Rakkoo nageenyaa Oromiyaa tajaajila fayyaa haadholii daran hammeesse

Buufataalee fayyaa afur qaban keessaa ‘‘lama qofatu tajaajila kennaa jira’’ jedhu itti-gaafatamaan Waajira Fayyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Jireenyaa Fiqaaduu. Kun ammoo sababa rakkoo nageenyaa aanicha keessatti mudateen ta’u himu.

Aanaan Giddaa Ayyaanaa, aanoota godina Wallagga Bahaa rakkoon nageenyaa daran itti hammaate keessaa tokkodha.

Waggoota sadan darban keessa aanaaleen godina Wallagga Bahaa warri akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Eebantuufi Limmuu-Galiilaa sababa rakkoo nageenyaa uumameen tajaajila hawaasummaa dhabuun rakkoo walxaxaa keessa jiraachuu jiraattonni BBC’n yeroo gara garaatti dubbise dhugaa bahu.

Aanoota godina Horroo Guduruu Wallaggaa akka Jaardagaa Jaartee, Amuruufi Abee Dongoroo keessattis sababuma nageenyaatiin rakkoon hawaasaa irra bubbuleera.

Rakkoo nageenyaa aanaalee godinoota lamaan kana keessatti uumame kan adda taasisu, akka rakkoo godinaalee Oromiyaa biroo sababa walitti bu’insa humnoota mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tiin uumamu qofa miti.

Hidhattoonni mootummaan finxaaleyyii Amaaraa jedhu ummata ajjeesuufi buqqaasuurra darbee tajaajila fayyaa ummataaf dhiyaatu akka gufatuufis sababa ta’uu aanga’oonniifi jiraattonni aanaalee kanneeniin ni dubbatu.

Akka Obbo Jireenyaa Fiqaaduu jedhanitti, buufataaleen fayyaa aanaa isaanii keessatti sababa rakkoo nageenyaatiin hojii dhaaban buufataaleen fayyaa Jaangiriifi Andoodee Dichooti.

Tajaajila fayyaa haadhoolii kan akka da’umsaafi hordoffii ulfaa ilaalchisuun haala baayyee rakkisaa keessa jiraachuu kan himan Obbo Jireenyaan, buufataaleen fayyaa hojii dhaabuun alatis ambulaansiin sababa rakkoo nageenyaatiin deessuu baadiyyaa fagoo deemee bakki tajaajila hin kennine jira jedhu.

Bakkeewwan buufataaleen fayyaa tajaajila kennaan hin jirre kanneenitti haadhooliin deemsa miilaa sa’aatii sadiitii hanga afurii miillaan Hospitaala Giddaatti tajaajila barbaacha deemu.

Kun ammoo haadholii ulfaaf, keessumaa yeroo ciniinsuun qabutti rakkoo guddaadha jedhu aanga’aan kun.

Haadholii ciniinsuun qabe hospitaala qaqqabsiisuuf aanicha keessa gandoota keessa deemuufis ta’e gara godinaatti dabarsuuf haalli nageenyaa mijataa waan hin taaneef deessuun rakkoo keessa jiru jedhu aanga’aan kun.

Aanichi hospitaala tokko qabaatulleen hanqinni dhiyeessii, addatti ammoo dhiigni lubbuu deessuu oolchuuf gargaaru akka hin jirre dubbatu itti-gaafatamaan waajira fayyaa.

Weerarri dhibee busaa tibba kana gandoota aanichaa keessatti ka’e ammoo rakkoo tajaajila fayyaa haadholii daran hammeesseera jedhu.

Weerarri busaa haala kanaan dura mudatee hin beekneen mudachuu kan himan aanga’aan kun, marfeefi qorichoota biroo isaaniif dhiyaachaa akka hin jirre kaasu.

Kanaan dura dhiiga kan argatan baankii dhiigaa Naqamteerraa ta’uu kan himan Obbo Jireenyaan, sababa nageenyaan karaa waan cufatuuf deddeebi’anii argachaa akka hin jirre dubbatu.

“Yeroo deemtu dhiiga argachuu dhabuun jira; yeroo yerootti deemuun argachuuf yaaluufis haalli nageenyaa rakkisaadha. Hanqina qoricha busaafi marfees qabna.”

Kellaawwan fayyaa gandoota aanichaa keessa jiranis ta’e hojjetoonni ekisteenshinii fayyaas guutummaan guutuutti hojjechaa akka hin jirre kaasuun, amma akka tajaajila jalqaban gochuuf carraaqaa jiraachuu dubbatu Obbo Jireenyaa Fiqaaduu.

