraffaan HIV irraa fayye
Namni waggoota 34f HIV waliin jiraataa ture vaayirasicharraa fayyuun addunyaa irratti nama afraffaa ta'ee galmaa'eera.
Namni kun kaansarii dhiigaa ykn Lukeemiyaa yaalamuuf jecha wal'aansi dhuka lafee bakka buusuu (bone marrow transplant) kan godhameef yoo ta'u, namni dhuka lafee arjoomeef uumamaan vaayirasii dandamachuu danda'a.
Namni ganna 66 HIV irraa fayye kan eenyummaan isaa akka himamu hin feene kun, qoricha HIV fudhataa ture dhaabee jira.
Vaayirasichi dhiiga isaa keessaa dhabamuun isaa "galataan oli" jedhe.
Kaalifoorniyaa, Duwaarteetti yaalamaa kan ture namni kun "City of Hope patient" jedhamuun maqaa hospitaala keessatti yaalamaa tureen moggaafameera.
Osoo qorichoonni umurii nama HIVn qabamee dheeressan hin tolfamiin dura hiriyoota isaa hedduu vaayirasii kanaan of biraa dhabuu himan namni kun.
'Guyyaa kana nan arga hin seene'
HIV (Human Immunodeficiency Virus) sirna dhibee dandamachuu qaama namaa miidha. Kun ammoo dhukkuba AIDS (Acquired Immunodeficiency Syndrome) jedhamuuf nama saaxila.
Namni amma HIV irraa fayye kun ibsa baaseen akki jedhe: "Bara 1988 HIVn qabamuun koo yoo mirkanaa'u, akkuma namoota biroo murtee du'aa natti fakkaatee ture."
"Jiraadhee guyyaa HIV irraa bilisa ta'e nan arga jedhee gankumaa yaadee hin beeku."
Namni kun umurii isaa ganna 63tti dhibee kaansarii dhiigaa ykn Lukeemiyaan waan qabameef, isa yaalamuuf jecha wa'aansa dhuka lafee bakka buusuu godhachaa ture.
Akka carraa namni dhuka lafee (bone marrow) arjoomeef nama HIV dandamachuu danda'u ture.
HIVn ulaa xixiqqoo pirootiinii CCR5 jedhamutti fayyadamuun seelii dhiiga adii qaama keenyaa keessa seena.
Nama dhuka lafee arjoome dabalatee namoonni tokko tokko pirootiiniin kun of jijjiiree ulaa vaayirsichi ittiin seenu cufee vaayirasicha alatti hambisa.
Namni amma HIV irraa fayye kun erga wal'aansa dhuka lafee bakka buusuu godhatee booda, hordoffiin godhamaafi ture, boodarra HIVn qaama isaa keessatti argamuu hin dandeenye.
Amma erga HIVn qaama isaa keessaa dhabamee baatilee 17 guuteera.
"HIVn qaama isaa keessa akka hin jirreefi kana booda qoricha umurii dheeressuu waggoota 30 oliif itti jiru fudhachuun akka isa hin barbaachifne yoo itti himnu gammachuudhaani" jedhan hakiimni isaa Dr Jaanaa Diiktar.
Addunyaa irratti yeroo jalqabaaf namni HIV irraa fayyuun kan dhagaahame bara 2011 wayita dhukkubsataa 'Berlin patient' jedhamuun kan moggaafame Tiimotii Reey Biraawon HIV irraa fayye ture.
Ergasii waggoota sadan darban keessa namoonni sadi biroo HIV irraa fayyaniiru.
Namni afraffaa amma HIV irraa fayyuun isaa mirkanaa'e 'City of Hope patient' namoota afran vaayirasicharraa fayyan keessaa isa umuriin guddaa fi waggoota dheera vaayirasicha waliin jiraatedha.
Namoota miliyoona 38 addunyaarratti HIVn dhiiga isaanii keessa jiruuf garuu akkaataan namni kun HIV irraa fayye oduu gaarii ta'uu dhiisuu mala.
Wal'aansi dhuka lafee bakka buusuu "wal'aansa wal-xaxaafi dhiibbaa cinaa qabaachuu danda'udha. Kanaaf, namoota hedduu HIV waliin jiraataniif filannoo mijataa miti," jedhu Dr Jaanaan.
Haata'u malee qorattoonni akkaataa teeraappii jiinii fayyadamuun ulaa pirootinii CCR5 vaayirasichi gara seelii dhiigaa adii itti seenu cufuun wal'aansa kalaquuf yaalaa jiru.
Wanti kun koonfaransii AIDS 2022 Kaanadaa Montiriyaalitti adeemsifame irratti gabaafamee kan ture yoo ta'u, qorichi ykn wal'aansi HIV fayyisu waan ammallee 'akka malee barbaadamu' jedhan pireezidantiin Hawaasa AIDS Idil-Addunyaa pirofeesar Shaaron Leewin.
Namoonni HIV irraa fayyan muraasni kanneen HIV waliin jiraataa jiraniif abdii, qorattoota qoricha argachuuf dhama'aniif ammoo kaka'uumsa ta'eera jedhan.