Faayidaafi miidhaa kubbaa miilaa daawwachuun qabu maali?

Kilaboota Ingiliz Itoophiyaatti deeggarsa guddaa qaban

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommiin Liigiiwwan kubbaa miilaa biyyoota Awurooppaa ji'oota sadiif boqotee deebi'uun jaallattootaa kubbaa miilaa mukuu ji'ootaa keessaa baasee dadammaqseera.

Itoophiyaa keessa deeggartoota kilaboota Arseenal, Maanchister Yunaayitiid, Chelsii, Liiverpuuliifi Maanchister Siitii hedduutu jira.

Waggoota murtaahan darban deeggartoota dubaraa hedduun hin mul'atan ture. Amma garuu miidiyaa hawaasaa gubbaatti deeggartootni kilboota kanaa hedduun of mul'isaa jiru.

Gama kaaniin biyya qormaatni diinagdee, nageeyaafi rakkooleen hawaasummaa biroon guutan keessatti ''farnjii quuftee wal dhiittuuf'' yeroo kennanii ilaalaa ooluun kasaaraadha namootni jedhan jiru.

Namootni akkasii hedduun jaallattootni kubbaa miilaa kun Sambattan lamaan akka hojiitti ta'aanii kubbaa ilaaluu qofa osoo hin taane qabxii galmaaheen aaranii olanii buluu, maatiifi ollaa ooduutii hanga ofiifi deeggartoota garee faallaa miidhuu gahuu kaasuun aadaa badaadha jedhanii qeequ.

Ofii Piriimiyeer Liigiifi liigiiwwan biyyoota Awurooppaa biroon deebi'uun jallattoota kubbaa miilaaf maal jechuudha?

Daawwattootni kubbaa miilaa dorgommiiwwan kunniin torban torbaniin hordofuun maal buufatu?

Dhiibbaa fi faayidaan daawwannaa kubbaa miilaawoo maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Odeessa kana keessatti yaada jaallattoota kubbaa miilaa fi bu'aalee qorannoo adda addaa ilaalla.

Waaggoota 25 kubbaa miilaa Ingiliz daawwachuufi deeggaraa kilaba Arsenaal ta'uu kan himu dargaggoon maqaa waltajjii Oroliyaanaa Daani'el jedhuun beekamu ji'ootni sadan Piriimiyeer Liigiin Ingiliz boqonnaarra ture mukoofnee turre. Diibi'uusaas hawwiidhaan eegna'' jechuun BBCtti himeera.

''Dhuguma nama mukeessa. Wanti itti bashannantu, wanti walaba ta'e kubbaa miilaati'' jedha.

Oroliyaanaan tapha garee inni deeggaruu qofa osoo hin taane Sambattan lamaanirra taphoota jajjabboo hanga afurii akka ilaalu hima.

Kubbaa miilaa daawwachuurraa wanti argattu maali gaaffii jedhuuf yoo deebisu, ''fayidaan dhuunfaa argattu bashannanadha. Bashannanarra darbee miirriifi hariiroon nuti kubbaa miilaa waliin qabnu olaanaa ta'eera'' jedha.

''Gara waggaa 25fin deema ergan Arsenaaliin deeggaruufi ilaaluutti ka'ee. Wanti argattu, yeroo isaan injifatan gammachuu argatta. Garummoo akkuma kana yeroo tokko tokko yeroosaan mo'ataman miirri aarii sitti dhagaahama. Aariinsun garuu kan to'atamu ta'uutu irra jira. Wanta darbaa ta'uu hin qabu.''

Namootni Kubbaa miilaa hin daawwanne ykn daawwachuu hin jaalanne sababoota ittiin jaallattoota kubbaa miilaa qeeqan keessaa tokko garee deeggaran wayita injifatu ykn injifatamu miirri agarsiisan ofi bira darbee maatiifi namoota isaanitti dhiyoo jiraniifi hariiroo isaanii kan miidhu ta'uudha.

