Bulchaan duraanii 'Gujii misoomaaf ija banan jedhaman', Bariisoo Dukkallee, eenyu?

Madda suuraa, Komunikeeshinii magaalaa Bulee Horaa
Maqaan isaanii Guutuun Bariisoo Dukkallee Ruufoo jedhamu. Bara 1946 naannawa aanaa Galaanaa Ganda xiqqoo Shaallaayituu jedhamtuufi amma rifarandamiin Geedi’oo jala galte jedhanitti dhalatan.
Ragaan seenaa isaanii ibsu kan waajjira Aadaafi Turizimii Magaala Bulee Horaa irraa arganne akka ibsutti, Bariisoon barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Geedi’oo fi Walaayitaa Sooddootti baratan.
Obbo Bariisoon bara Dargii keessa Kutaa Biyyaa Sidaamoo jedhamu keessa bakka adda addaatti tajaajilan. Isaan keessaa Taltalleetti hoggana Nageenyaa ta’uun kan tajaajilan isa tokko.
Seenaan isaanii dhalootaan akka yaadatamuufi jaalala uummataa akka gonfatan kan godhe garuu yeroo bulchaa Koonyaa Bulee Horaa ta’anidha.
Obbo Baannachaa Darsoo yeroo Bariisoon Bulchaa turan isaan ammoo kaabinee isaanii keessaa tokko ta’uun warra waliin hojjechaa turanidha. Obbo Baannachaan amma Magaala Bulee Horaa jiraatu.
Akka isaan jedhanitti, Bariisoo Dukkallee goota jaalala uummataa qabuufi yeroo sanatti Gujii misoomaan nama ija banan.
“Jalqaba yeroo inni bulchaa ta’ee dhufu ani ajajaa ‘Hizbaawii Sarawit’ ture. Waliin duullee lootee seentota Ziyaad Baaree ittisaa turre. Yeroo duula nu faana bahullee sagalee ofiif bilcheeffata [sagalee=nyaata]. Quuqama hawaasaa qaba,” jedhu waa’ila isaanii durii kana yoo ibsan.
Bariisoo Dukkalee konyaa Bulee Horaa kana bara 1974 hanga bara 1977 akka bulchantu himama. Aanaaleen hedduun ammaa Gujiifi Gujii Lixaa jala jiran yeros Koonyaa Bulee Horaa kana jalatti bulu.
Hojiin isaan bara bulchiinsa Dargii keessa waggoota sadii keessatti Koonyaa Bulee Horaa kana keessatti hojjetan jaalala uummataa gonfachiisee maqaa gaarii dhaloonni faarsu kaa’atanii darbani jedhu Obbo Baannachi.
“Hojii isaanii karooraan hojjetu. Ji’a hammanaatti kana hojjenna jedhu. Isa xumuranii kan biraa karoorsu. Hanga isa milkeessanitti hin boqotan. Dargaggummaa qabu. Ofii mana kiraa keessa taa’anii uummanni akka magaalatti mana ijaarratu gochaa turani,” jedhan.
Keesssumaa hojiin daandii Bulee Horaafi kutaalee baadiyyaa naannichaa walqunnaamsiisuuf humna uummataa qindeessuun hojjetan hedduu akka ta’e himu.
“Daandii ofiif waliin bahanii hojjachiisu. Mana barumsaa hanga kutaa 8 qofa ture hanga 12 akka banamu godhan. Ibsaa jenereetaraa yeroo jalqabaatiif isaantu Bulee Horaa fide. Baankiin akka banamu godhan,” jedhu.
Jaalala ispoortii....
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bariisoon ispoortii hedduu akka jaalatan kan himan waa’illi isaanii durii kun, kilabii kubbaa miilaa Bulee Horaatti kan jalqabaa ta’e akka hundeessanis himu.
“Isaaan ispoortii hojjetu. Baayyee jaalatus. Ijoollee gurmeessanii akka dorgommiin jiraatu, kilaba hundeessan. Gaafa dorgommiin jiru dirree seenanii daaw’atu. Ni jajjabeessu turani,” jedhu.
Itti Gaafatamaa Wajjira Aadaafi Turizimii magaaalaa Bulee Horaa kan ta’an Obbo Golochaa Galchuu ammoo Bariisoon duudhaan uummataa akka waltajjiitti dhufuufi beekamuufis nama hojjetaa turani jedhu.
