US nama imbaasiishee Israa'eliitti argamu haleeluuf yaaleera jette to'atte

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan nama lamummaa Ameerikaa fi Jarmanii qabuuf Imbaasii ishee Israa'el Teel Aviiv keessatti argamu boombii irratti dhosuuf yaaleera jette to'annoo jala oolchuu beeksiiste.
Shakkamaan umuriinsaa waggaa 28, Jooseef Niiwumaayar jedhamu Dilbata kaleessaati kan buufata xiyyaara Niiw Yoork Joon of Keeneediitti to'annaa jala oolfamuu aanga'aan ministeera Haqaa kan ibsan.
Namni kunis naannawa Imbaasichaatti boorsaa dugdaatti meeshaa dhoohu waliin erga argamee booda aanga'oota Israa'eliin biyyaa ari'ame.
Shakkamaan kunis Dilbata darbe mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta'u, mana hidhaa keessa akka jiranqajeelchi haqaa beeksiseera.
"Himatamaan kunis haleellaa hamaa Imbaasii keenya Israa'el jiru irratti xiyyeeffate karoorfachuu, lammiilee Ameerikaa ajjeechaan doorsisuu fi lubbuu pirezidaantii Tiraamp irratti himatame," jedhan Abbaan Alangaa Waliigalaa Paameelaa Boondiin.
Namni kun kan to'atame erga namni biraa torban darbe keessaa godaambaa Ayiihudootaa Waashingtan DCtti argamu biratti hojjattoota Imbaasii Israa'el ajjeessee guyyoota muraasaan boodadha.
Aanga'oonni federaala Ameerikaa himatamaan baatii Ebalaa keessa akka Israa'el seenee fi Caamsaa 11 ammoo boorsaa gurraacha baatee gara imbaasii Ameerikaa Israa'eliitti argamuutti imala jedheera.
Namtichi kunis osoo karra imbaasichaatiin darbaa jiru waardiyyaa irratti ancuufa tufuusaa waajjirri haqaa beeksiiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waardiyaan to'achuuf wayita yaaleettis boorsaa isaa gatee fiigeera jedhe.
Boorsicha keessattis fanjiiwwan dhangala'aa boba'an irraa hojjatama sadii kan argaman yoo ta'u, erga darbatamanii booda kan ibidda cimaa kaasaniidha jedhameera.
Poolsiin boodara nama kana hoteelatti argachuun to'annoo jala oolcheera.
Jooseef miidiyaa hawaasaa isarratti imbaasii Ameerikaa Teel Aviivitti argamu gubuudhaaf waadaa galuu barreessuun alattis, ''duuti Ameerikaa fi lammiilee Ameerikaatiif'' jechuun waamicha taasisuu aanga'oonni itti dabaluun ibsan.
Kana malees, miidiyaa hawaasaa nama kana waliin hidhata qaba jedhamee amanamu kan biraa irratti Tiraamp ajjeessuuf dhaadachuu dubbateera.
Himatamaan kunis gaafa Dilbataa erga gara Ameerikaatti ergameen booda to'annoo jala kan oolfame yoo ta'u, yoo balleessaan irratti argame hidhaa hanga waggaa 20 akka isa eeggatu ibseera.
Torban darbe lammiileen Israa'eel kaadhiimaawwan lama godaambaa Ayihudootaa Waashingitan DC'tti argamu alatti rasaasaa ajjeeffamunsaa ni yaadatama.
Nama poolisiin ajjeechaa sanaaf shakkamaadha jedheen gaheessa waggaa 30 Eliyaas Rooririigeez erga kaadhimamtoota kanneen irratti dhukaasee ajjeesseen booda ''bilisa Filisxeem'' jechuun iyyuunsaa gabaafameera.












