'Iraan keessaa bakki Israa'el qaqqabuu hin dandeenye hin jiru' - Netaaniyaahuu

Biniyaamiin Netaaniyaahuu kora UN irratti

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Muummee Israa'el Beniyamiin Netaaniyaahuu Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti haasaa godhaniin ''Iraan keessaa bakki Israa'el qaqqabuu hin dandeenye hin jiru'' jedhan.

Netaaniyaahuun Onkololessa 7 darbe Hamaas isaaniin haleeluu ibsanii, achiimmoo Onkololessa 8 Hezbollaan Libaanos irraa Israa'elitti dhukaasuu aadachiisan. Erga guyyaa sanii rookeettiiwwan 8,000 ol ta'an Israa'elitti dhukaafamuu himan.

Netaaiyaahuun kora kanatti qaamolee Israa'e irratti haleellaa raawwatan yoo tarreessan Huutiin Yaman irraa, Iraan ammoo kallattiin dachee Israa'el haleeluu dubbatan.

Netaaniyaahuun wayita haasaa gochuu eegalan, aanga'ootni biyyoota adda addaa hedduun mormii ibsachuuf koricha dhiisanii bahaniiru.

Netaaniyaahuun Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoork irratti haasaa kan eegalan ''of baraaruu'' waraanatti waan jirruuf gara Niiw Yoork dhufuuf karoora akka qabatanii hin turre dubbatan.

Waanti yaada isaan jijjiirsisee gara US isaan fide waltajjii UN gubbaattii namootni bahanii waayee Israa'el ''soba'' dubbachuufi himachuu isaaniitiin akka ta'e dubbatan.

Wanti jala butanii ibsuu barbaadan dhugaa Israa'el nageenya barbaaddi jedhu akka ta'es beeksisan.

Netaaniyaahuun erga Onkololessa 7 walakkaa humna Hamaas fixuufi to'achuu akka danda'an ibsan.

Ammoo kan hafe humni hafe eessatti socho'aa akka jiru adda baasuufi irratti xiyyeeffachuu akka ta'e dubbataniiru.

Dabalataan namoota Hamaas Israa'el haleeluun bute hanga deebisanitti duula eegalan akka hin dhaabne dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Netaaniyaahuun haasaa isaanii kana keessatti kaartaa naannoo Baha Gidduugalaa baasuun Iraan naanichaafi guutuu addunyaaf balaadha jedhan.

Dhaabbatni Biyyoota Gamatoomanii Iraan irra qoqqobbii kaahu akka cimsu yoo gaafatan, hundi keenya, hamma dandeenyuun Iraan meeshaa niikuleeraa akka hin hidhanne gochuu qabna'' jedhan.

Iraan ilaalcha finxaalessa ta'e Baha Giddugalaa keessatti cimsuu barbaaddii jehcuun addunyaan adeemsashee kana callisee ilaalaa akka jiru himaniiru.

Amma duras sagantaa niikuleeraa Iraan ilaalchisee kora kana akeekkachiisuu kan himan Netaaniyaahuun, hojii hojjetameen waggaa 10f karoorrishee akka barfatu gochuu danda'us dhaabsisuu akka hin dandeenye himaniiru.

''Nageenyaa fi tasgabbii guutuu addunyaaf jecha, su akka ta'u hayyamuu hin qabnu'' jedhan.

''Abbootii irree Iraaniif dhaamsaan qaba...yoo nu haleeltan ntis isin rukunna'' jedhaniiru.

Netaaniyaahuun gara dhumaatti ammoo ''filannoon keessan kami?'' jechuun hirmaattota kora UN gaafatan.

''Israa'el, dimookrasiifi nageenya moo Iraan?''

Israa'el waliin dhaabachuun ''faayidaa(duudhaa) mataa keessaniif dhaabachuudha''.

Dabaluunis biyyi isaanii warra kaanis iina waloorraa ittisaa akka jirtu dubbatan.