“Yeroo sana gareen ‘Kinatii’ jedhamu akka hundaa’u godhan. Aadaan uummataa akka beekamu barbaadu. Inumaa meeshaa muuziqaa kiiboordiifi ampilifaayerii biyya Keeniyaa deemanii ofiisaanii bitanii dargaggootaaf kennaniiru. Yeroo sana galma aadaallee ijaarsisan,” jedhan.
“Isaan goota har’arra dhaabatee boru ilaalee achi gahuuf hojjetu. Bara bulchiisasaa hojiin qoosaa waan hin qabneef namnis hin sobu. Hojiin qulqullummaan akka hojjetamu godhu. Goota hojjatee hojjachiisu,” jedhan.
Bariisoo Dukkalee, hogganaan bara Dargii Koonyaa Bulee Horaa Bulchaa turan jaalala uummataa nama qaban turan. Bara 1977 osuma aangorraa jiranii tasa lubbuun isaanii kan darbe.
Waa’ee dargaggummaatti du’aan boqochuu isaanii irratti hawaasa keessaaa yaadota adda addaatu dhagahama.
Hiriyaan isaaniifi namni bara sana kaabinee isaanii turan Obbo Baannachi garuu du’aatii Bariisoof sababa kan ta’e dhiibbaa dhiigaa ta’uu himu.
“Bariisoon kubbaa miilaa guddoo jaalatu. Bara 1977 kana kilabni isaan hundeessan tapha qaba ture garee dhibii waliin. Isaan isa laaluuf aachi turan. Yoo tana gareen isaanii ni moo’ame. Bariisoon guddoo aarani,’ jedhu.
“Aarii tasaa kanaan dhiibbaan dhiigaa isaanii olka’ee dhukkubsatan. Bakkuma taphaa sana Yaabeellootti dhiibbaan dhiigaa kuni irra bahee afaan cufame. Fuudhanii Yirgaalem geessanii achitti lubbuun isaanii darbe,” jedhan.
Barisoo Dukkalee duraafi isaa asilleen bulchitoonni hedduun dhufanii darbanis naannawa sanatti namni akka Barsiisoo Dukkaalee jaalala uummataa argateefi dhalootan yaadatamu hin jiru.
Wanni jaalala uummataafi gootummaa isaan gonfachiise jedhu Obbo Baannachi,
“Lola yoo ta’e nama waliin duula. Uummanni akka baratu, akka karaa baafatu, akka bosona eeggatu hojjetu. Namni uummata Gujii kana dammakse isa. Kan isa duraa barnoota nun barsiisne, karaa nuuf hin baasne Gujii kan misoomatti kaase isa,” jedhan.
Jaalala isaaf qabanirraa dhaloota amma jiru kana keessaas ilma akka Bariisoo Dukkaalee uummataaf hojjetu nuuf haa kennu jennee kadhanna jedhan.

Madda suuraa, Komunikeeshinii magaalaa Bulee Horaa
Yaadannoo Bariisoo Dukkaleef…
Bariisoo Dukkalee Gujiitti hojii bara bulchiinsa isaanii hojjetaniif yaadannoo hedduun magaala Bulee Horaa keessatti kaa’ameefii jira.
Magaalli Bulee Horaa ji’a muraasa dura waggaa 100ffaa yeroo kabajattetti suuraan Bariisoo Dukkaaalee caalbaasiidhaan Birrii Miliyoona laamaa olitti gurgurame.
Akka Itti-gaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii magaalaa Bulee Hora Obbo Gololchi jedhanitti, yeroo ammaa kana magaalaa Bulee Hora keessatti yaadannoo goota kanaa hedduutu kaa’amee jira.
“Manni-barumsaa , manni-kitaabaa, baankileen damee isaanii, Yunvaarsiitiin iskolaarshiipii maqaa isaatin moggaafamee jira . Koolleejjii barsiisotaa keessa siidaan dhaabbateefii jira.
Siidaa guddaan walta’iinsa Yunvaarsiitii Bulee Horaafi Bulchiinsa Magaalichaatiin hojjetamaa jirus xumurarra kan jiruufi dhiheenyatti akka eebbifamus himan.
Bariisoo Dukkalee namootni hedduun jecha isaanii ‘Biyya jechuun nama’ jedhuun yaadatu.












