Viidiyoon dhiirota Filisxeem uffanni irraa baafamee loltootaan eegaman agarsisu bahe

Kaaba Gaazaa Kaan Yuunisitti yeroo lolli cimee jirutti viidyoon miidiyaa hawaasaa irratti bahe lammiilee(dhiirota) Filisxeem kurnaan lakkaa'aman kan Israa'eliin qabamanii jiran agarsiisa.

Vidiyoon BBC'n mirkaneesse kunis namoonni kunneen wayyaan irraa baafamee, jilbeeffatanii otoo loltoota Israa'eliin eegamanii agarsiisa.

Iddoon lammiileen Filisxeem kunneen itti qabamanii jiranis kaaba Gaazaa, lafa Beet Lihaa jedhamu akka tahe tilmaamama.

Erga viidyoon kuni bahee namooti muraasi akka gadhiifamanis BBC'n odeeffateera.

Dubbiihimaan mootummaa Israa'el namoonni qabamanii jiran kunneen kan umrii loltummaarra jiraniifi ''lafa namoonni nagaa waraana baqa bahan keessatti torbanoota dura kan qabamani dha,'' jedhan.

Viidiyoo kanarratti dhiiroti hiriiraan jilbeeffatan kophee isaanii baasaa waan jedhaman fakkaata, sababiinsaas kopheen achuma isaan biratti nam'ee mul'ata. Loltoota Israa'elii fi konkolaattonni waraanaa isaan marsanii jiru.

Viidiyoo biraa irratti immoo konkolaataa waraanaan gaafa isaan geejibaman mula'ateera. Miidiyaaleen Israa'el loltoota Hamaas booji'amanii dha jechuun isaan ibsu.

Suuraa biraan immoo - kan BBC'n hamma yoonaa hin mirkaneessine - dhiirota ijisaanii hidhamee, cirracha doozariin lafa naqe fakkaaturra jilbeeffatanii mul'atu.

Humni Waraanaa Israa'el dhimma kanarratti yaada kennuu baatus dubbihimaan waraana Israa'el Daani'eel Haagaariin Kamisa kaleessaa ''loltoonni Humna Waraanaa Israa'el kanneen shororkeessummaan shakkaman qabanii qorataa jiru,'' jedhaniiru.

''Baayyeen isaanii sa'atii 24 darbe keessatti humna keenyati makamaniiru. Odeeffannoon isaaniirraa argames lola keenya itti fufuuf gargaaramna,'' jedhaniiru.

Gaafa Jimaataa, dubbiihimaan mootummaa Israa'el Iloon Leevii kaaba Gaazaa, Jabaliyaa fi Sheejaayaa iddoo ''buufata waraanaa Hamaas jabaa,'' tahe keessatti namoota qabachuu himaniiru.

''Namoonni naannoo sanatti qabamanii jiran kan umrii loltummaarra jiraniifi yeroo namoonni nagaa achii bahan kan bahuu qaban turan,'' jedhaniiru.

Dabaluunis, ''namoonni qabaman kunneen iddoo Israa'eliif Hamaas walitti dhiyeenyaan wal haleelaa turanitti dha. Beekaa akka nama nagaa tahanitti fakkessaa turan, gamoo namoota nagaarraas hojjechaa turan,'' jedhan.

Gaazexeessaan Filisxeem beekamaa kan tahe, Dayaa al-Kaahluut kan miidiyaa Arabiyaa al-Jadiid jedhamuuf hojjetus namoota qabaman kunneen keessati mul'ateera.

Miidiyaan afaan Arabaa afaan Ingiliziinis oduu gabaasu gaazexeesaan kuni fira, hiriyyootaafi ''lammiilee nagaa'' biroo waliin humnoota Israa'eliin Beet Laayaa keessatti qabamee jira jedhe.

Kamisa kaleessaa miidiyaan Al-Arabiyaa al-jadiid gochaa kana ''kan nama qaanessu dha,'' ittiin jedheera.

Loltoonni Israa'el namoonni kunneen wayyaa akka baafataniif dirqisiisaa turan,''yeroo isaan qoratanis humnaa fi qabannaa kabaja isaan dhorkuun ture, ergasiiti gara iddoo beekamu kanaatti isaan geessan, '' jedhe.

Miidiyaan kuni, ''hawaasni idil-addunyaa, gaazexeessitootaa fi falmitoonni mirgoota namoomaa gochaa gaazexeessitoota daangaarra socho'an irratti gahu akka balaaleffatan gaafateera.

BBC'n dhimma gaazexeessaa al-Kahaaluut irratti Humna Waraanaa Israa'el irraa deebii hin arganne.