Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el maaliif Fiilisxeemota himannaa malee hidhaa jirti?
Israa'el maaliif Fiilisxeemota himannaa malee hidhaa jirti?
Dhiheenya kana Israa’el lammileeshee Hamaasin butamanii turaniin deebisuuf daa’immanii fi dubartoota Fiilisxeem180 mana hidhaatii gadi lakkiftee turte.
Garuu yeroo isaan gadhiistuu, Fiilisxeemota biraa sadarkaa olaanaa ta’een hidhaa turte.
Hanga jalqaba Sadaasaatti, Israa’el lammiilee Fiilisxeem gara kuma torbaa ta’an naannoo weerarame keessaa hidhuu Hiyumaan Raayit Wooch ibse.