Biyya nagaa qabdi jedhamtu Jappaanitti haleellaa aalbeefi qawween namootni afur ajjeefaman

Poolisoota bakka yakki itti raawwate eegan

Madda suuraa, Getty Images

Jappaanitti namootni afur itti dhukaafamee fi waraanamanii erga ajjeefamanii booda namni tokko ajjeechaa kanaan shakkamee to'annoo jala ooleera.

Shakkamaan kun dubartii tokko waraanee poolisoota lamatti ammoo dhukaasee ajjeese. Booda ammoo namni arfaffaan ajjeefamuun gabaafameera.

Shakkamaan kun Masanori Aoki kan jedhamuufi nama ganna 31 ta'uu akkasumas naannichatti ilma nama siyaasaa beekamuu akka ta'e poolisiin ibseera.

Jappaan keessatti halleellaawwan akka kanaa baayyee kan hin baratamneefi biyyoota kaan wajjin yoo wal-bira qabamus baayyee xiqqaadha.

Haata'u malee bara darbe Minisitirri Muummee duraanii biyyattii Shiinzoo Abbee haleellaa akkasiin ajjeefamaniiru.

Ejensiin oduu biyyattii Kyodo jedhamu akka gabaasetti, wayita namni kun dubartii waraanee ajjeesuuf duukaa fiigu eeruun Poolisii qaqqabee ture.

Namni balaan jalqabaa kun yeroo raawwatu ijaan arge shakkamaan goraadee cm 30 dheeratuun balaa kana raawwachuu madda oduu Kyodo jedhamutti himeera.

Sababa ajjeechaan kun raawwatameef ifa miti. Namni ijaan arge kun shakkamaa yakkicha raawwateen maaliif waraante yoo jedhu ''Waanin barbaadeefin ajjeese'' deebii jedhu kennuufi himeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aoki huccuu dambii waraanaa uffatee, baarneexaa kaawwatee, maaskiifi kishaafee diratee Poolisoota ajjeechaa isa jalqabaaf qaqqabaa turan lama itti dhukaasee ajjeese.

Namni arfaffaan umriin raagde jedhamtu akkamiin akka duute wanti ifatti beekame hin jiru.

Shakkamaan kun ajjeechaawwan kana erga raawwatee booda magaalaa Nakano jedhamtutti mana abbaa isaa keessatti sa'aatiwwan 12'f ofii isaa tiksaa ture. Isa waliinis haatiifi adaadaan isaa turan. Abbaan isaa ammoo dubbii himaa mana maree magaalaa Nakanoti.

Poolisoonni hidhannoo guutuu qaban mana maatii kanaa fageenya meetira 30'n marsanii isa qabuuf yaalaa turan.

Boodarra haatiifi adaadaan shakkamtichaa manaa baqatanii yoo bahan mul'ataniiru. Achiis shakkamaan turtii sa'aa 12 booda manaa gad ba'ee to'annoo jala oolfameera.

Shakkamaan kun ooruu kuduraa grapes jedhamanii fi suuqii ice cream itti gurguran naannichaa qaba.

Turtii sa'aa 12 keessatti poolisiin hawaasni naannoo akka manaa hin baanefi eeggannoo akka godhan akeekkachiisuu hordofee heddduun yaaddoo keessa turan.

Maanguddoon ganna 50 tokko ''ollaa kootti wanti akkasii ta'uu isaatti baayyeen gadda. Halkan guutuu hirriba maleen bule'' jechuun NHK'tti himan.

Fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa Jappaan ta'ii kanaan rifachuu yoo himan kaan ''yakka dhiifamni hin godhamneefi'' jechuun ibsan.

Namni biraan ammoo biyyattiin yakkoota akkanaa biroofis of qopheessuu qabdii laata jechuun gaafata.

Aanga'oonni shakkamtichi hayyama meeshaa waraanaa hidhachuu qabaachuu himaniiru.