Wiiliyaam Ruutoo harka kennachuun humna 'qeerroo' Afrikaa agarsiisa

Taateen Wiiliyaam Ruutoo wixinee baajataa mootummaan isaanii qopheesse akka dhiisan dirqisiise ardii dargaggootaan guutamte Afrikaa keessatti humni 'qeerroo' hammam jabaa akka tahe agarsisa.

Fincillii fi diddaan dargaggootaa miidiyaa hawwaasaa irratti jabaatee lafarrattis hanga mooraa Paarlaamaa imale gaggeessaa addunyaa irratti beekamu Wiiliyaam Ruutoo harka kennachiisuun imaammata isaanii akka dhiisan taasise.

Wiiliyaam Ruutoo Roobii kaleessaa yoo ibsa kennan daballiin gibiraa maaliif biyyattiif akka barbaachise bal'inaan ibsanii ture.

Mootummaan isaanii Keeniyaa dhiibbaa liqaa jalaa baasuufi dinagdee biyyattii tasgabbeessuuf jecha filannoo hadhaawaa kana fudhachuuf akka yaade ibsaniiru.

''Wixineen Faayinaansii kun barbaachisaadha. Biyya keenya idaa jalaa baasuun walabummaa akka qabaattu taasisuuf murteessaa ture,'' jedhan.

Garuu mormiin gidduu kana isaan mudate guutummaan yaada isaanii akka jijjiiran dirqiise.

Madda galii haaraa gara biraa argamsiisuu irra mootummaan Ruutoo baasii mootummaa xiqqeessuuf karoora haaraa baasuuf qophii tahuu hime.

Baasii waajjira isaa xiqqeessuu dabalatee, komii guddaa malaammaltummaa irratti ka'u irratti xiyyeeffachuu fi qisaasama baajata mootummaa hir'isuu irratti akka hojjetu hime.

Pirezidaantiin Keeniyaa, Ruutoon komii dargaggootaa dhaggeeffachuuf kallattiin akka waliin marii gaggeessanis himaniiru.

Dargaggoonnis karaa X [Tiwiter] tamsaasa kallattiin galuun marii gaggeessaa turan.

Ruutoon miseensota paarlaamaa wixinichi akka darbu deeggaran fuuldura dhaabbachuun yoo dubbatan, sagalee kennuun akka darbuuf deeggaruu isaaniif galateeffataniiru.

Baay'een isaanii garuu wixinicha deeggaranis gaafa pirezidaantichi yaada isaanii jijjiiran arguun sagalee isaanii gatii dhabsiiseera.

Guyyootni lamaan darban pirezidaantichaaf guyyaa miixuu tahuun isaanii shakkii hin qabu.

Humnootni nageenyaa isaa mormitootatti dhukaasuun ajjeesuun qeeqamaniiru. Yoo xiqqaate mormii guutummaa biyyattiitti waamame irratti humnootni nageenyaa namoota 22 ajjeesuu gabaafameera.

Mormii dargaggootaan durfamu kana keessa yakkamtootni fayyadamuu fi miidhaan dhaqabuu kan himan Ruutoon ''gantummaadha'' jechuunis ibsanii ture.

Paarlaamaan biyyattii mormitootaan weeraramuun mancaatii fi saamichi guddaan irratti raawwatameera.

Imaammata isaa kana mallatteessuu dhiisuun isaa ammoo aariin dargaggootaa sirrii tahuu agarsiiseera.

Uummanni biyyattii ammas dhimma kana irratti wabii akka kenninuuf barbaada kan jedhan Ruutoon dhimmichi uummata waan dheekkamsiiseef dhaggeeffachuun dirqama akka itti tahes ibsaniiru.

''An mootummaan gaggeessa. Garuu kaniin hogganu uummatadha. Uummanni ammoo yaada isaa dubbateera,'' jedhan.

Ammas gaaffiin jiru Ruutoon wixinee kana dhiisuun isaa gaaffii uummataaf deebii gahaa tahaa kan jedhudha.

Kaan pirezidaantichi akka aangoo gadhiisuuf mormii itti fufuu qabna jedhu. Kun fuulduratti akkamiin akak deemu kan ilaallu tahee garuu hawwaasni idl-adunyaa waan Keeniyaatti tahaa ture irra ija kaawwachuun hordofaa turan.

Kun ilaalcha adunyaan Ruutoof qabdu irrattis dhiibbaa qabaata.

Michoonni Keeniyaa fi Barreessaa Olaanaan UN, Antooniyoo Guutires Keeniyaan mirga mormii nagaa gaggeessuu eeyyamuu akka qabdu dhaaman.

Ibsi michoonni Keeniyaa kennan dubbii fi dheekkamsa Ruutoo Kibxataa fi Roobii gidduu jiruu kan jijjiire fakkaata.

Erga aangoo qabatanii waggaa lama kan hin guunne Wiiliyaam Ruutoo hojiin isaanii itti aanu amanamummaa uummataa dhaban deebisanii argachuu irratti kan xiyyeeffatu taha.

Ruutoon harka kennachuun ammoo mormitoota isaas waan barsiisu qaba.

Ruutoon yaada jijjiirachuun mufii dargaggoota Keeniyaan qofa kan dhufe osoo hin taane inni mataan isaas mormicha kan qabsiise darggoota Keeniyaa tahuu beekamtii waan kenneefi.

Ardiin Afrikaa uummata ishee harki sadii arfaffaan dargaggoota umurii 35 gadiin kan guutamedha.

Mormiin Keeniyaa bu'aa argamsiise ammoo mormii qindaa'aa fi kutannoo qabu akka hoggantootni isaanii dirqamanii isaan dhaggeefatan kan taasisuu tahuuf ragaadha.