'Loltuun US kan biyyashee seenee jibba sanyummaa baqateeti' jette Kooriyaan Kaabaa

Kooriyaan Kaabaa loltuun Ameerikaa Tiraavis Kiing ji'a darbe biyyashee baqatee kan seene sababa ''akka namaatti sirnaan hin qabamneefi loogii sanyii'' waraana biyyattii keessa jirurraa ka’eeti jette.

Dargaggeessi ganna 23 kun Adooleessa18, 2023 daawwannaaf naannoo daangaa Kooriyaa Kibbaa irra osoo jiruu ture kan fiigee gara Kooriyaa Kaabaa seene.

Tiraavis Kiing seeraan ala daangaa qaxxaamuree Kooriyaa Kaabaatti 'koolugaltummaa gaafachuu akka barbaade amaneera'' jechuun miidiyaaleen mootummaa Kooriyaa Kaabaa gabaasan.

Waashingitan garuu himannaa dhimmicharratti Piyoongiyaang yeroo jalqabaatiif yaada kennite kana mirkaneessuu akka hin dandeenye himte.

Haalli nageenya loltuu Ameerikaa kun yaaddessaa ta’aa kan adeeme yoo ta’u, erga daangaa qaxxaamuree mul’atee ykn wayita dubbatu dhagahame hin beekamu.

Mariin qondaaltota Kooriyaa Kaabaa fi Ajaja Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma Kooriyaa ilaallatu taa’ama jira.

Gabaasa miidiyaalee Kooriyaa Kaabaa kanaaf deebii kan kennan qondaalli Peentaagoon tokko, dursi Tiraavis Kiing 'karaa kamiinu' nagaan gara manaatti deebisuuf ni kennin jedhan.

Kooriyaan Kaabaa akkatti Tiraavis Kiing qabdu hin ibsine, garuu loltuun kun ''karaa seeraan alaa'' biyyatti seenu amaneera jette.

Gabaasni dhaabbata oduu mootummaa Kooriyaa Kaabaa KCNA’n loltuun kun seeraan akka himatamu ykn adabbii biroo isa mudachuu isaa garuu hin ibsine.

Xiinxaltonni akka jedhanitti, Tiraavis Kiing akka miidhama, koolugalaa ykn yakkamaatti hin ilaalamu.

Akkasumas haala keessa jiru fi bakka amma jirus hin kaafne.

''Qorannoo kanarratti, Tiraavis Kiing Waraana Ameerikaa keessatti akka namaatti sirnaan qabamu dhabuu fi loogii sanyii irra gaheef gara Kooriyaa Kaabaatti baqachuuf murteessuu isaa himateera,'' jedha dhaabbanni oduu mootummaa Kooriyaa Kaabaa KCNA.

"Hawaasa Ameerikaa keessatti wal-qixxummaa dhabamutti mufachuun himuun, Kooriyaa Kaabaa ykn biyya sadaffaatti kolugaltummaa akka barbaadu ibseera."

Tiraavis Kiing ispeeshalistii waraana keessatti iddoo diinni jiru sakkatta'u (reconnaissance specialist) ta'uun hanga bara 2021tti waraana keessa ture.

Osoo daangaa Kooriyaa Kaabaatti hin qaxxaamuriin dura nama reebuun himatamee, ji’oota lamaaf erga hidhame booda Waxabajjii 10, 2023 hidharraa gadhiifame.

Himata naamusaa walqabatu irratti dhiyaateef gara UStti deebi'uutu irra ture, garuu buufata xiyyaaraa keessaa bahee daawwannaaf Zoonii Waraanarraa Bilisaa daangaa Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa adda baasutti imale.

Zooniin Waraanarraa bilisaa(DMZ) jedhamu kun naannoo addunyaa irratti eegumsa cimaa qaban keessaa tokko kan ta'e, dhootuun kan guutame, dallaa elektirikii fi sibiilaatiin kan marfamee fi kaameraa hordoffii qabu.

Eegdonni sa’aatii 24 dammaqinsaan eegun kan qaban yoo ta’u, wayita Tiraavis Kiing daangaa qaxxaamuru garuu loltoonni Kooriyaa Kaabaa naannicha hin turre jedhu namoonni taatee sana argan.

Maatiin Tiraavis Kiing duraan miidiyaalee Ameerikaatti akka himanitti, waraana keessatti jibbi sanyummaa irra- deddeebiin waraana keessatti isa mudateera.

Akkasumas osoo hin badiin dura fayyaan sammuu dhabeera fakkaata jedhan.

''Abjuu guddaa keessa akkan jirutu natti dhagahama,'' kan jedhan haati isaa Kilaawudiin Geetis, maatiin deebii argachuuf abdii kutataniiru jedhan.