Qorannooleen saayinsaawaa xiinsammuu daawwattoota kubbaa miilaarratti hojjetamanis dhiibbaa hin malle kubbaa miilaa daawwachuufi deeggaruun hordofsiisu keessaa tokko sababa miira gaddaa fi gammachuun dhufu ta'uu akeeku.

Oroliyaanaan namootni kaan daawwattoota kubbaa miilaa akka hin mallatte hubachuusaanii ilaalchisee yoo dubbatu hanga darbaa dhaqee morkii kubbaa miilaa gara tirgaatti hin jijjiirretti akkasumas miira ofii to'atanitti waan badaa miti jedha.

''Warra kubbaa miilaa san taphatan waliin walitti dhufeenya hin qabnu. Garuu nuuf madda gammachuu keenyaati. Namni biraan amma dhugaatiitti bashannana, nuti kubbaadhuma miillaatti bashannanna.''

Daawwannaan kubbaa miilaa idileen hariiroo hawaasummaa jeeqa ilaalcha jedhuuf yoo deebii kennu ''warri taphatu aantee keenya ykn fira keenya miti. Wanti nuti isaaniin ofitti aansinee namoota naannoo keenya jiran ofirraa fageessinuuf jiraachuu qaba jedhee hin yaadu'' jedha.

Yeroo dheeraa ilaaluu keessa miira waldanda'uufi miira ofii to'achuu gabbisuutti dhufuun barbaachisaa ta'uus kaasa.

'Faallaa koo ta'uuf Maanchister Yunaayitidiin deeggaruu eegalte'

Waayee deeggartoota kubbaa miilaa dubartootaa wayita dubbannu haalli waggoota 10 duraafi amma jiru garaagartummaa qaba.

Dubartootni kubbaa daawwachuu mitii hariiroo jaalalaa ykn gaa'ilaaf dhiira wayita filatan ulaagaawwan tarreessan keessaa tokko kan kubbaa miilaa hin jaalanne jedhu akka jiru namootni isaan mudate ni dubbatu.

Sababni ammoo kubbaan miilaa yeroo jalalleensaanii isaaniif kennurraa waan qooddatuuf ta'uun tokko. Miira mo'amuu garee deeggaranii wajjin walqabatee dhufus sababa biraati.

Oroliyaanaan wayita gaa'ilatti seenu kubbaa miilaa daawwachuun ulaagaa akka hin turre hima. Ammoo yeroo keessa haati warraansaa faallaasaa ta'uu filattee deeggartuu Maanchister Yunaayitiid akka taate hima.

''Isheen deeggaruu kan jalqabde anumaan faallaa ta'uudhaafi. Wayita lama taanee jiraannu miira dorgommiifi miira gaariidhaan akka daawwannuuf jettee M. Yunaayitidiin deeggaruutti kaate. Grauu ulaagaa ta'ee hin dhiyaanne.''

Itoophiyaa keessatti deeggartootni Maanchister Yunaayitidiifi Arsenaal akka masaanuutti wal ilaalu. Lamaanuu injifanno gareesaanii cinaatti kufaatii garee faallaa hawwu.

Oroliyaanaan manuma keessaa namuma isa jaalatutu gareesaa hadheessee jibba. ammoo miirri kun bashannanarra hin darbu jedha.

''Kan nuti beeknu, aantiin keenya nama nu bira jirudha malee warra kubbaa taphatan sanaafi kilabicha miti. Jireenya keenya wajjin waan walqabatan hin qaban. Bashannanarras wanta darbe ta'uu hin qabu.''

Dabaluun ''dhiira kubbaa ilaalu hin barbaadu warri jedhanis sirrii miti. Madda bashannanaa kan biraadhaanis namni maatiisaa miidhuu danda'a. Kunimmoo mala naga-qabeessa ittiin bashannanan waan ta'eef jajjabeeffamuuyyuu qaba.''