Keessumaa, talaaliiwwan idilee deebisanii jalqabsiisaa akka jiran himu. Oromiyaa keessatti bakkawwan rakkoon nageenyaa jiranitti tajaajilli fayyaa haadholii gufateera.

UNICEF gabaasa waliigalaa fayyaafi barnoota dabalatee dhiyeessii tajaajilawwan bu’uuraa Itoophiyaa ilaalchisuun bara 2021 baaseen, sababa hongeefi walitti bu’insaatiin tajaajilli fayyaa akkaan miidhamuu kaasee ture.

Keessumaa godinaalee Oromiyaa walitti bu’insi keessatti deemaa jiru akka Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa, Qeellama Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaafi Gujiifi Gujii Lixaa keessatti wagga lama dura dhaabbileen fayyaa 91 manca’uun hojiin ala ta’aniiru jedhee ture UNICEF.

Kun ammoo tajaajila fayyaa haadhotiifi daa’immanii rakkoo hamaaf saaxileera.

“…nageenyi lixarra jiru takka nagaa ta’ee, deebii’ee gidduutti boora’uu danda’a. Qaamni mootummaa hanga danda’u deeggaruuf ni yaala. Dhaabbileen idil-addunyaa bakka hunda [bakka rakkoon nageenyaa jiru dabalatee] gahuu danda’an hanga tokko tajaajila fayyaa dhiyeessuuf yaalu.

Dhaabbileen akka Waldaa Fannoo Diimaa, Koree Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC) warri jedhaman qaamolee bakkee nagaan hin jirrettis hojjechuu danda’an waan ta’eef isaanitti gargaaramuun bakkeewwan rakkoon nageenyaa mudate qaqqabuuf akka carraaqan BBCtti himan Dr. Tasfaayeen.

“Isaanitti fayyadamna jechuun hiikkoo mataa isaa qaba. [Isaan] bakka nagana hin jirre gahuu danda’u jechuun, gama karaa kanaan hojiin hojjetamaa jira. Biiroon Waldaa Fannoo diimaa Itoophiyaa, ICRC waliin mari’atee hojjetaa jira,” jedhu.

Rakkoowwan nageenyaa waggaa sadii hanga afurii gara Lixa Oromiyaa jiru uummanni kaasu beekamaadha kan jedhan Dr. Tasfaayeen, fayyaa qofarratti osoo hin taane dhaabbilee kamirratti iyyu dhiibbaa mataasaa qaba jedhu.

“Konkolaataawwan gubachaafi hatamaa turuun akkasumas dhaabbileen fayyaa sababii adda addaatiin manca’aa turuun ifadha. Aanaa tokkorraa ykn ganda tokkorraa ambulaansiin tokko gubate jechuun deessuun tokko rakkatte jechuudha, kutaan hawaasaa tokko rakkate jechuudha.

‘‘Buufanni fayyaa tokko miidhame/cufame jechuun hawaasni naannoo sana jiru tajaajila dhabe jechuudha. Ogeessi fayyaa tokko dhaabbata fayyaa keessaa baqate jechuun tajaajilli fayyaa achi keessatti hin kennamu jechuudha.”

Oromiyaa bakka gara garaa keessatti sababa rakkoo nageenyaatiin tajaajilli fayyaa haadholii dabalatee, takka dhaabatee deebii’ee banamaa itti fufuu dubbattu aanga’aan Biiroo Fayyaa Oromiyaa kun.

“Fakkeenyaaf, Daarimuu fudhachuu dandeessa. Tajaajila ji’a tokkoo hanga ji’a lamaaf dhaabee amma guutummaan guutuutti jalqabeera. Hospitaala Cawwaaqaa fudhachuu dandeessa; tajaajila addaan kutee ture; yeroo ammaa kana taajaajilatti deebiyee kennaa jira.”

Aanaaleen godinaalee Lixaa akkasumas giddu-gala kana keessa jiran, Kibba Oromiyaa Gujii keessa jiranillee rakkoowwan kun isaan mudata.

“Yeroo rakkoon nageenyaa mudatu ni cufama; yeroo nageenyi furamu taajilli fayyaas akkuma kana tajaajilli biroos deebii’ee jalqaba,” jechuun sababa dhibdee nageenyaatiin rakkoo dhiyeessii tajaajila fayyaa mudatu ibsu.