Erga haleellaa Hamaasii farrummaan Semeetizim US'tti 'akkaan dabale'

Farrummaan Semeetizim(Farra sanyii warra Seem) US keessa jiru erga lolli Israa'elfi Hamaas eegalee sadarkaa ''amma dura hin mul'annetti'' guddachuu daayirektarri FBI Kiristoofer Raay Seeneetii gubbaatti dubbatan.

Marii seeneetii Kibxata turee fi mormitoota waraana mormuun ''dhukaasni haa dhaabatu'' jedhaniin jeeqamerratti yakka jibbinsaa amantaa bu'uureffate keessaa harki 60 Yihuudotarratti(Jewish) xiyyeefate jedhan qondaalichi.

Lola Gaazaatti gaggeeffamaa jiruun walqabatee aarii guddaa uumameen yakki jibbinsaa kun akkaan dabaleera jedhan.

''Guutummaa bara 2023 yaaddoon shororkeessummaa dabalee ture'' kan jedhan hogganaan FBI, Onkololessa 7 Hamaas haleellaa banuu booda garuu ''sadarkaa guddaa biraatti ce'eera'' jedhaniiru.

''Gochaan Hamaasifi michootasaa baroota dura sochii ISIS Kaalifeet jedhee eegale waliin haala fakkaatuun warra socho'aniif kaka'uumsa ta'uun gargaara'' jedhan Kirsitoofer.

Dhimmi farrummaa Semeetizim kun US'tti ajandaa wayita ta'aa jirutti Niiw Yoork keessa kan jiru Yunivarsitiin beekamaan Koornel barataa maqaa peennaa 'hamaas' jedhuun warra Yihudaa Yunivarsiiticha keessa jiran haleluuf dhaadate to'ateera.

Barataan waggaa sadaffaa yunivarsiitichaa Paatriik Daay jedhamu meeshaa waraanaa fudhatee mooraa galuun ''dubartoota Yihuudaa dirqiin akka gudeedu, ilmaan Yihuudaa ammoo morma akka muru dhaadate'' jedhe poolisiin.

Farrummaan Semeetizim UK fi Faransaay keessattis akkaan dabaleera. biyyootni kunniin akeekkachiisa baasaniiru.

Hogganaan FBI, Kiristoofer akka jedhanitti, uummata US keessaa warri Jeew (Yihudootaa) dhibbeentaa 2.4 haa ta'aniyyuu malee yakka jibbinsaa amantaa bu'uureffate keessaa dhibbentaan 60 isaanirratti xiyyeefateera.

Warri Jeew akkuma jiruun xiyyeeffannaa shororkeessummaa ta'aniiru jedhan.

''Yeroon kun kan itti bir'atan osoo hin taane kan itti naannoo ofii ilaallatani'' jedhan.

''Jireenya guyyuu gaggeessuu hin dhiifnu - mana barnoota dhaquu, mana amantaa deemuu, fi kan kana fakkaatan - garuummoo naannoo keenya hordofuu qabna.''

Aanga'oonni US yakka jibba warra Jeew (Yihuudaa) babal'achaa jiru hubataniiru.

Bulchiinsi Baayidan Wiixata darbe ibsa baase tokkoon yakka jibbinsaafi yaaddoowwan sababa kanaan dhufan hanqisuuf hariiroon kominikeeshinii aanga'oota sadarkaa adda addaa gidduu jiru akka cimu ajajeera.

Hogganaan FBI waayee farrummaa semeetizim babal'achaa jiruu fakkeenya yoo kennan torbee darbe Teksaasitti nama boombii hojjechaa jiruufi kanneen warra Jeew ajjeesan jajjabeessu to'atamuu, namni biraan ammoo Illiniyoos keessatti Musliima ganna jahaa ajjeesuun qabamuu himan.