Buraayyuutti haati daa'imman gara-jabinaan ajjeefte du'aan adabamte: Murteen hojiirra oolaa?

Dubartiin dhihoo magaalaa Finfinnee, Buraayyuutti daa'imman obbolaa ta'an lama haala sukkanneessaan ajjeesuun himatamte Manni Murtii Magaalaa Shaggar adabbii du'aa itti mure.

Yakki kuni ALI Ebla 27, 2015'tti Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Buraayyuutti iddoo isaan rafanitti raawwatame.

Badiin mufii fi komii jabaa hawaasa keessatti uume kana manni murtii magaalichaa ragaa namaa fi mana yaalaa bu'uureffachuun har'a murteesse.

Akeekkachiisa! Odeessi kun miira keessan jeequu mala.

Dubartiin haadha buddeenaa daa'imman kanaati jechuun galmee poolisii keessatti eeramte Tigist (Nagaasee) Kabbadaa jedhamti.

Yakkamtuun kuni sibila qara qabuun morma murtee ajjeesuun, eegasiis gubuun himata irratti dhihaateen badiin irratti argame.

Akka poolisiin BBC'tti himetti, dubartiin kuni abbaa warraa ishee Obbo Geetahuun Baalchaa haaloo bahuuf ijoollee kana ajjeeste.

Kanas jecha kenniteen amanuu Qaajelcha Poolisii Buraayyuutti qondaalli dhimmicha qorachaa turan Saajinii Olaanaa Qananiisaa Taaddasaa BBCtti himaniiru.

Manni Manni Murtii itti yaaddee haaloo bahiinsaaf ijoollee ol adeeman irratti yakkaa sukanneessaa raawwachuu irraa kan ka’e du’aan adabu dubbatan.

'Murtee darbetti gammadeera, raawwii isaan eega'

Abbaa ijoollee haala sukkanessaan ajjeefamaniifi abbaa warraa dubartii yakkicha raawwachuu amantee kan ta'e obbo Getaahuun Baalchaa murtee darbetti gammaduu BBC'tti hime.

''Haala murtee kennametti gammadeen jira. Fuula durattis raawwiin isaa akkamitti ta'a kan jedhus warra seeraaf dhiifna.''

''Nuti arsaa kaffallee jirra. Ijoollee keenya dhabnee jira. Ijoolleen biraa ammoo akka hin miidhamneef maatiinillee akka ciisee buluuf muurteen kun akka raawwatamu osoo ta'ee'' jechuunis gaafata.

Murteen du'aa erga mana murtiin muramee booda, murteen darbe ''raawwatamuun isaa dhagahamee hin beeku'' jechuun akka hojiirra oolu gaafata.

''Yeroo gabaabaa keessatti yakka kana qoratanii mana murtiitti murtii laachuun danda'amuu isaatti baayyeen gammade.''

Ajjeefamuu ijoollee isaatiin ''madaa jabaadha'' kan jedhu obbo Getaahuun ''abdii koo murtee kanarratti'' jedheera.

Maaltu ta'e?

Abbaan ijoollee ajjeefaman kanaa obbo Getaahuun Baalchaa haadha warraa isaanii erga fuudhanii reefu ji'oota muraasa ta'e kana waliin dhimma qabinsa ijoollee isaarratti waldhabuu yaada BBC'f kennaniin himanii turan.

Halkan yakki raawwate abbaan ijoollee Aadde Nagaasee waliin dhimma ijoollee irratti walitti dubbatanii ''sirraa gargar bahee ijoollee koo guddisuun barbaada'' ittiin jechuu kana dura abbaan BBC'tti himanii turan.

Barii yeroo hojiidhaa deebi'an balballi manaa banamee ijoollee isaaniitti ibiddii qabatee akka argan achiis manaa baasanii akka of wallaalan dubbatan.

Poolisiin Buraayyuu eeruu uummataan bakka yakki kun raawwate qaqqabee ijoollen haala sukkaneessaan ajjeefamuu hubate.

Eegasii dubartiin amma yakkamtuu taate kuni ajjeechaa raawwattee miliquuf yaalaa turte.

