Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan loltuushee badee barbaaduuf Kooriyaa Kaabaatti bilbiltus naaf hin kaasne jette
Kooriyaan Kaabaa loltuu Ameerikaa daangaa ishee bakka eegumsa cimaa qabu qaxxaamure hiitee turte. Ameerikaan loltuushee kana akka gadhiistu marisisuuf jecha itti bilbiltullee deebii hin arganne jechuun ibsite.
Tiraavis Kiing Kibxata darbe Zoonii Waraanaa irraa bilisa ta’e (DMZ) Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa qoqqoodu qaxxaamure.
Humni Waraanaa Ameerikaa Peentaagoon Kooriyaa Kaabaa qunnamee akka ture Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa himaniiru.
"Akkan hubadhutti qunnamtiiwwan gooneef ammallee deebii hin arganne," jedhan.
Tiraavis Kiing eessa akka jirus ta'e hireen isaa akkam akka ta’u Kooriyaan Kaabaa waanti ibsite hin jiru.
Rakkoon kun kan mudate yeroo muddamni Ameerikaa fi Kooriyaa Kaaba giddu jiru hammaatetti.
Waggoota dhiyoo asitti hariiroonKooryiaan Kaabaa US waliin qabdu baay’ee qorreera.
sababiin isaas Piyoongiyaang misaa’ela humna guddaa qaban kanneen baaruda niwukilaraa baachuu danda’an heddu yaaltee jirti.
Ameerikaan gorsa imala ishee irratti lammileen biyyattii gara Kooriyaa Kaabaatti akka hin imallee akeekkachifte.
Kooriyaan Kaabaa biyyoota addunyaa irratti moggaatti baafaman keessaa ishee tokko.
Sababa Ameerikaan lammileen ishee garasitti akka hin imalle dhorkituuf ammoo 'yaaddoon hidhaa ittifufee waan jiruu fi yaaddoon dogoggoraan hidhamuu''ni jira.
Tiraavis Kiing biyya ganee gara Kooriyaatti dhessuu fi dhiisuun ammaaf ifa miti.
Ogeeyyiin akka jedhanitti loltuun sadarkaa gadi aanaa jiru akkasii ololaafi bu’aa basaasaa xiqqaa qabaata, kunis Kooriyaan Kaabaa akka isa gadhiiftu kakaasuu mala - garuu maaltu isa akka mudatu ifatti waanti breekamu hin jiru.
Maaltu akka ture wallaaluun ammoo tarkaanfii itti aanu tilmaamuun rakkisaa taasisera.
Loltuun Ameerikaa tokko yeroo xumuraaf gara Kooriyaa Kaabaatti erga dheessee waggoota kudhaniin lakka’amu lakkoofsiseera.
Piyoongiyaang yaaliiwwan Ameerikaan waliin haasa’uuf gootuf deebii kennuu dhabuun ittuu shakkii uumaa jira.
Tiraavis Kiing adabbii naamusaa irratti darbu fudhachuuf Kooriyaa Kibbaarraa gara Ameerikaatti xiyyaaraan deebi'uu qaba ture.
Garuu dargaggeessi ganna 23 Tiraavis Kiing
Kibxata darbe buufata xiyyaaraa Inchihon Se’oolitti cinatti argamurraa eegdota waraanaa isaa waliin yeroo addaan ba'u xiyyaaricha hin yaabbanne.
Tiraavis Kiing daawwannaa dursee karoorfamef gara daangaa Kooriyaa Kaabaatti qajeele - bal'inaan akkamitti akka sana gochuu danda'e ammallee ifa miti.
Qondaaltonni ittisa Ameerikaa akka jedhanitti, loltuun kun ''fedhiidhaan'' naannoo addunyaa irratti eegumsa cimaa qabu keessaa tokko ta’e qaxxaamuree Kooriyaa Kaabaatti ce’e.
Zoonii Waraanaa irraa bilisa ta’e (DMZ) jedhamu erga Waraana Kooriyaa bara 1950moota keessa Ameerikaan Kooriyaa Kibbaa deeggartee as biyyoota lamaan addaan qoodaa ture.
Waraanni Kooriyaa lamaani yeroof dhukaasa dhaabuun goolame, kunis gama lamaan ammallee waraana keessa jiru jechuudha.
Waraanicha booda loltoonni Ameerikaa kuma kudhaniin lakkaa’aman Kooriyaa Kibba keessa hafan.
Piyoongiyaang Tiraavis Kiing ololaaf itti fayyadamuun Waraana Ameerikaa qeequu dandeessi jedhan xiinxalaan marsariitii ispeeshaalistii Se’ool keessa maadhefate NK News jedhamuu Jeemsi Firitweel.
"Kiing yeroo dhiyootti miidiyaalee mootummaa Kooriyaa Kaabaarratti mul'achuu danda'a.
Garuu yeroo qorannoo isaarratti hundaa’a, tarii Covid-19 addaatti baafamee yeroo hangamiif akka turu irratti hundaa'a," jedhan.
Kooriyaan Kaabaa ammallee weerara vaayirasii koronaaf daangaa cufatti.
Garuu Jeenii Taawun, daayreektarri Sagantaa Stimson Center's 38 North Program jedhamuu , Kiing''seenaa loltuu baayyee gaarii ykn dirqisiisaa hin uumu'' jetti.
"Yeroo dheeraa duras loltoonni Ameerikaa biyyattii ganan achuma akka turaniif eyyamameefi jira... Garuu dhimmoota sana keessatti, [seenaa isaanii] bu’aa siyaasaa waan qabuuf yeroon baayyee adda ture," jetti.
Gama biraatiin ammoo, dhoksaan dippilomaatonni fi qondaaltonni waraanaa waan ta’aa jiru baruuf lammiilee Kooriyaa Kaabaa waliin haasa’uuf yaalaa jiru.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Maatiw Miilar akka jedhanitti, Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa waliin hariiroo dippilomaasii hin qabdu, garuu karaalee biroo ittiin wal qunnamtu qabdi.