Fayidaafi miidhaa daawwannaa kubbaa miilaa ija saayinsiin

Kubbaa miilaa ykn isportiiwwan biroos daawwachuun hariiroo cimsuufi miira gammachuu namaa kennuun nageenyi akka namatti dhagaahamu gochuu akka danda'u qorannoowwan hedduun ifa godhaniiru.

Namoota dhiphinaa fi rakkoo mukaa'uu keessa jiraniifis mala ittiin of baraaran akka ta'es qorannoowwan gaggeeffaman danuun ni akeeku.

Gidduugallli fayyummaa amalaafi nageenyaa Guam (Guam behavioural health and wellbeing center) barreefama kubbaa miilaafi fayyaa sammuu jedhuun maxxanse keessatti hariiroo kubbaa miilaa daawwaachuun fayyaa sammuuf qabu ibseera.

''Kubbaan miilaa fayyaa sammuurratti dhiibbaa guddaa qaba. Miira irratti, hariiroo uumuurratti, eenyummaafi ofitti amanamummaarratti dhiibbaa uuma'' jedha.

Dabaluun qorannoon gaggeeffameen deeggartoota kubbaa miilaa afur keessaa namni tokko daawwannaan kubbaa miilaa jireenyasaanii keessatti baayyee barbaachisaa akka ta'e amanuu jedha.

Faayidaan isaa kanaan olis ta'uu danda'a. Akkuma kana ammoo daawwannaan kubbaa miilaa fayyaa namarratti dhiibbaa gaarii hin taane hedduu akka qabu qorannooleen mul'isanis jiru.

Qorannoon Yunivarsiitii Okisfoorditti hojjetame tokko deeggartoota jaboo namoota ta'aniifi miira dhiphinaa yeroo taphni gaggeefamu jiru irratti xiyyeeffate tokko dhiphina dabala jedha.

Bu'aan qorannoo barruu Stress and Health jedhurratti maxxanfame akka agarsiisutti deeggartoota badaa dhimma hin qabneefi warra onneerraa deeggaran gidduu dhiphinni mudatu garaagartummaa guddaa qaba.

''Deeggartoota kaan irrattis dhiphinni ni mudata. Warra deeggartoota jaboo ta'anirratti garuu dhiphina hamaatu jira'' jedha.

Wayita taphni gaggeeffamu deeggartoota onneerraa deeggaran irratti dhahannaan onnee dabaluunis akka mudatu eera.

Kunis dhibee onnee fiduuf sababa ta'uu akka danda'u akeeka. Istirookiifi rakkoolee fayya abiroos fiduu akka danda'u akeeka.

Qorannoon waancaa addunyaarratti gaggeeffamee bara 2022 fuula barruu Harvaard gubbaatti maxxanfame tokko wayita dorgommichi gaggeeffamu lakkoofsi namoota rakkoo fayyaa onneetiin hospitaala galanii dhibbentaa 15n dabaluu agarsiisa.

Oroliyaanaan waggoota 25 Arsenaaliin cimsee deeggaraa ture keessatti yeroon itti dhiphate akka ture ni yaadata.

''Dhugaa dubbachuuf wantootni kun na mudatanii beeku. Fakkeenyaaf daqiiqaa dhumaa fa'irratti. Yeroon ani cinqamee ilaaluu dhiisu fa'ayyuu ni jiraata. Dhiisee fa'in baha.''

Oroliyaanaan wayita taphni adeemu miira dhiphinaa keessummeessuus erga taphni raawwatee booda ''miirri sun aana bira jiraachuu hin qabu hin jiraatus. Darbeera waan ta'eef'' jedha.

Yaadni Oroliyaanaan dhumarratti jala sararu garuu kubbaa miilaa daawwachuu wajjin walqabatee wanti hunduu gochuu qabu miira isaa to'achuu akka ta'edha.