Ajjeefamuun Hasan Nasrallaa dhiibbaa maalii hordofsiisa?

Hasan Nasrallaa

Madda suuraa, EPA

Gabaasaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar Israa'el Iraaniin lolatti affeeraa jirti jedha.

Hogganaa Hezboollaa irratti xiyyeefachuun Humna Waraanaa Israa'el dhimma dubbii hammeessuufi deeggartuu garee kanaa Iraaniin lolatti kan affeeru dha.

Hanga ammaatti lola Israa'eliifi Hezboolaa gidduu adeemaa tureen Iraan moggaadhumarra turuu filattee ture jedha.

Tahus kana booda biyyi Rippaabliika Islaamaa kuni caasaan michuunshee Baha Gidduugalaa kotee dhaa yoo cabu ilaaluun balaa baachuu mala.

Hasan Nasrallaa Hezboollaa bara 1992 irraa qabee kan hogganaa turan yoo tahu, hogganoota waraanaa amanamoo muuduun Hezboollaa milishaa naannoorraa humna aangoo qabeessa mootummaa jalatti hin bulle akka addunyaatti guddaa tahe ijaaruu danda'aniiru.

Deeggarsa Iraan irraa argamuun Nasarallaan kuufama misaayeloota waraana to'atu ture, meeshaaleen kunneen ammas lafa jalatti haleellaa Israa'el irraa hafuu danda'eera.

Haa tahu malee isaan ala komaandarooti gameeyyiin dhiyeenya Israa'eliin ajjeefamaniiru. Dhaabichis humnaa fi maqaan gaarii qabu akkaan miidhamuu danda'a.

Gardineer gaaffii Baha Gidduugalaatti waraanni waan hin oolledhaa? jedhee gaafata.

Ammoo deebiin isaa lakki kan jedhudha. Ammoo sa'aatii 24 darban wanti raawwate carraan waraana guddaa akka bal'atu godheera jedha.

Gochaan Israa'el kan dubbii hammeessuu dha

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gulaalaan BBC Jermii Boowan:

Israa'el hogganaa Hezboollaa Hasan Nasrallaa ajjeesuun injifannoo michuu diina ishee irratti argatte qofa osoo hin taane mo'icha diina ijoo irratti argame dha amantii jedhu akkaan jabeessa.

Loltuu dabalataa garas sochoosaa jiru, amma itti jabeessu waan barbaadan fakkaata kunis Libaanositti haleellaa lafoo raawwachuu dabalata.

Tarkaanfiin Israa'el kuni akkaan kan dubbii hammeessu dha.

Baatii 11 darbe keessatti gama lamaaniinu wal-walitti bu'uun turus dhibbaan jabaan garuu gama Israa'elirraa ture.

Amma garuu humni waraanaa itti dhiibuun isaanii hin oolu. Tarkaanfii fudhataniin gammadoo dha, kuni akka waraana Hamaas waliin taasifamu waan tasaa miti waraana Libaanos waliin bara 2006tti adeemsifameen booda waanuma karoorsaa turani dha. Amma hojiitti oolchaa jiru.

Hogganaan Hezboollaa ajjeefames, ajjeefamuu baates Hezboollaan amma rakkoo jabaa keessa jira.

Rookeetiiwwan isaanii ammallee daangaa Israa'elitti darbatamaa jiru. Kanaaf Israa'el deebii kennaa jirti, yeroo mirkana hin qabne keessa jirra, sunimmoo qaama rakkoo kanaati.

Waraanni suuta dadhabsiisaa taasifamu ji'aa, ji'atti taasifamu namoonni eessa akka tahuu qaban beeku. Amma garuu waan beekan hin qaban.