'Kaayyoon keenya Finfinneetti tajaajila fayyaa turjumaanaa hanbisuudha'- Dr Shimallis Laggasaa

Mana yaalaa yeroo deemtan isin bakka isin dhibe afaan kamiin yoo himattan isinitti tola? Namoonni baayyeen baadiyyaa Oromiyaa irraa wallaansa fayyaa argachuuf Finfinnee yeroo dhufan dhibee qabatanii dhufan irratti dhibee biraa kan ta'e afaan ittiin tajaajila argatanidha.

Keessumaa warri afaan Amaariffaa haalaan hin beekne yeroo baayyee rakkoon yeroo isaan mudatu ni mul'ata.

Qorannoon bara 2023 keessa bahe tokko akka mul'isutti namootni Afaan Oromoo malee hin beekne magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila wallaansa fayyaa maluuf argachaa hin jiran.

Hawaasni naannawaa magaalaa Finfinneefi Oromiyaarraa tajaajila fayyaa barbaachaaf gara magaalattii dhufan hedduun jiraatanis, ogeessi fayyaa gahaan Afaan Oromootiin isaan tajaajilu hin jiru.

Dhaabbileen fayyaa tajaajila afaaniifi fedhii hawaasa naannawaa magaalichaarraa dhufan ilaalcha keessa galchee ogeessota afaan maamiltonni danda'aniin keessummeessan horachuu jajjabeessanis hedduu miti.

Magaalaan Finfinnee teessoo biyyaa ta'uurraa kan ka'e tajaajilli fayyaa wayyaa'an gidduugala itti kennamudha. Waldhaansa fayyaa olaanaa barbaacha kanneen gara magaalittii hedduumminaan dhufan naannolee biyyattii hundarraa ta'us, harki caalu naannoo Oromiyaa irraa akka ta'e qorannoon waggaa darbe taasifame kun ni agarsiisa.

Hospitaalonni magaalaa Finfinnee Afaan Amaaraan waan hojjetaniif danqaa afaanii mudatuun dogongora waldhaansaa hanga du'aa isaan gahuuf saaxilamuu agarsiiseera qoranoon kun.

Rakkoo kana ilaalcha keessa galchuun wiirtuun wallaansa fayyaa daa'immaniifi dhibee keessoorratti hojjetu tokko qaawwa kana hanga giidoosaa guutuuf hojjechaa jiraachuu hima.

Kaayyoon keenya tajaajila wallaansa fayyaa turjumaanaa uummata keenyaa magaalaa Finfinnee keessaa hanbisuuf xiiqeffannee hojjechaa jirra jedhan hundeessaafi hoji-gaggeessaa Wiirtuun Yaala Daa'immaniifi Dhibee Keessaa Lubbuu Dr Shimallis Laggasaa.

Waggoota 15 oliif hakiima tahuun hospitaala Naqamteefi Finfinnee keessas hospitaalota beekamoo keessa hojjechaa kan turan Dr Shimallis, magaalaa Finfinnee keessatti dhukkubsattootni Afaan Oromoo qofa dubbatan rakkoo hedduuf saaxilamaa turuu argaan ture jedhan.

Dr Shimallis magaalaa Finfinnee keessatti sababa afaan wallaalaniin dhukkubsattootni naannoo Oromiyaa irraa gara dhaabbilee fayyaa deeman yeroo tokko tokko qoollifatamaa turan jedhan.

''Duruma yeroo barataa turres hospitaalota akka Xiqur Anbasaa fa'aa keessatti sababa afaan wallaaluun hangam akka rakkataa turan argaa turre.

''Karaarratti, koriidariirratti namootni dhukkubsachuun kiilomeetira 600 fi 700 kutanii dhufanii sababa afaan wallaaluun balbalarratti yeroo deebifaman argaan ture. Kun aariifi xiiqii guddaa nu keessa kaa'e.''

Dr Shimallis yeroo hospitaalota magaala Finfinnee keessa tajaajilaa turan sa'a hojiikoo dabarseen kaardii ofitti dabaleen yaalaa ture jedhan.

''Afaan beekanii dhukkubaa fi rakkoo isaanii guutummaan ibsachuuf rakkatu. Isa irratti yeroo Finfinnee dhufan baasii dabalataa guddaaf saaxilamu,'' jedhan.

Kana irraa kan ka'e waayillan isaanii waliin wiirtuu wallaansaa guddaa tokko Finfinnetti banuuf akka kaayyeffatan himan.

Kanas waggoota muraasa dura dhugoomsuun Giddugala Yaala Daa'immanii fi Dhibee Keessaa Lubbuu magaalaa Finfinneetti keessatti banan.

''Giddugala kana banuuf yeroo jalqabnu eeyyama argachuuf maqaama Lubbuu jettuuf iyyuu eeyyama dhabnee ji'oota afurii ol deddeebi'aa turre.''

Giddugala kana keessa hakiimota ispeeshaalistii jajjaboo tahan qacaruun ummata tajaajilaa akka jiran himu.

