Wixineen labsii hojjetoota mootummaa Federaalaa haaraa warra qormaata si’a lama kufan gaggeessu maal of keessaa qabaa?

Waggaa darbe irraa jalqabuun haaromsa siivil sarvisii gochaa akka jiru kan himu mootummaan Itoophiyaa, Wixinee labsii hojjettoota mootummaa haaraa qopheesse Kibxata kaleessaa Caamsa 6 bara 2016 Paarlaamaa Itoophiyaaf dhiyeesse.

Wixineen labsii akka ilaalamuuf misooma humna namaa, Bobbii hojii fi dhimmoota teeknoloojiif ergame kun labsii waggoota jahaaf hojiirra ture bakka bu'a.

Wixineen labsii kun keewwata 160 fi kutaalee 17'n qophaa'e. Kana dura labsiiwwan biroodhaan kan hiikamaa turansi ifatti wixinee labsii ammaa kana keessatti hammatamaniru.

Bulchiinsi magaala Finfinnee ji'a Muddee keessa jalqabuun ramaddii hojii hojjettoota buleeyyii yoo taasisu akka ulaagaatti kan fayyadame qormaata gahumsaa ogummaa darbuu, sabdaneessummaa fi hammatamummaadha.

Akka wixinee labsii haaraa kanaatti hojjettootni ji'a jaha keessatti qormaata gahumsaa ogummaa fudhatanii osoo hin darbiin hafan hojiirraa gaggeeffamu.

Wiixineen labsii kun yeroo qophaa'u kaayyoo milkeessuuf qabate keessaa tokko ''tajaajiloota waajjiraalee mootummaatti kennamaniif hojjettoota gahumsa qaban argachuufi warra hojiirra jiran tursiisuu'' kan jedhu baafata wixinichaa irratti eerameera.

Kanaaf ammoo qormaata gahumsaa kennuun barbaachisaa tahuu hima.

Wixinee labsii kanarratti waajjirri mootummaa kamiyyuu ''hanqina gahumsa'' hojjettoota isaa adda baasuu, fi gahumsa hojjettoota isaa sakatta'uuf itti gaafatamummaa akka qaban hima.

Kanaaf ammoo hojjetaan hojii isaatti ramadamuuf qabxii gahumsa ogummaa murameen ol argachuu qaba.

Hojjetaan leenjii gabaabaa haqina ogummaa guuttachuu fudhatee, akkasumas leenjii qophaa'e fi leenjii yeroo dheeraaf kennamu fudhatee ji'oota jaha keessatti yeroo lama qormaata gahumsa ogummaa fudhachuun hin darbiin hafe, akka wixinee labsii kanaatti ''mirgi isaa eegameefi, akkaataa danbii taa'een tajaajila kennu akka dhaabu'' ibsa.

Ramaddii hojii gahumsa ogummaarratti hundaa'e kanaan hojjetaan qormaata darbee hojichaaf fedhii hin qabnes hojiirraa gaggeeffamuu akka danda'us labsiin kun eera.

Hojjettootni haala kanaan hojiirraa gaggeeffaman soorama bahuuf umuriin isaanii hin geenye yoo tahe, miindaa waggaa lamaa harka isaan gahu, al takkaatti kaffalameefii akka gaggeeffamu labsichi hima.

Miindaa hojjetaan hojiirraa haala kanaan gaggeeffamu kaffaltiin waajjirichaatii argatu Birrii 12,000 gadi tahuu akka hin dandeenyes ibsa.

Waajiraaleen hojjattoota hin qacaran, qacaruuf hin filatan

Wixineen labsii kun waajjiraaleen mootummaa hojjattoota dorgomsiisanii, filatanii qacaruu dhorka.

Akka Wixinee labsii kun jedhutti, hojiicha kan raawwatu inistitiyuutii bulchiinsa gahuumsa hojii Itoophiyaa hundeeffamuuf jirudha.

Akka wixinee labsii kanaatti waajjiraaleen mootummaa bakka duwwaa qaban karaa dhaabbata bulchiinsa gahumsa hojii Itoophiyaa hundeeffamutti beeksisu.

Dhaabbatichi beeksisa baasuudhaan hojjattoonni mootummaa haaraa fi buleeyyii galmeessuuf dirqama qaba.

Inistitiyuutichi namoota dorgomsiise qacaruuf leenjii ogummaa fi amalaa akka kennu wixinee labsichaarratti eeramera.

Leenjii kennamu booda namni qacaramu qabxii gahaa galmeessiisu qabaata. Namni qabxii gahaa galmessiiseef waraqaa ragaatu kennama jedha wixineen kun.

Namni waraqaa ragaa argachuun qacarame ji’oota qacarrii yaalirra tura. Qabxiin yeroo yaaliitti galmaa’e gadaanaa yoo ta’e, yeroo dabalata ji’oota sadiiif dheereffama.