Tiktook uggura Ameerikaan irra keesse ‘heeran ala’ jechuun akka falmatu ibse

TikTok

Tiktook seera miidiyaan hawaasa isaa akka gurguramu ykn Ameerikaa keessatti akka ugguramu ajaju ''heeran ala''jechuun mana murtiitti akka falmatu beeksise.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden seera miidiyaan hawaasa kana keessatti dhaabbati Chaayinaa 'ByteDance' jedhamu qooda akka hin qabanne taasisu ykn Ameerikaa keessatti guutummatti akka ugguramu taasisu mallatteessan.

Seerri kun kan raggahe Tiktook odeeffannoo mootummaa Chaayinaaf qooda himanna jedhu bu'uureeffachuuni.

Tiktook garuu odeeffannoo mootummaa Chaayinaaf qoodu waakkateera.

Tiktook ibsa baaseen akkas jedhe;''Haqni fi seerri ifatti nu deeggara, karaa sana injifanna'' jechuun ibse.

''Odeeffannoo Ameerikaa eeguu fi toorri miidiyaalee keenya dhiibbaa fi to'annoo biyya alaarra bilisa gochuuf Doolara biliyoonaan lakkaa'amu baasne, Kun dhugaadha,'' jedhe.

''Uggurri kun hojiiwwan biizinasiiwwan miliyoona torba balleessa, akkasuma lammilee Ameerikaa miliyoona 170 callisiisa'' jedhe.

Seeneetiin Ameerikaa wixinee seeraa falmsiisaa miidiyaan hawaasaa hidhata Chaayinaa qaba jedhamu, TikTok biyyattii keessatti akka cufamu ajaju raggaase.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaampaniin abbaa qabeenyaa TikTok, ByteDance, ji'oota sagal keessatti hireesaa TikTok akka gurguru yoo ta'u baate akka ugguramu murtaa'e.

Wixineen seeraa kun erga Seeneetii biyyattiin raggaasifamee booda pireezidantii US Joo Baayidaniif dhiyaate.

Baayidan wixineen kun akkuma waajirasaanii qaqqabeen kan mallatteessan ta'uu himaniiru.

Kaampaniin TikTok bulchu, ByteDance, murtee darbe kana gubbaatti ammatti yaada kennu akka hin qabne BBC'f ibseera.

Yaada amma dura kennee tureen garuu hireensaa akka gurguramu dhiibbaa godhamu dura akka dhaabatu ibse.

Kaampanichi TikTok gurguruudhaaf mootummaa US waliin waliigalteerra ni gaha yoo ta'e, adeemsa kana keessatti mootummaan Chaayinaas hayyama kennuu qaba. Beejiing ammoo gocha kana akka balaaleffattu ibsiteetti.

Kanarraa kan ka'e adeemsi kun waggoota fudhachuu akka danda'a xinxaltootni ni dubbatu.

Labsiin TikTok Irratti bahu kun qaama labsiiwwan biroo afur walitti jiraniiti. Labsiiwwan kun deeggarsa waraanaa Waashingitan Yukireeni, Israa'eli, Taayiwaaniifi michootashee Indo-Paasifikiif gootu dabalata.

''Waggootaaf paartiin Koministii Chaayinaa Ameerikaa keessatti aappii akka guddoo jaalatamu akka to'atu hayyamnee tureerra. Kunimmoo baayyee hamaadha'' jedhe miseensa koree tika biyyaalessaa Seenaatichaa kan ta'e Maarkoo Rubiyoo.

Dabaluun ''seerri haaraan abbootiin qabeenyaa Chaayinaa aappicha akka gurguran gaafachuuf deema. Kunimmoo Ameerikaaf tarkaanfii gaariidha'' jedhe.

Dhaabbatichi torban darbe ibsa kenneen ''seerri haaraan mirga bilisummaan yaada ofii ibsachuu lammiilee US miiliyoona 170 ta'anii dhiita, hojiilee daldalaa miiliyoona torba mancaasa, waltajjii diinagdee Ameerikaaf waggaatti doolaara biiliyoona 24 gumaachu balleessa'' jedheera.

Ji'a darbe ammoo hogganaa olaanan dhaabbatcihaa Shoo Zhii Cheew kaampaanichi hamma danda'e hundaan mirgoota qabu itti fayyadamuun dhaabbaticha balaarraa akka ittisu hime ture.

Yunivarsiitii Riichmoonditti piroofeesara seeraa kan ta'e Kaarl Toobiyaas adeemsi seeraa yeroo fudhatu kun ''waggaa lama fixuu danda'a'' jedhe.

Ji'oota sagal keessatti hiree ByteDance qamni bitatu hin argamu yoo ta'e, tarkaanfii US TikTok irratti fudhatu caalattuu akka harkifatu godha.

Odeeffannoon lammiilee Ameerikaa miiliyoonaan lakkaa'amanii harka mootummaa Chaayinaa galaa jira yaaddoo jedhutu Chaayinaafi waltajjii hawaasaa kana walirraa adda baasuuf murtaa'e.

Kaampaanichi garuu TikTok ''meeshaa Chaayinaas ta'e kan biyya kamuu miti'' jechuun, himannaa kana fudhatama dhabsiisa.

Ammoo dhaabbatichi kan Chaayinaa qofa osoo hin taane hireen dhibbeentaa 60 kan iniveestimeentii idila addunyaati jedha.

Amma Wixineen kun seera ta'ee bahuurraa tarkaanfii tokko qofa fagaata, sunis saa'atiiwwan kamittuu wayita waraqaan kun Pireezidanti Baayidan bira gahu raawwata.