Ispeens: Garee biyyaalessaa Ingilaand keessatti taphataa Musliimaa jalqabaa

Jeed Ispeens

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Djed Spence began his career at Middlesbrough before joining Tottenham in 2022

Jeed Ispeens garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Ingilaand keessatti taphataa Musliima jalqabaa biyyaa bakka bu'e ta'uun dhaloota haaraaf kaka'umsa ta'uutti dhiyaateera.

Ittisa kilaba Tootenhaam kan ta'e Ispeens garee biyyaalessaa umrii 21 gadiif yeroo jaha taphateera. Amma ammoo yeroo duraaf garee isa jalqabaa keessatti akka hirmaatu waamichi godhameeraaf.

Ingilaand gulaallii waancaaa Addunyaaf guyyoota dhufan kana Andooraa fi Serbiyaa waliin taphatti.

Waldaan Kubbaa miilaa biyyattii ragaa amantaa taphattootaa walitti qabuurratti hojjechuu baatus, Ingilaand seenaashee keessatti garee jalqabaa keessatti taphataa Musliima ta'e hirmaachiftee hin beektu.

Akka ragaaleen agarsiisanitti Ispeens taphataa Musliimaa jalqabaa garee Ingiland isa duraa keessatti hirmaannaa argate ta'uuf deema.

''Eebbadha-namatti tola. Dhugaatti jecha hin qabu'' jedhe dargaggeessi ganna 25 kun.

''Hedduun kadhannaa godha, Rabbiifin galata galcha. Yeroo ulfaataa barakootti, yeroo dukkanaatti, Rabbii gamakoo akka jiru nan amana ture, anaaf, amantaa koof waan guddaadha.''

Ispeens Totenham keessa wayita ture yeroo sadii ergisaan kilboota adda addaa sadiitti kennameera.

Ingilaand Sambata dhufu Viilaa Paarkitti Andooraa keessummeessiti, Kibxata ammoo gara Beelgireed imaluun Sarbiyaa morkatti.

Ispeens sababa amantaa isaatiin dhiibbaan dabalataa akka irra jiru hin amanu. Ammoo seenaansaa warra kaan akka hamileessu amana.

''Fuula ifaatiiniin kubbaa taphadha, gammadaa ta'een'' kan jedhu Ispeens ''Yoon ani kana milkeessuu danda'e, isinis ni dandeessu. Ijoollee Musliimaa qofa osoo hin ijoolleen amantaa biroos. Sammuu keessan waan tokkorratti xiyyeeffachiisaa, ni dandeessu'' jechuunis gorsa.

Ispeens akkamiin waamame?

Ispeens garee Ingilaand waliin Viilaatti wayita shaakalu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara darbe Mudde 15 dura Ispeens Piriimiyeer Liigii keessatti daqiiqaa 64 qofa taphate.

Leenjisaan Ispaars Postekoogluun bara 2024-25 garee Awurooppaa Liigiif morkatu keessatti tapha ramaddii keessatti osoo isa hin galchiin hafe.

Booda marsaa mo'anii darbuu keessatti hiree taphachuu argate. Tapha xumuraa Maanchister Yunaayitiid waliin godhame irratti ammoo jijjiiramee seene. Kilabichi waggoota 17 booda waancaa yoo mo'atu Ispeens hiree qabaate.

Ispeens gahumsa agarsiiseen olaantummaa qabaatus Toomaas Tukeel Bitootessa darbe isa dhiisee ittisa Arsenaal Luwiis Iskeelii waame.

Bara dorgommii kana garuu Ispeens Ispeersiif taphoota sadanuurratti hirmaateera. Achiis waamichi godhameef.

''100% garee Ingilaandiif taphachuun waan guddaadha'' jedhe Ispeens.

''Manaajarichi haala mijataa naa uumeera, namni as jiru hunduu haala mijataa naa uuman. Garee umrii 21 gadii keessatti taphadhee waaniin beekuuf waan xiqqoos nan beeka. Garee jalqabaaf taphadhee hin beeku. Miseensonni garichaa na simataniiru.''

Garee umrii 21 gadii keessatti yeroo jalqabaaf waamichi kan godhameef bara 2022 ture. Bara 2023 shaampiyoonaa Awurooppaa umrii 21 gadii irratti hirmaachuuf waamicha argatus miidhama isa qunnameen hin hirmaanne. Ingilaand garuu Ispeeniin mo'attee shaampiyoonaa taate.

Leenjisaan garee umrii 21 gadii Carsley amma dura yaada BBCf kennee tureen taphataahalali taphaasaa namatti tolu amallisaas gaarii ta'e akka ta'e hime.

Dabaluunis bakka fedheyyuu taphataa gahuu danda'u akka ta'e dubbate.