Filisxeemoonni jaha wayita mana hidhaa Israa'el keessa turan reebamuu himan

Filisxeemonni ja'a Gaazaarraa ta'an gara baatii tokkoof yeroo hidhaa turanitti waraana Isra'eeliin garmalee reebamuu isaanii himu.

Isaan keessa namichi tokko loltootni Israa'el miillasaa mirgaa rasaasaan akka rukutaniifi yeroo warra kaan waliin hidhaa turetti miillisaa kun akka irraa kutame hima.

Seera waraanaa jalatti, hidhamtoonni hundi haala namummaa qabuun eegamuu qabu.

Dubbii himaan Humna Ittiisaa Israa'el (IDF), himata namichi miilla irraa citee dhiyeessu kana qorachuf odeeffannoo ga'aa akka hin qabne BBC'tti himeera.

Dabaluunis Israa'el seera idil addunyaa ni kabajdi jedheera.

Israa'el namoota kana hidhaati kan gadhiiste Muuddee 14, daangaa Israa'elifi Gaazaa Kareem Shaloom jedhamu irratti.

Sana booda namootni kun kibba Gaaazaa, Raafaatti hospitaala Wareegamaa Moohammed Yusuuf al-Najaar'tti wal'aansa argataniiru.

Namootni hiidhaarra gadhiifaman hedduun achii turani. Walumaa galatti namootni torba BBC waliin haasa'uuf tole jedhaniiru.

Hundi isaanii uffata daalacha uffatanii harka isaanii madaa adda qabu qabatanii agarsiiisaa turani.

Namootni kaan hiidhaa harkaa pilaastikii Israa'el ittiin isaan hiidhan ammallee godhatanii jiru.

Mohaammed Dawuud ajaja Israa'eliin gara kibbaatti utuu baqachaa jiru akka to'annoo jala oolfame hima.

"Beet Laahiyaa kaaba Gaazaa jiru irraa kaanee daandii nageenya qabuum gara kibbaatti imalaa turre," jedha.

"IDF achitti nu qabani. Nu qoratani. 'Isin Hamaasii? Isin Jihaadi Islaamummaadhaa?' nuun jedhani."

Guyyootii 26'f hidhamee dhuma irratti " homaa nurratti argachuu waan hin dandeenyeef" akka isaan gaadhisan hima.

Sadaasa 14 irratti Filisxeemonni kaabaa Gaazaa irraa gara kibbaatti akka baqataniif IDF ulaa baqaa yeroof banaa ta'u beeksisee ture.

Israa'el daandii Saalaa al-Din irratti kaayyoo namoomaaf ulaa kanaa "ulaa nagaa" jechuun ibsitee turte.

Namootni daandii kana irrati IDF'n sakkatta'amaafi to'annoo jala oolfamaa akka turan gabaasaaleen ni eeru.

"Akkuma dhiirota kaani harkiikoo hidhamee, ijookoo haguugamee ture," jedha Mohaammad Dawuud.

"Nu dararanii, nutti tufanii, nu saalphisaa turani. Hundi keenya reebamneerra."

"Yoo namni kamuu dhukkubsachuu ykn miilli irraa cituu isaanitti himi, isaan (loltoonni Israa'el) deebiin isaani 'asitti du'i' kan jedhu ture."

"Akkasumas hidhaa harkasaaniin ol fannisuun ture," jedha.

Dubbii himaan IDF himata kana addatti haaleera.

"Harkisaanii waan hidhamee tureef hidhamtoota kanarra madaan jiraatus, hidhamtoonni yaaddoo uumaniifi fayyummaa isaanii irratti hundaa'uun akka harki hidhamaa ture ibsuu barbaadna," jedha IDF ibsa baaseen.

"Mana hidhaa keessatti yeroo kamittu hidhaa harka isaaniin hin fannifamne."

Moohammad akka jedhutti hundi isaanii uuffata qorraa tokkicha qodaachaa turani, akkasumas nyaati ykn bishaan muraasi kennamaafi bakkee rooba keessa turfamaa turani.

Himata kanas IDF waakkachuun, hidhamtoonni guyyaatti nyaata sadii, bishaaniifi kunuunsa meedikaalaa argachaa turani jedheera.

Namootni meeqa Gaazaa keessatti humna waraanaa Israa'eliin akka qabamaniifi eessatti akka hidhamanii jiran eenyuyyu hin beeku.

Jalqaba ji'a kanaatti viidiyoon Beet Lahiiyaa erga mul'atee booda dhimmi kun xiyyeeffannoo argateera.

Viidiyoo kana irratti dhiirotni Filisxeem qullaa isaanii butaanta gofa uffatanii lafarra ta'aanii yeroo loltoota Israa'eliin eegaman agarsiisa.

Kaaba Gaazaa wiirtuu al-Shaatii irraa akka ta'e kan himu Mahmuud Abu Huseen, "manakoo keessan ture, akka na dhukkubuu itti himee, ani maanguddoo umurii ganna 62 dha," jechuun BBC'tti himeera.

"Lakki naan jedhanii Hamaas eessa akka jirufi namootni butaman eessa akka jiran nuuf adda nuuf baasuu qabda naan jedhani."

"Yeroon ani hin beeku jedhuuni, miillakoo rasaasaan na rukutani. Boodarra miillakoo narra kutani."

"Waraqaa miillikoo hojjechaa hin ture jedhu akkan mallatteessuuf na dirqisiisani."

IDF taate kan qorachuuf odeeffannoo ga'aa hin qabu jedheera.

Oggeessotni fayyaa hospitala kanaa kan eenyummaan isaani akka hin ibsamneef gaafatan, namootni kun yeroo hospitaalicha dhufan haala badaa keessa akka turan himu. Obbo Huseen dabalatee namootni lama ammallee wal'aansa argachaa jiru.

Maanguddoon biraa, Mohaammad Yusuuf Alii Abuu Shamlaa, lixa Gaazaa ollaa Zeetoon jedhamurra dhufe.

Obbo Shamlaan, nama torbaffaa BBC'n dubbise, akkama namoota biroo uffata daallacha uffatee ture, ta'us isaan booda Israa'eliin kan hidhame fakkaata.

"Utuu anaafi namootni 40 ta'an mana keessa jirruu doozeriin manakoo diiguu eegale," jechuun BBC'tti hime. "Dubartoonni iyyaa turani. Harka keenya ol kaafnee mana keessaa gadi baane."

Ilmaan isaa sadii, obboleessa isaafi ijoollee obbolaa isaa lama waliin, ja'a ta'anii akka to'annoo jala oolfaman himan.

"Uffata keenya akka ofirraa baafnuuf nu gaafatani. Maal jechuudha uuffataa baasaa jechuun? Qaanofnee turre gatuu tiishartii keenya offirraa baasne," jedhan.

"Akka daballee uffata kaan ofirraa basnuuf nu ajajani. Hanga butaantaan keenya qofti hafutti qullaa hafne."

IDF hidhamtoota irraa uffata kan baasu meeshaa qabatanii ykn boombii hidhatanii akka jiran adda baasuufi jedha.

Obbo Shamlaan jalqaba Gaazaa keessatti guyyaa sadiif hidhamanii achii Israa'elitti aka geeffaman hima.

Yeroo qofaa isaanii gadhiifaman maatii isaanii argachuuf barbaadaa akka turan himu.

"Warri kaan eessa jiran hin beeku. Waa'ee ofiikoo qofan beeka."