Dhukkubsattoonni yeroo afaan isaaniin waliin dubbattu akka dhibee isaaniirraa yaalamaniitti ilaalu, gammachuu guddaa argatu jedhan.

Kaayyoon keenyas tajaajila fayyaa turjumaanaa ummani keenya ittiin rakkachaa ture hanbisuudha kan jedhan Dr Shimallis, ogeessonni isaaniis % 80 ol Afaan Oromoo akka dubbatan himu.

''Yaala fayyaa kana afaan biraan miti, afaanuma dhuunfaakeenuu himattee hin fixxu.''

Akkuma Dr. Shimmallis fi waahelan isaa ogeessonni dhuunfaa isaaniin dhukkubsattoonni akka wallaansa fayyaa afaan abbaa isaanii kan ittiin sirriitti of ibsuu danda'aniin akka argatan gochuuf carraaqan jiru.

Dr. Habtaamuu Gabayyahu kaaba Itoophiyaa Magaalaa Gondaritti dhalatee guddate. Yeroo ammaa magaalaa Finfinnee keessa ogummaa isaatiin hospitaala tokko keessa tajaajilaa jira.

Afaan Oromootiin dhukkubsattoota tajaajiluuf fedhii qaburraa afaanicha barachuurra darbee kitaaba ittiin barreessuurra gahe.

'Yaaliin fayyaa gara laafummaa gaafata'

Giddugala Yaalaa Daa'immaniifi Dhibee Keessaa Lubbuu keessa hakiimotni dubartootaa ispeeshalistii tahan jiru.

Dubartootni damee saayinsiifi yaalaa sadarkaa ispeeshalistii keessa akka dhiirotaa baay'inaan hin mul'atan.

Tarii kun icciitii addaa qabaa jennee Dr Shimallis gaafanne.

''Yaaliin fayyaa beekumsa qofaan hin kennamu. Gara laafummaa barbaada, namaaf gadduu barbaada. Keesumaa, yaala daa'immaniifi dubartootaa irratti gara laafummaan bakka guddaa qaba. Kanaan ammoo dubartoonni dorgomaa hin qaban,'' jedhan.

Amma gidduugalli yaala isaanii ispeeshalistootaafi sab-ispeeshaalistiidhaan hakiimota 27 ol aka qabu himan.

Tajaajila fayyaa guutuu akka fedhii afaan maamiltoonni kennuun alatti, itti-gaafatamummaa hawaasummaa biroo bahachuun dhaabbileen fayyaafi ogeessota biratti aadeffamuu qaba akka ilaalchaDr Shimallisitti.

Kanaaf, ogeessi kun yeroo baayyee tajaajila fayyaa akka uummanni karaa guutuu taheen argatu gochuu qofa osoo hin taane bakka sagantaaleen aartii Oromoo jiruus hin dhabaman jedhamu.

Eebba kitaaba ''Dhugaa Keenya'' jedhuufi fiilmii Daani'eel Gammadaan barraa'ee tibba ndarbe eebbifamerratti argamuun hayyuu argaa-dhageettii Oromoofi pirezidaantii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kan tahan Obbo Dirribii Damusseef deeggarsa godhanii ture.

''Obbo Dirribiin bakka sagantaan Oromoo jiruu hin dhabaman. Eebba kitaabaas haa tahu filmii. Uummata kanaaf nama hedduu dhama'anidha. Rakkoo uummata Oromoof qabsaa'aa turanii akkamiin ofii rakkatu kan jedhu natti dhagahame ejdhan Dr Shimallis.

Obbo Dirribii Damussee Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessaa erga ari'amanii soorama malee turaniiti dhiyeenya akka kaffalamuuf murtaa'e.

Sagantaa eebba kitaabaafi fiilmii Daani'eel qopheesse irratti abbaan qabeenyaa Obbo Tokkummaa Fiixee Birrii Kuma 150 yoo kennaaniif Dr Shimmalis Laggasaa ammoo yaalii fayyaa umurii guutuu Obbo Dirribiifi haadha warraa isaaniif kennuuf waadaa galan.

Dabalataan birrii Obbo Dirribiin sooramaa ji'aan argatan Birrii kuma 4300 tahu akka dachaa isaaniif tahuuf dhaabbanni keenya Gidduugala Yaalaa Lubbuu ji'aan miindaa wal fakkaataa waggaa tokkoof kaffaluuf murteessuu himan.

'Ani ji'aan Birrii 4300 qofana argadha. Haati warraakoo akkamiin akka wal geesiftu hin beeku, kanumaan jiraanna jedhan.'

Anis namni uumata kanaaf hagas rakkatan akkamiin ofii rakkatan kan jedhu natti dhagahame.

Dr Shimallis Laggasaa barnoota isaanii sadarkaa jalqabaa Shawaa Lixaa magaala Asgoriitti, sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Sabbataatti xumuran.

Barnoota digirii jalqabaa ammoo Yuunvarsiitii Jimmaatti xumuran. Amma ispeeshalisttii dhibee keessaa tahuun hojjechaa jiru.