Ministirri Mummee duraanii Jaappaan rasaasaan rukutamanii lubbuun darbe

Shiinzoo Abe

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Mummee duraanii Jaappaan Shinzoo Abee qophii duula dadammaqinsa siyaasaa magalaa Naraa keessa ture irratti rasaasaan rukutamuun booda hospitaalatti lubbuun isaanii darbeera.

Obbo Shinzoo Abeen si’a lama rasaasi kan itti dhukaafame yoo ta’u, inni lammataa dugdarra waan isa rukuteef battaluma lafatti kuffan.

Gabaasaaleen akka eeranitti, namni haleellaa kana raawwate to’annoo jala oolfameera.

Ministirrii Mummee duraan Abeen akka sa'aatii biyyaatti naannoo 11:30tti (02:30 GMT) ture haleellaan kun kan irratti raawwatame.

Haleellaa kanaan wal qabatee shakkamaan umurii ganna 41 qaamoolee nageenyaan bakkichatti qabame.

Qondaalli olaanaa Paartii Dimokraaatii Libiraa, du'a MM Shinzoo Abee mirkaneessuu isaanii miidiyaan biyyatti NHK gabaaseera.

''Sababiinsaa waan barbaade ta'uyyuu gochaan gara jabeenyaa akkasii kun kan obsaan bira darbamu miti. Nutis cimsinee balaaleeffaman'' jechuun barreessaa olaanaan Kaabineetii Hirokazu Matsuniin gaaxeetesitootatti kan himan.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarra jiru, kan hin mirkanoofne tokko, hojettoonni balaa daandii irratti osoo Obbo Shinzoo gargaaran mul’isa. Achiitii gara hospitaalaatti ariitiin akka geeffame gabaafameera.

MM Shinzoon dhuukasa kanaan bakka lamarra madaa'e, morma isaa gara mirgaa fi gatiittii isaa bitaa duubarraani.

Dhiigi hedduu waan dhangala'eef lubbuu isaa olchuuf jecha, wal'aansa jijjiirraa dhiigaa gaggeeffamaafi akka ture obboleessi isaa himeera.

Kan ijaan argan maal jedhan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo haleellaan kun uumamu Obbo Shinzoon magaalaa Naaraa keessatti kadhimamaa tokkoof haasaa taasisaa turan. Namootni ijaan argan akka BBC’tti himanitti namni tokko shugguxii guddaa qabatee duuba isaa ture.

Dhukaasi inni jalqabaa utuu hin milkaa’iin hafee, inni lammataa garuud dugda Obbo Shinzoo rukuteera. Yeroos battalumaan dhiigaa lafatti kufe.

Sana booda qaamoleen nageenyaa shakkamaa homaa baqachuuf hin yaalle kana to’annoo jala oolchaniiru.

Miidiyaan biyyatti NHK akka gabaasetti poolisiin shugguxii shakkamaa kana to’achuun, eenyummaa isaas adda baasaniiru.

Shinzoon, MM Jaappaan yeroo dheeraaf aangorra kan ture yoo ta’u, bara 2020tti sababootii fayyaan aangoo gadhiisiira. Boodarra dhibee garaachaa ulcerative colitis jedhamuun hubamuu isaa ibseera.

Jaappaan keessatti shugguxii dhuunfaa qabaachuun dhorkaa waan ta’eef, yakkiwwan shugguxiin raawwataman baayyee muraasadha – darbeeyyu hokkorri siyaasa waanuma dhaga’amee hin beeknedha.

Bara 2014’tti Jaappaan keessatti namni shugguxiin ajjeefame ja’a qofa yoo ta’u, US keessatti 33,599 ture.

Ministirri Muummee duraanii Awustiraaliyaa Keviin Ruud fi Jaappaanitti ambaasaaddarri US Raahim Imaanu’eel haleellaa kana balaaleffachuun akka bayyaanatuuf hawwii qaban ibsaniiru.