Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa fi UAE Ittisa shororkeessummaa dabalatee waliigalteewwan 17 walii mallatteessan
Yunaayitid Arab Emireetisiifi Itoophiyaan duula farra shororkeessummaa, Inveestimeentiifi qonna dabalatee dameelee adda addaa 17 irratti waliin hojjechuuf waliigaltee raawwatan.
Pireeziantiin Yunaayitid Arab Emireetisii fi bulchaan Abu Daabii, Sheek Mohaammad bin Zaayed ganama har'aa daawwannaa hojiif Finfinnee kan qubatan yeroo ta'a galgala kana ammoo jilli isaanii aanga'oota dameelee adda addaa Itoophiyaa waliin waliigalteewan waliin hojjechuu raawwataniiru.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti biyyoota lamaan gidduu waliigalteewwan kunniin kan raawwataman Ministirri Muummee Abiy Ahimadiifi Sheek Mohaammad bin Zaayed addatti hariiroo biyyoota lameenii irratti jiloota isaanii waliin erga mariyataniiti.
Waajirri Ministira Muumme ibsa gabaabaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarra baaseen ''biyyootni lameen faayinaansii, ittisa shorokeessummaa, gibira, inveestimeentii fi qonna dabalatee dameelee adda addaa 17 irratti waliigaltee raawwatan'' jedheera.
Dameelee waliigalteen irratti mallaattaahan muuraasa malee bal'ina waliigalteewwan kanaa irratti ibsi kenname hin jiru.
Waliigalteen biyyootni lameen mallatteessan kun ajandaa guddaa ''Walta'iinsa Olaanaa Badhaadhina Waloof'' (Profound Cooperation for Mutual Prosperty) jedhu jalatti gaggeefame.
Ammayyummaa babal'isuurratti humna mootummaa dabaluu, indaastiriifi teeknolojii ammayyaa wal-jijjiiruu irratti waliigalteewwan xiyyeeffatan kan mallattaa'an yeroo ta'u, irra caalaan waliigalteewwanii kaampaniiwwan gurguddoo UAE fi Abbaa Taayitaa Inveestimentii Itoophiyaa gidduutti mallateeffame.
MM Dr Abiy Ahimed ibsa ganama kana fuula miidiyaalee hawaasaa itti fayyadaman irra baasaniin, ''hariiroon biyyoota lamaanii guddachaa jiru mul’ata waloo fi kabajaa irratti kan bu’uureffatedha,’’ jedhan.
Sheek Mohaammad yeroo dhumaaf Itoophiyaa kan daawwatan bara 2018 yeroo MM Abiy Ahimed aangoo qabatan ture.
Ergasii daawwannaan kun kan jalqabaa isaaniiti. Bara 2018 Sheek Mohaammad biin Zaayiid MM Dr Abiyyii Ahimadiifi Pirezidaanti Isaayaas Afawarqii badhaasa biyyattii guddicha badhaasaniiru.,
Yeroo sana Itoophiyaa fi Eertiraan erga waggoota 20 oliif adda citanii turanii araramuu isaanii hordofee badhaasa 'meedaala pirezidaantummaa Zaayiid' kennamedha.