Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjattoonni lammiilee Chaayiinaa maaliif addunyaa maratti miidhaan irra gaha?
Dilbata darbe haleellaa ajjeesaa badaan ta'un shakkameen Paakistaan buufata xiyyaaraa Karaachiitiin alatti, lammiileen Chaayinaa lama ajjeefamanii namoonni hedduun madaa’an.
Waraanni Bilisummaa Baaloochistaan (BLA) gochaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhate. Waggoota darban keessa Paakistaan fi biyyoota biroo keessatti haleellaan hojjettoota Chaayinaa irratti raawwatame hedduudhu.
Hojjattoonni lammiilee Chaayinaa wallakkaa miiliyoonaa caalan addunyaarra biyyoota adda addaa keessatti argamu. Hedduun isaaniis ajjeechaa ykn miidhaan butamuu akka irra gahu dhagahama.
Ofii miidhaan maaf hojjattoota Chaayinaarratti baayyataa?
Haleellaa boombii dhiheenya Paakistaaniittti qaqabeef gareen itti gaafatamummaa kana fudhate, ''kanan irratti xiyyeeffadhe mahaandisootaafi sooreessoota Chaayinaa olaanoodha'' jedhe.
Haleellaa Onkololeessa 6, 2024 lammiileen Chaayinaa lama ittiin ajjeeffaman kanaan namoonni 10 ammoo madaa'aniiru.
Lammiileen Chaayinaa ajjeeffaman kunneenis kan buufata Qaasiim kan Kaaraachii biratti argamu keessaa hojjattoota turan.
Ministirri Mummee Paaksitaan haleellachaan ''gochaa jibbisiisaa'' jedhaniiru. Ministirri Dhimma Alaa ammoo balleesitoonni bira hindarbaman jedhan.
Finciltoonni (BLA) kunneenis bara dheeraadhaaf ummata Baaloochaatiif biyya walabaa hundeessuuf qabsaa'u.
BLAn baatii Bitooteessaa keessa buufata xiyyaaraa humna galaanaa naannoo buufata doonii Gwadar Balochistan jedhamu kan dhaabbilee Chaayinaatiin ijaaramaa jiru irrattis haleelaa raawwachuu isaa amanee jira.
Kana malees, barsiisota Chaayinaa sadii fi konkolaachisaa isaanii lammii Paakistaan, Ebla bara 2022 naannoo dhaabbata Konfishiyaas Chaayinaan geggeeffamu Yunivarsiitii Karaachiitti haleellaa ajeessanii du'uutiin raawwachu amanee jira.
Hidhattoonni kunneenis ummanni Baaloochi naannoo Kaaraachii keessatti faayyiidaa amuuf argataa hin jiran.
Boba'aafii albuudoonni gatii jabaa biraa naannicha keessaa dhaabbilee biyya alaatiin yoo baafamu, ummanni fayyadamaa hin taane jechuun haleellaa raawwata.
Lammiilee Chaayinaa meeqatu biyya biraa keessa hojjata, maaliif?
Ministeerri daldala Chaayinaa bara 2022tti qorannoo baasee tokkoon, lammiileen Chaayinaa kuma 568 ta'an biyyoota garaa garaa keessatti pirojektota adda addaa irra hojjataa jiru.
Kanneen keessayis kan baayyatan kanneen pirojaktii Chaayinaa Beelti Enda Rood (China’s vast Belt and Road Initiative (BRI)) irra hojjataniidha.
Pirojektoota BRI kanneen akka daandii fi sarara baaburaa, buufata doonii fi warshaalee humna elektiriikaa misoomsuuf tilmaamaan doolaarri tiiriliyoona tokko (£820bn) ta'u baasii taasiftee jirti.
Kanaanis Chaayinaan galtee warshaalee biyyoota garaagraa irraa akka argattuufi oomishaalee ishee ammoo daldala al-ergiin biyyootaa kanneennitti akka daldaltu gargaareera.
Paakistaan biyya raawwiin pirojakiiti kana sirriin keessatti mullatuudha. Koriidarii diinagdee Chaayinaa-Paakistaan jedhamuun waamana.
Koridariin kunis daangaa lixa Chaayinaatiin daandiiwwan gurguddaan sararawwan baabuuraa waliin wal qunnamsiisuun Paakistaan keessa darbuun kan gara Galaana Arabiyaa gahuudha.
Akkuma Paakistaan sana biyyoonni Afriikaa hedduun pirojaktiin kun akka raawwatamuuf Chaayinaan doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu invasti gooti. Kanaanis Itoophiyaa, Keeniyaa fi Seeneegaal ni eeramu.
Lammiileen biyyoota piroketitoonni gurguddoonni kunneen keessatti gaggeeffamanis lammiilee Chaayinaatiif malee isaaniif carraa hojii baayyee hin finne jechuun qomii dhageessisu.
