Manni Maree US wixinee seeraa TikTok dhorkuu malu dabarse

Madda suuraa, Getty Images
Manni Maree Bakka Bu’oota Ameerikaa wixinee seeraa TikTok Ameerikaa guututti dhorkuu dandeessisu dabarse.
Labsiin kuni abbaan qabeenyaa TikTok kan ta’e, ByteDance, qooda isaa ji’a jaha keessatti akka gurguru dirqa.
Yoo ta’uudhaa baatemmoo aappichi Ameerika akeessa dhorkamuuf deema jechuudha.
Murteen kuni seera ta’uf Seenetii Ameerikaan ragga’uu qaba akkasumas Pirezidantii Ameerikaan mallattaa’uu qaba.
Seera tumtoonni yeroo dheeraaf dhaabbata Chaayinaa kanarratti yaaddoo dhiheessaa turan
Appiin viidiyoo TikTok shamarraniifi dargaggoota biratti guutummaa addunyaarratti baayyee beekamaafi jaallatamaadha.
Haata'u malee, miidiyaan hawaasaa abbaan qabeenyummaasaa Chaayinaa ta'e kun nageenya daataa fayyadamtootaafi hidhata mootummaa Beejing waliin qabuun gaaffiin irratti ka'aa jira.
Namoonni siyaasaa US wixinee seera abbaan qabeenyaa TikTok appii miidiyaa hawaasaa guddaa kana akka gurguru dirqisiisurratti falmii gaggeessaa jiru.
Pirezidantiin duraanii US, Doonaald Tiraamp, ammoo kanaan dura akka dhorkamuuf gaafataa turus amma garuu wixinee seeraa kana qeeqaa jiru.
TikTok maalidha, hangamimmoo beekamaadha?
TikTok appii viidiyoo gabaabaa akkuma YouTube viidiyoowwan maxxansuu, qooduufi yaada irratti kennuu dandeessisuun tolfamedha.
Dheerinni viidiyoo TikTok sekondii sadiitii hanga daqiiqaa sadii ta'uu kan danda'u yoo ta'u, fayyadamtoonni salphaadhumatti wantota filters, stickers, music akkasumas visual effects jedhaman gargaaramuun gulaaluufi miidhagsuu ni danda'u.
Miidiyaan hawaasaa kun jalqaba beekamtii guddaa kan argate dargaggootaafi shammarraan shubbisaafi muuziqaafi sirboota namaa fakkeessanii sirbaniin ture.

Madda suuraa, Getty Images
Umurii isaaniifi bakka jiraatan irratti hundaa'uudhaan, fayyadamtoonni tokko tokko hordoftoota isaaniitiif kallattiin viidiyoo tamsaasuu ni danda'u.
Akkuma kanas, warreen qabiyyee gara garaa uumanii tamsaasan addatti jaallataniif ammoo kennaa dijitaalaa kennuu ykn sabiskiraayib gochuu danda'u.
TikTok Shop [suuqii], ammoo kuusaa oonlaayinii miidiyaa hawaasaa kana akka fayyadamtoonni viidiyoowwan namoota qabiyyee uuman keessatti meeshaalee gara garaa dhiyaatan bitachuu akka danda'an gargaarudha.
Erga bara 2019 irraa kaasee TikTok gabatee appii namoonni baayyinaan buufatan [download] irratti dursaa jira.
Akka dhaabbati Sensor Tower kan raawwii miidiyaalee hawaasaa to'atu jedhutti, bara 2023 keessa ammoo addunyaarratti appii hunda caalaa namoonni buufatan ta'uudhaaf wallaansoo qabaa tureera.
US'tti Bitootessa 2023 keessa TikTok namoota dammaqinaan ji'a ji'aan dhimma itti ba'an miliyoona 150 qaqqabeera.
TikTok kan eenyuuti?
TikTok qabeenyummaan isaa kan kampanii Chaayinaa ByteDance jedhamu bara 2012 keessa hndeeffameeti.
Dhaabbanni buufatasaa Beejing godhate kun Odola Kayimaan keessatti kan galmaa'e yoo ta'u, waajiraalee gara garaa guutummaa Awurooppaafi US keessaa qaba.
Tik Tok sooftiweerii viidiyoo ittiin gulaalan CapCut jedhamus qaba. Kana malees, appiiwwan gara garaa kanneen Douyin (Chaayinaatti TikTok kan bakka bu'u) dabalatee Chaayinaa keessatti qofa argaman ni qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Interpirenara Singaappoor kan ta'e Shou Zi Chew hoji-gaggeessaa olaanaa TikTok. Haata'u malee, xiinxaltoonni garuu hundeessaan ByteDance kan ta'e Zhang Yiming nama murtee jajjaboo ta'an kennanidha jedhanii amanu.