Boodarras akka poolisiin ibsetti, eeruu ummataan Buraayyuu iddoo addaa Saansuusii jedhamutti Caamsaa 9, 2023 poolisiin to'ate.

Haala itti to'amte oolte yoo himan ''bosona keessatti of ajjeesuudhaaf osoo deemtuu uummatni argee poolisiif eeruu kenne.

''Yeroo qaqqabnu barakiinaa bitattee shaashii ishee mukatti dhahattee of ajjeesuuf osoo yaalii gochaa jirtuu qaqqabne'' jedhan.

Ijoolleen maqaan isaanii Naanaatiifi Naa'ol jedhaman ijoollee ganna 13 fi 4 dha.

Akkaataa ajjeechaa raawwatte poolisiin yoo ibsu ''aalbeen qaltee boodas ibidda itti qabsiisuun ajjeefte'' jechuun ibse.

Yeroos poolisiin maatii ishee waayee amala shakkamtuu kanaa gaafachuu fi maatiin shakkamtuun kun ''amala hammeenyaa fi gara jabummaa akka qabdu'' himuu dubbatan.

Murteen du'aa Itoophiyaatti ni raawwatamaa?

Seera Yakkaa Itophiyaa keessatti murtiin du’aa eerameera.

Yunivarsiitii Finfinnee, damee barnoota seeraatti piroofeesara tumsaa kan tahan Dr Mahaaarii Radaa’ii seerri yakkaa Itoophiyaa keewwataa adabbii du’aa akka qabu himu.

''Yakka addaa kan mootummaa fi uummata irratti raawwatame akkasumas sadarkaa nama dhuunfaatti yakka ajjeechaa namaa haala sukaneessaafi haraamuu taheen yoo raawwatame abbootiin seeraa adabbii du’aa akka kennaniif seera irratti waan taa’e dha,’’ jedhan.

Haa ta’u malee, Itoophiyaatti adabbiin du’aa haa raawwatuuf murteen abbootii seeraa qofti gahaa miti.

Sababiin isaa Pirezidantii biyyattiin raggaasifamuu qaba.

Pirezidantoonni Itoophiyaa immoo murtee kana yoo raggaasisan hin mul’atan.

Haala kanaan adabamaan hamma murteen ragga’ee dhufutti ni hidhama, yookiin hidhaan isaa umrii guutuun ta’a jechuun ibsu.

Haa ta'u malee, kana dura murteen du'aa raawwatee beeka.

Dr Mahaaarii Radaa’i bara bulchiinsa ADWUI murtiin kuni raawwatamuu ibsan.

Tahus mudannoowwan lama ykn sadii murteewwan kuni hojiirra oole akka jiru nan yaadadha jechuun kana dura BBC'tti himan.

Haa tahu malee, yeroo baayyee abbotiin seeraa adabbii du’aa akka hin kennineefi umrii guutuu akkasumas hidhaa waggaa 25 fa’i akka murteessan himan.

Namoonni maaliif garaa jabaatu?

Namoonni ijoollee isaanii osoo hin hafiin namoota midhaa isaanirraan gahuu hin dandeenyerratti gocha gara jabinaa maaliif raawwatu?

Sababoota kanaaf ka'umsa ta'an akka jiran ogeeyyiin xiinsammuu himu. Tokko rakkoo fayyaa sammuu waliin walqabatuu danda’a.

Namni akkuma gaarummaas qabu, hamminas dalaga. Badiin kuni garuu jireenya kana dura keessa dabarsanirraa, aarii, mufii, kaka’umsa sababoota garagaraan raawwachuu danda’a.

Kana dura gargaaraa pirofeesraa kilinaal saayikoolojii fi niyuuroosaayikoolojii kan ta’an Saayiman Makaartii-Joons sababa namoonni nama hubaniif BBC’tti kana himan.

Sababa lamatu jiraachuu danda’a - miidhaan nama sanaa itti hin dhaga’amu (hin gaddisiisuun) ykn ammo miidhaa nama sanaa ni jaallatu (itti gammadu).

Sababa biraa kan ta’uu danda’u nama sana akka nama isaan miidhuu danda’utti yaaduu kan jedhudha jechuun ibsan.