Landaniitti Institiyuutii Chaayinaa keessa kan hojjatan Piroofesar Isitiiv Zaang ''lammiileen Afriikaa keessatti argaman hojiisaanii Chaayinootaan jalaa fudhatamuun isaan aarsa'' jedhaniiru.
''Pirojektoonni hojjattoota lammii Chaayinaa hedduu fichiisiisu. Lammiilee Afriikaa kan barbaadan hojii humaa cimaa akka hojjataniif qofaadha'' jedhu Pirofeessar kun BBCtti wayita dubbataniitti.
Dr Aleeksi miseensa garee tink taank tokkooti. ''Chaayinaan pirojaktoonni kunnnee lammiilee biyyoota lamaatiif haala wal qixa ta'een ni faayyada jettee yaaddi'' jedhu.
''Dhugaan isaa garuu rakkoo dhabiinsa hojii Chaayinaa keessa jiru furuudhaaf fayyadamti pirojaktoota kanneen.''
Balaan lammiilee Chaayinaarra gahu hangam cimaadha?
Invastimantiin Chaayinaan biyyoota alaa hedduu keessaa qabduu bakkeewwan fagoo waan dabalatuuf lammiileen ishee eddoowwan balaafamaa ta'an hunda deemuun hojjachuuf dirqamu.
Fakkeenyaaf Paakistaan biyya tasgabbii dhabiinsi siyaasaa keessatti mudatuudha.
Kaaraachiitti bakka bu'aan BBC Riiyaal Sohaayiil akka jedhuutti, yeroo dhiheenyaa keessa qofaatti haleellaawwan Chaayinoota irratti xiyyeeffatan 16 raawwatamaniiru. Kanaanis lammeeleen Chaayinaa 12 ajjeeffamanii 16 biraa ammoo miidhaan irra gaheera.
Sadaasa bara 2018tti hidhataan tokko Qonstiilaa Chaayinaa Kaaraachii keessaa tokkorratti haleellaa banuun namoonni afur ajjeeffamaniiru. Haleellaa kanaafis kan itti gaafatamumama fudhate hin jiru.
Biyyoota Afriikaa keessattis haleellaa walfakkaataan dhagahamaniiru. DR Kongootti bakka warqeen baafamuutti lammiileen Chaayinaa ajjeeffamaniiru. Naayijeeriyaattis irra dedebiin lammiileen Chaayinaa butamaniiru. Niijariittis wanti wal fakkaataan mudateera.
Qarannoo dhaabbanni teessoo isaa Ameerikaa godhate Peterson Institute for International Economics (PIEE) jedhamu baasee tokkotti, biyyoota Afriikaa fi kibba-baha Eshiyaa keessatti lammiilee Chaayinaa ukkaamsuun akka bu'aa qabeessaatti yaadama jedheera. Kunis kan ta'e sababii dhaabbileen isaan mindeessan gadi dhiisiisuuf jecha maallaqa jabaa waan kanfalaniifiidha jedha.
Waggoota 20n darban keessa Afgaanisitaan keessatti lammileen Chaayinaa irra deddebiin ukaamfamu ture. Irra caalaa Chaayinoonni kan butaman maallaqa ittiin argachuuf jechaadha.
Chaayinaan hojjattotashee ala jiran attamiin tiksiti?
Akka PIEE jedhutti, mootummaan Chaayinaa fi dhaabbileen Chaayinaa hanga ammaatti haleellaa hojjettootasaanii biyya alaatti irratti raawwatamu “gadhiisiisuuf maallaqa kaffaluun, qondaaltonni biyyoota keessummeessanii eegumsa fooyya’aa akka godhan dhiibbaa gochuudhaan, akkasumas kaameeraa ittiin to'ataman kiiyeessuun gargaaruu.”
Akkasumas Chaayinaan biyyoota keessummeessan keessatti humnoota hidhatan leenjiisuudhaan akka eegumsa gaarii taasiisan gochaa kan jirtu yoo ta’u, dhaabbileen Chaayinaas haleellaa du'anii ajjeessuu, hidhattoota qawwee fi kanneen nama butan ittisuuf dhaabbilee nageenyaa dhuunfaarraa eeegdoota qacarachuu dabalaa dhufeera.
Halawwan kanneen raawwataman illeen Chaayinaan nageenya lammiileeshee eeguudhaaf rakkoo cimaan tokko dadhabbii biiyyoota pirojaktoonni ishee keessatti argamaniidha.
Biyyoon baayyeen pirojaktoonni Chaayinaa keessa darban kan siyaasaan tasgabbaa'an miti.
Haleellaa dhiheenya Paakistaan keessatti raawwatameen booda, Imbaasiin Chaayinaa Kaaraachiitti argamu lammiileensaa fi dhaabbileen Chaayinaa Paakistaan keessa jiran dammaqinaan akka hojjetanii fi ''of eeggannoo nageenyaa gochuuf waan danda'an hunda akka raawwatan'' yaadachiiseera.