TikTok'n dhimma odeeffannoo dhunfaa daa'immaniin walqabatee yuuroo miliyoona 345 adabame

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaa hawaasaa Tiktok odeeffannoo icciitii daa'immanii cabsuu isaatin to'attoota mootummaa Iyirishiin yuuroo miiliyoona 345 adabame.
Himannaa appii miidiyaa hawaasaa kanarratti dhiyaatees haala inni ittiin umuriifi icciitii dhuunfaa mirkanneessuu irra yaaddoo dhiyaataniin wal qabata.
Addabbiin kunis addabbii TikTok irratti to'attootaan hanga har'aatti murtaa'e hunda caala jedhameera.
Dubbi himaan dhaabbata miidiyaa hawaasaa kanaas, ''kabaja waliin murtee kanaan walii hin galuu, keessattuu adabbii murtaa'erratti,'' jedhan.
''Qeeqni amaloota waggoota sadiin dura tolfame irratti kan xiyyeeffatee ture yoo ta'u, osoo himannaan hin eegalin dura isa jijjirree jirra. Kanaanis sajoon akkaawuntiin dhuunfaa aa'imman umuriin waggaa 16 hundi akka hin mul'annee taasifne'' jedhan.
Addabbiin kunis Komishinii Eeguumsa Odeeffannoo Ayirishiin haaluma seera icciitii Eegumsa Odeeffannoo Waliigalaa EU (GDPR)'tti kan itti murteessan.
Seerri GDPR kunis dhaabbileen wayita odeeffannoo qaban qajeelfama hordofu qaban tarreesseera.
GDPR akka jedheetti TikTok sajoo dhunfaa daa'immannii irratti haala barbaachisuun iftoomina hin qabu. Kanaafuu haala odeeffannoon daa'immanii itti qabamurratti gaaffiiwwan kaaseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirofessar Somiyaa Liivington, Yunivarsitii Diinagdeef Saayinsii Siyaasaa Landantti mirgoota dijitaalaafi muxxannoo daa'immanii kan qoratan, murtee dabarfamee kanatti gammaduu dubbattan.
''Daa'imman osoo hin sarbamiin addunyaa dijitaalaa keessatti hirmaachuu qabu. Kana jechuunis toorriiwwan kunneen attamiin odeeffannoo isaanii akka qabaniifi hunda caalaa ammoo, icciitummaan mirga daa'immanii waan ta'ef haala sirriin odeeffannoo saanii itti qaban ibsu qabu jechuudha,'' jedhan BBC News'tti wayita dubbataniitti.
TikTok karaa seeraan alaatiin odeeffannoo Gamtaa Awurooppaarraa gara Chaayinaatti dabarsaa kan ture yoo ta'e, adda baasuuf qorannoon hafe gaggeeffamaa jira. TikTok kan dhaabbata Beejiingi ByteDance jedhamuuti.
Addabbiichi miiliyoonota dhibbaan ta'ulleen, addabbiiwwna baatiiwwan muraasa keessa dhagahamanii gadiidha. Fakkeenyaaf dhaabbanni Meta (kan dura Facebook) ture Caamsaa keessaa odeeffannoo namootaa yeroo Awurooppaafi Ameerikaa jidduu dabarsuutti haala sirrii hin taaneen qabuutti yuuroo biiliyoona 1.2 adabame.
Kunis addabbii falmataan mirgaa UK Ebla keessa TikTok irratti dabarse paawundii miiliyoona 12.7 baayyee caala. Addabbiin kunis sababii daa'imman umuriin waggaa 13 gadii bara 2020 keessa tooricha akka fayyadaman taasiseef itti murtaa'e.
Addabbiin DPC'n itti murtaa'ee kunis addatti kan bara 2020 ilaallatu yoo ta'u, TikTok'nis yeroo sanaa booda seera kabajuuf tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhateera.
Tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa tokko toora miidiyaa hawaasummaa bara Amajjii 2021 kaasee akkaawwuntiiwwan daa'imman umuriinsaanii waggaa 13-16 jidduutti akka icciitiinsaanii eegalu taasisuun kan jalqabaa ta'eera.
Akkasumas baatii kana keessa daa'imman umuriinsaanii waggaa 16-17 toorichatti galmaa'an akkaawuntiinsaanii icciitummaansaa akka eeggamu taasiseera.