TikTok akkamiin hojjeta?
TikTok yeroo ka'u algoorizimiin isaa murteessaa ta'uun beekamaadha.
Algoorizim jchuun qajeeltoowwan appicha keessaan qabiyyee akkamiitu fayyadamtootaaf dhiyaate kan jedhu wanta duraan isaaniif dhiyaaterratti hangam hirmaataniiru kan jedhu ragaa walitti qabuun ilaalee kan murtessudha.
Fayyadamtoonni appii isaaniirratti ulaa gurguddaa sadiitu isaniif kennama - Following, Friends fi For You.
Ulaan Following fi Friends feeds namoota hordofuuf filataniifi warra deebisee ammoo isaan hordofan irraa qabiyyee fayyadamtootaaf dhiyeessa.
Haata'u mnalee, For You feed kan jedhu ammoo appichi ofuma isaatiin kan maddisiisudha.
Ulaawwan kunneen bakka fayyadamtoonni irra caalaan irrati argaman yoo ta'u, warri qabiyyee uumanis bakka kana irratti qabiyyee isaanii gadhiisuuf hedduu jaallatu.
Bakka kanaraatti viidiyoon hojjetame jaallatamnaan hangi TikTok irratti daawatamu miliyoonotatti ol guddachuu danda'a.
TikTok maaliif falmisiisaa ta'e?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
TikTok appii naga qabeessa ta'uu isaa amansiisuudhaaf yaaliin qabatamaan taasifamulleen namoonni siyaasaafi warri to'atan waa'ee miidiya ahawaasaa abbubbaan isaa Chaayinoota ta'ee kanaa yaadda'uu hin dhiisne.
Akkuma miidiyaalee hawaasaa warra kaanii Tik Tok fayyadamtootarraa ragaa ni sassaaba. Haata'u malee, hangama akka sassaabuufi eenyu ragaa sassaabamu kana argachuu danda'a kan jedhurratti gaaffiin ka'an isa mudachaa jira.
Addatti qeeqxonni akka jedhanitti, odeeffannoo sassaabamu kun mootummaa harka galuu mala jedhanii sodaatu. Tik Tok fi ByteDance ammoo shakkii qeeqxonni irratti kaasan kana cimsee morma.
Bara 2022 gara dhumaa gaazexeessituun UK tokko karaa akkaawontiisheetiin hordofamaa akka jirtu hubatte.
Bara 2023 keessa ammoo mootummaafi paarlaamaa UK, EU fi US Waayit Hawus dabalatee dhaabbileen hedduun hojjetoonni bilbiloota hojii irratti appicha akka hin gargaaramne dhorkan.
Tik Tok irra deddeebiin abbootii qabeenyaa Chaayinaarraa of fageessuu yaaluurra darbee qaamoleen to'ataniif wabii kennuurratti hojechaa jira.
Wixinee seeraa TikTok dhorkuuf dhihaate
Namoonni siyaasaa US paartileen siyaasaa jajjaboo biyyattii lamaanirra ta'an Wixinee seeraa dhaabbileen "masaanota biyya alaatiin" to'ataman dura dhaabbachuuf gargaara jedhan Bitootessa 2024 keessa qopheessaniiru.
Pirezidant Baayidan wixineen kun isa bira qaqqabnaan akka seera ta'uuf mallatteessuurraa duubatti hin deebiyu jechaa jiru.
Tarkaanfiin amma wixinee seeraa qopheessuu kun yaalii kanaan dura aanga'oonni Ameerikaa yaadoo nageenyaarraa kan ka'een appicha fayyadamuurratti daangaa gochuu yaaluutti aanee kan dhufedha.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin duraanii US Donaald Tiraamp bara 2020 wayita Waayit Hawus turanitti appii kana dhorkuudhaaf yaaliin taasisanii ture hin milkaa'iin hafe.
Haata'u malee, filannoo pirezidantummaa US 2024 gaggeeffamuuf jiruuf kaadhimaa ta'uun kan darban Aabba Tiraamp, Tik Tok irra dhorkaa kaa'uun karaa haqa hin taaneen Faasbuukiin akka fayyadamu taasisa jechuun wixinee seeraa haaraa kana qeeqaa jiru.












